Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa'een Dimokraasii Bal'inaan Irratti Hin Dubbatamne.


Ministrittiin haajaa alaa yunaaytiid steetes Hilarii Kliinton fi mummichi ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zenaawwii mariin gaggeessan haala nageenya naanoo fi kutaa gaanfa Afrikaa irratti kan fulleefate ta'uun ibsamee jira.Marii kana ilaalchisee dubbi himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Dinaa Muftii raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsantti,deemsa Dimokraasii Itiyoophiyaa keessaa kan ilaaleen haala addaan ilaalame irratti hin dubbatamne.

Kabajamuu mirga dhala namaa fi Dimookraasiin Itiyoophiyaa keessaa rakkoo qaba kan jedhan mormitoonni Ms kliinton dhiibbaa akka godhaniif fedhii qabu turan.Haala ammaan dura hin baratamneen aangawaan Amerikaa gama mootummaa qofa haasoofsisanii deebi'uun kun kan isaantti hin tolle ta'uu kan ibsan itti gaafatamaan waa'ee jarmayaa kan gamtaa MEDREK Dr Mararaa Guddinaa kana kan godhaniifiis mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa gochu dadhabanii ykn hin barbaanne ta'a jedhu.

Itti fufuudhaaniis qiyyaafanni isaanii gara caalaan duula shoroorkessoota irratti gaggeefamu waan ta'eef jecha waa'een Dimokraasii ajandaa isaanii ka duraa ta'u hin dandeenye jedhan

MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG