Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waaltaan Mirga Dhala-namaa Gamtaa Afrikaa Ijaaramuun Dhiittaa Amma Geggeessamaa Jiru Hin Dhaabu


Mooraa waajira Gamtaa Afrikaa Haaraa Finfinneetti, Chaayinaan ijaartee keessatti Waaltaan yaadannoo hhiittaa mirga dhala-namaa ardittii keessaa hundeessamuuf dhaga’an bu’uraa kaa’amuu isaa gabaasuun keenya. Yaadannoon kun miidhaa lammiwwan biyyoota Afrikaa uummatoota isaanii irratti raaw’atan calaqqisuuf jira, jedha koreen ijaarsa Waaltaa kanaa

Dhimma kana irratti Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kan ibsa kennan Dr. Alemaayehu Birruu akka jedhanitti, qaamni tokkummaa hoogganoota Afrikaa yeroo OAU jedhame hundeessame bara 1965 dhimma dhiittaa mirga dhala-namaa mootummoota ardittii keessaan geggeessamuuf ilaalchi hin kennamne. Kan irratti xiyyeeffatame koloneeffannaa alaa dura dhaabbachuun of irraa deebisuu dha. Kanaaf jecha “non-interference” jechuun dhimma walii keessaa seenuu dhiisuu yaada jedhu irratti ijaarame. Booda, bara 2000 ennaa OAUn AUtti jijjiirame garuu, seerri sun jijjiiramee akka dhimmi eegumsa dhiittaa mirga dhala-namaa keessa galu taasisame. Jechi ijoon sunis gara “non indifference” yokaan callisnee hin ilaalluutti jijjiirame.

“Waaltaan yaadannoo kun, dhiittaa mirga dhala-namaa amma Afrikaa keessatti geggeessamaa jiru irratti dhiibbaa fidu qabaachuu dhaa baate iyyuu hoogganoonni Afrikaa dhimma mirga dhala-namaaf iddoo kennanii yaadannoo kana dhaabuun mallattoo gaarii dha. Har’aaf hoogganoonni dhiittaa ofii geggeessan aguuguuf jecha godhan – jedhame iyyuu, booda booda garuu yaada eegumsa mirga dhala-namaaf yaada haaraa toosisuu danda’a” jedhu, Dr. Alamaayyoon.

Chaayinaan Waajjira Ol’aanaa Gamtaa Afrikaa Doolaara Miliyoona dhibba lama baasu ijaaruu ishee ilaalchisee ennaa dubbatan immoo, gama dinagdeen hirmaannaan biyyoota Afrikaa keessaa qabdu dabalaa deemuu isaa fi Chaayinaan waa’ee mirga dhala-namaa, dimookiraasii fi bulchiisa gaariif ilaalcha kennuu dhabuun hegeree biyyoota Afrikaa ka yaaddessu tahuu dubbatan. Biyyoota gama Dhihaaf illee dhiibbaan Chaayinaa guddachaa deemuun yaaddoo guddaa dha, jedhu Dr. Alemaayyoon.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG