Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waan Waaqayyo Fide Isumatu Deebisa Jennee Abdanna


Ijoolleen kuma hedduun kan mooraa Dadaab keessaa waan nyaatan dhaba irraa qaammi isaanii dadhabaa dha.Mooraa Dhagahley kan Dadaab keessaatti gargaarsi nyaataa kan kennamaa jiru ta’us lakkofsi baqattota gargaarsa eeggatanii daran guddaa ta’uu isaa irraa kan ka’e wal madaaluu hin dandeenye.

Dubartoota ijoollee qaban keessaa Batula Abdii, ijoolleen kun waan beela’aniif jecha halkan guutuu boo’aa bulu.Garuu waan gochu dandeenyuu hin qabnu jedhan. Mooraa Dadaab keessa yeroo ammaa baqatoonni kuma 400 kan jiran yoo ta’u lakkofsi kun dabalaa adeeme.

Rakkoo biraan mooraa Dadaab keessa jiru qoraan nyaata itti bilcheessan ykn kan godoo keessa jiraatan ittiin ijaarrattan argachuun rakkisaa dha.Midhaan ibiddaan hin bilchaanne nyaachuun fayyaa keenyaaf rakkisaa dha kana malees dhedhii nyaachuun hin danda’amu jedhu baqatonni.

Sababaa kanaaf jecha dubartonni lafa dheeraa deemanii qoraan cabsuuf dirqamu.Kun immo miidhaa adda addaaf kan isaan saaxilee ta’uu dubbatu.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG