Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vizaa Ilaalchisee Ibsa Embaasiin Amerikaa Finfinnee Irraa Kenne


Vizaa Ilaalchisee Ibsa Embaasiin Amerikaa Finfinnee Irraa Kenne
Vizaa Ilaalchisee Ibsa Embaasiin Amerikaa Finfinnee Irraa Kenne

Finfinnee kan jiru Embaasiin Amerikaa ibsa har’a baaseen akkaataa vizaan itti kennamu akkuma duriitti itti fufee jira jedha.Kanneen ammaan dura vizaa argatanii turan irra deebi’anii haareessuu fedhan baatii 12 hin guunne taanaan iyyachuu danda’uu jedha Ibsii kun.Garu nageenyaaf jecha sakatta’aa gaggeeffamu keessa darbuun dirqama ta’u isaa fi barbaachisaa taanaan gaaffii fi deebii gageessuuf qonsilaan akka waamuu danda’uu hubachisee jira.

Namoonni umriin isaanii 17 hanga 79 ta’e gosa vizaa tokko tokko irraa kan hafe qaamaan argamanii iyyannoo dhiyeeffachuun akka qaban ibsee jira.

Biyyoota 7 kanneen Amerikaa akka hin senneef Prezidaant Traamp ugguranii turan murtii manni murtii kenneen ministriin dantaa alaa Amerikaan fudhatama kan qabu ta’u hubachisee lammiwwan biyyoota Torbanii ta’an sirna deemsa vizaa ittiin argatan ka baratame sanaan iyyachuu danda’uu jedhe.

XS
SM
MD
LG