Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal ga’ii Gamtaa Afriikaa - Kamplaa


waa’ee Somalia murtii jabaa tokko dabarsuuf carraaqqii godhamaa jiru, Ertiraa-n mormitee jirti.

Ministarri-gargaaraan Ministirii Dhimma-alaa United States Johnnie Carson. Prezidaantota, ka Somalia, ka Kenyaa, Ka Tanzania, Ka Jabuutiifi ka Ugaandaa Muummicha-ministaraa Ethiopia illee itti dabalanii marii cufataaf walitti waaman.

Aangawoonnni gameeyyiin ka Gamtaa Afriikaa Itti-aantuun Muummicha-barreessaa Tokkummaa Mootummootaa Ashaa Rose Migiroo akkasumas- Dippiloomaatonni Britainii fi Faransaay illee marii cufataa geggeessame kanatti hirmaatanii jiran.

Baatii kana keessa, ega magaalaa Kamppaalaa-tti dho’insi Boombii bakka lamatti geggeessamee lubbuu namoota hedduu galaafatee booda gargaarsa loltootaa, Mootummaa Cehumsaa Somalia-f dabaluuf karoorri baafame daranuu deggersa argate. Haleellaa kanaaf AL-Shabaab kan itti-gaafatama fudhate yoo tahu Prezidaantiin Ugaandaa Yoweerii Museviinii immoo, humnoonni biyyoota Giddu-galeessa Bahaa fi ka biyyoota ASIA illee akka qooda keessaa qaban nan amana - jedhu.

Haleellaa Boombii sun Mootummmaa Moqadishoo jiru jabeessuun akka barbaachisu akka Addunyaan dammaqee hubatu taasise jedhu Ministarri-gargaaraan Ministrii Dhimma-alaa United States Jonnie Carson.

Akka Dippiloomaatonni Afriikaa jedhanitti kora magaalaa Kampaalaa-tti geggeessamaa jiru kana irratti, waa’ee Somalia murtii jabaa tokko dabarsuuf carraaqqii godhamaa jiru, Ertiraa-n mormitee jirti. Biyyi Gaanfa Afriikaa tokkittiin miseensa Igaad hin ta’iin Ertiraa-n AMISOOM-iin jajjabeessuun, akka ajajoonni isaa -- haleellaa AL-Sshabaab-f deebii kennuuf mirga qabaatan - karoora biyyoonni naannoo: Ethiopia, Kkenyaa fi Ugaandaa-n baasaa jirun hin fudhadhu - jetti.

Maaliif akka hin fudhanne, jilli Ertiraa walga’ii Gamtaa Afrikaa sana irratti argaman gaafatamanii “Hoogganoonni Afghanistan Talibaan waliin araara dubbachuu ka danda’an yoo tahe, maliif hoogganoonni Somalia Al-Shabaab waliin dubbachuu hin danda’an jedhan.

Aangawichi United States Mr. Carson garuu, mariin cufataan walga’icha cinatti geggeessame sun -mootummaa Cehumsaa Somalia jabeessuuf, waan barbaachisu mara gochuuf walii-galuu isaa dubbatan.

Waan ajaa’ibaa kaleessa mul’ate tokko immoo Ministrittiin Dhimma-alaa Afriikaa kibbaa Maite Nkoana Mashabane walga’ii dhimma Somalia sanatti hirmaachuu isaanii ti. Dura-taa’aan Koomishina Afrikaa- Jean Ping akka Afrikaa Kibbaa humna naga-eegumsaa Gamtaa Afriikaa AMISOOMI-f loltoota gumaachistu gaafachuun Prezidaant Jacob Zuumaa-tti xalayaa barreessuu isaanii duraan dubbatanii turan. Mr. Zumaa-n gaaffii kanaaf deebii qajeelaa kennan yoo tahan gaafatanii kolfuu irraa kan hafe deebii hin kennine. Garuu, booda walga’ii Gamtaa Afrikaa irratti ennaa dubbatan gaaffii sanaaf deebii kennuuf akka itti yaadaa jiran mallattoo agarsiisan jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG