Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Sudan gama kibbaa Hiree murteeffannaaf sagalee kenne


Hiree murteeffannaa Sudan gama kibbaaf uummati heddumminaan ba’ee sagalee kennuu erga jalqabee guyyoti shan darbaniiru.

Taajjabdoonni, diplomaatonni sadarkaa addunyaa fi sabaa himaaleen akka gabaasanitti sagalee kennuun gamasii nagaa fi tasgabiin geggeessamaa jira.

Sagalee kennuun sanbata borii jechuunis Amajjii 15 kan xumuramu si’a ta’u uummati dhibba irraa harka jaatamaa ol ba’ee filachuun isaa gabaasamee jira. Ba’iin filannoo kanaas jalqaba baatii Guraandhalaa irra ni beeksisama jedhamee eegama.

Waajjira sagantaa misoomaa kan tokkummaa mootummootaa Juba jiruuf hoogganaan bulchiisa daldalaa Obbo Caalaa Geetaachoo adeemsi filannoo sun haala gaariin adeemsisamaa jira jedhu. Nagaa fi hookkarri tokko iyyuu wiirtuulee filannoo magaalaa Juba keessaa kan hin dhaga’amne tuquu dhaan uummati hedduun walabummaaf sagalee kennuu isaa dubbata jedhan. Haalli Abyei garuu amma iyyuu furmaata hin arganne. Qiyyaafati sadarkaa addunyaa itti kennamee irratti kan hojjetamu ta’unis beekameera.

Gabaasa guutuu MP3 tuuun dhaga’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG