Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waaltaan Waldaa Kirstaanaa Tokko Baqattoota Sudaan Kibbaa Gargaaraa Jira


Waaltaan Kirstaanaa Tokko Baqattoota Sudaan Kibbaa Gargaaraa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:10 0:00

Waaltaan Kirstaanaa Tokko Baqattoota Sudaan Kibbaa Gargaaraa Jira

Waldaan Kirstaanaa St Mary Help of christiasns Cathedral jedhamu yeroo ammaa lammiiwwan Sudan Kibbaa 8,500 erga baatii Waxabajjii keessda hookkarri ka’ee kanneen lola magaalaa Wau keessaa baqatan gargaaraa jira. Francis Mogga angawaa mooraa Sanaa ti.

Waldaan kirstiyaanichaa dhaaba amantii hundee godhate yoo ta’u gargaarsa namoomaa kennuu dhaan yeroo rakkootti uummata kee cina dhaabachuu qabda amantii jedhu qaba jedhan.

Waaltaan namoonni biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa godaanan kan keessa qubatan kan waldaa St.Mary jedhamuu kun uummata qe’ee irraa buqqa’e hanga manatti deebi’anitti maatii isaanii waliin dhufanii waldaa sana keessa jiraatan kanaaf bakka sagadaa qofaa miti.

Namoota qehee ofii irraa buqqa’anii haarawa dhufan sana simachuun, akkuma waan qajeelfamoota Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamanii jiran hojiin mul’isuu ti. Waldatiin Kiristaanaa iddoo qubannaa kenniteef. Sagantaan Nyaata Addunyaa ka Tokkummaa Mootummootaa Nyaata gargaara. OXFAM gargaarsa bishaanii kenna. Jaarmayaan Godaansaa ka sadarkaa Addunyaa IOM wal’aansa fayyaan gargaara.

Garuu, ammma illee rakkoo tu jira bakka sana. Akkuma naannoolee biyyattii ka biroo hanqina nyaataa tu jira. Barnootni ijoollee danqamee jira. Buqqaattonni haaraan immoo amma illee ittuma dhufaa jiran. Lafti waldatiin qabdu immoo, murtaawaa waan ta’eef wal-muddinsa guddaa tu uumamaa jira

XS
SM
MD
LG