Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa'ee Marii Araaraa ka Muummichi-ministeraa Melles Dubbataniif Deebii Mormitoonni Kennan


"sararri diimaan irra cehamuu hin danda'amne tokkoffaa, heera mootummaa fi sirna heera sanaan hundeessame fudhachuu fi kabajuu, lammaffaa, kana keessatti kaayyoo isaanitti fakkaate karaa nagaa fi seera-qabeessa taheen geggeeffachuu dha" jedhau Obbo Melles

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Melles Zeenaawii dhiheenya kana ibsa gaazzexeessota biyya keessaaf kennaniin, kan heera Mootummaa fudhatee fi qabsoo isaa karaa nagaa geggeessuuf qophaa’ee, garee mormituu kam wajjiiniyyuu araara dubbachuuf mootummaan isaanii qophii tahuu hubachiisanii jiran.

“Garees tahe nama polotikaa dal’ane, ka guddaa dal’anes tahe ka xiqqaa dal’ane, ka dal’anee qawwee fudhatee ka’ees tahe ka qawwee hin fudhatiin waliin dubbachuuf mootummaan qophii dha, ” jechuun ka gaazzexeessotaaf ibsan, Obbo Melles, dhaabota hidhatootaa bulchiinsa naannoo Somaalee keessaa lama waliin araara mallatteessine, jechuun ka mootummaan isaanii beeksise irraa ka'uun kana dubbatan. Marii araaraa kanatti hirmaachuuf, haal-duree gama mormitootaa tii guutuu qabu ennaa dubbatan immoo, "sararri diimaan irra cehamuu hin danda'amne tokkoffaa, heera mootummaa fi sirna heera sanaan hundeessame fudhachuu fi kabajuu, lammaffaa, kana keessatti kaayyoo isaanitti fakkaate karaa nagaa fi seera-qabeessa taheen geggeeffachuu dha" jedhan.

Yaadni marii araaraa kun, dhaabota mormitootaa akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Ginbot 7 faa ka dabalu yoo tahe gaafatamanii, dhimmi guddaan qajeelfamoota sana tahuu isaa fi haga qajeelfamoota sana kabajanitti mootummaan isaanii eenyu waliinuu ka dubbatu tahuu eeran.

Yaada Obbo Melles kana mormitoonni akkamitti akka ilaalan adda-baafachuuf, hoogganoota dhaabota mormitootaa gaafanne keessaa, Ginbot 7 irraa Dr. Birhaanuu Naggaa ennaa deebisan, "Melles fi gurmuun isaa ka dubbatan akka dubbii ija qabuutti fudhatanii, dhugaa dha jedhanii amananii, dantaa biyyattii waarinsa qabuuf yaadanii, hegeree biyyattii ilaalchisuun humnoota mormitootaa waliin dubbachuun furmaata fidu, amantaan jedhu, waggoota kudha-sagalee booda kan akka fixeensaa urkee dhume . . . . waan jarreen kun dubbatan akka dubbii dhugaatti fudhatanii waa hojjechuun waan danda'amu natti hin fakkaatu, garuu, nuti akka Ginbot 7tti, rakkoo polotikaa Itiyoophiyaa karaa nagaa furuu yaaluu itti amanna, ni deggerras," jedhan.

Dhaasbota mormitootaa biyya keessatti karaa nagaa sirnaan socho'an irraa immoo, hoogganoota Medrek keessaa tokko ka tahan, Obbo Mararaa Guddinaa, "dubbii sana keessaa wanti haaraan abdii namaaf kennu hin jiru. Waggoota digdamman dabran kanuma jechaa turan . . . Mootummaan kun wanti inni dubbatuu fi wanti inni hojjetu, Waaqaa fi lafa wal irraa fagaata. . . . Ijaa kanaa waan haaraan keessa jira, jechuudhaaf, gaafa isaan hojii irra oolchan, gaafa isaan ba'eessa hojjetan yoo argine malee kana dubbatanii fi sana jedhaniif waan abdii namaa kennu hin jiru," jedhan.

Yeroo Obbo Melles gaazzexeessotaaf ibsa kennan sana ka gaaffiin gaazzexeessotaa itti qiyyaafate tokko waa'ee Adda Bilisummaa Oromoo ture. Miseensa Gumii-sabaa Adda Bilisummaa Oromoo waajira Asmaraa dhaa qabuu fi dubbi-himaa dhaabichaa, Dr. Bayaan Asobaa gaafannee ennaa deebisan, "Dubbiin Melles Zeenaawii torban dabre sun waan duraan dubbatamaa ture irraa waan addaa ti jennee hin fudhannu . . . Gama keenyaan haasaa nagaa dura hin dhaabbannu. Haasaan nagaa nuti barbaadnu immoo, haasaa haal-duree tokko illee hin qabne, bakka humni gam-kamiifuu hin baabsine argametti ka geggeessamu. Rakkoo Mootummaa Itiyoophiyaa fi uummata Oromoo gidduu jirtu, ABO gidduu jirtu karaa nagaa furuudhaaf ammaan dura yaalii hedduu tu godhame, yeroo heduu bakka bu'aa mootummaa Wayyaanee wajjiin wal agarree haasofne. Haasaa kana hunda keessatti Mootummaan Wayyaanee yeroo tokko illee garaa qulqulluudhaan gaaffii siyaasaa uummata Oromoo karaa nagaa keessummeessuudhaa fi furuudhaaf karaa tolchuuf yeroon itti dhihaate hin jiru. Ejjennoo wanta nu jenne fudhaa, jedhanii dhihaatanii, akkasitti immoo haasaan nagaa hin deemu . . . " jedhan.

Bal'ina qophii kanaa fuuluma kana irraa MP3 ka jedhu tuqaa tii dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG