Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Afrikaa akka wantii Itoophiyaatti hiriiraaf nama baase mariin fala argattu gaafate


Nkosazana Clarice Dlamini-Zuma, Itti gaafatamtuu koomishiinii Waldaa Afrikaa
Nkosazana Clarice Dlamini-Zuma, Itti gaafatamtuu koomishiinii Waldaa Afrikaa

Akka Dr.Nkosazana Dlamini Zuma,itti gaafatamtuun Waldaa Koomishiinii Afrikaa jettutti haalii dinagdee fi siyaasaa ji’oota dabran asitti Itoophiyaa keessaa mumullatu rakkoo hedduun dhufte.

Dubbiin lafa irratti kaatee nama hedduu fixxee,tajaajila dhuunfaatii fi ummataa, tajaajila odeeffannoollee yeroof dhaabde tun waan nama yaaddessaati akka waldaa kanaatti.

Waldaan Afrikaa maatii namii irraa dhumeef gadda qabu dabarsee akka madooleelleen ariitiin fayyitu hawweef.

Falii hunda qabu ka rakkoo siyaasaa, dinagdeetii fi hawaasummaa Itoophiyaa namii hiriira baheef hiikuu dandahu, akka Dr.Zuumaatti marii qofa.

Waldaan Afrikaa akka jecha Zuumaatti olaantummaa seeraatii fi hiriira nagaa yayyaba demokirasii jabeessuu argu fedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG