Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’een Kutaa Abyei Kan Suudaan Wal FalmisisaaTa’eera


kutaa boba’an badhaate kan sudaan Abiyee keessaatti walitti bu’iinsa uumame qabbaneesuuf yaalii ta’uun, mootummonni gama kaabaa fi gama kibbaa humnootii ofii kutaa sana keessaa baasuu kan jalqaban yoo ta'u,humnootii gam lameen irra walitti dhufantu naannoo to’ataa jira.

Tokkummaan mootummotaa Dilbata darbee ibsa baseen, bakka butonni gam lameenii humnootii seeraan ala kutaa sana keessa jiran baasuuf walii galan.Kutaan Abiyee daangaa Sudaan gama kaabaa fi gama kibbaa irratti kan argamtu yoo ta’u walii galteen nageenyaa kan walii galaa wal waraansa waggootii 20 caalaa xumusise sana booda garuu, kutaa wal falmisistuu taatee jirti.

Akka walii galtee duraan tolfameetti, Abiyeen garamitti ha cittu? isa jedhu irratti uummatti sagalee murtefannoo kennuu qaba kan jedhuutu lafa ka’amee ture.Garuu daangaan sararamu eessa ta’uu qaba? akkasumas eeyuutu sagalee kennuu qaba isa jedhu irratti rakkoon uumame dhimmi kun akka lafa irra harkiifatu taasise.Kun immoo amma daran muddama jiru hammeesse.

Baatii Adooleessa fullee keenyaa Suudaan gama kibbaa biyya walaba taatee labsamuuf qopha’aa yeroo jirtu kanati jedha garee sadarkaa adduyaa International crisis group cee’uumsa wal qixxaataa argamsisuuf dhimmi Abiyee akkaan barbbachisaa dha.

Abiyeen gosa gama kibbaa waliin hidhata qabu Ngok Dinkaa jedhamantu keessa jiraata.Garuu gosa gama kaabaa waliin hidhata kan qaban Misseriyaan, kutaa kana lafa dheediichaa godhachuun itti gargaaramu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG