Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Misooma Oromiyaa akkuma maqaa isaa hujiitti jira moo…


Haga hujii jalqabee ganna 17 keessa jira,hujiin isaa gugurdoon humna waldaa kanaa jabeessuu,humna nama waldaa kana irraa wa argatu jabeessuu,hujii misoomaa ta akka; bisaan baasuu,barnoota guddisuu,fayyaa guddisuu,qonnaa fi waan akkanaa faa guddisuu.

Akka itti gaafatamaa Waldaa Misooma Oromiyaa,Obbo Mulgeetaa Debbebee Gammachuutti,waldaan kun haga fedhanitti hojjachuu baatullee waan itti jiru ittuma jira.

“Aanalee Oromiyaa keessa jiran 110 keessatti maallaqa biliyoona gimmaasha tahuun,ummata miliyoona 14 rakkinna irratti dhaqqabeera.”

Tana malee akka jecha obbo Mulgeetaatti waldaan kun manneen barnootaa haga dhibbaa jaare,baddiyaalleetti akkanuma karaa baase.

Taatullee namii hagii tokko waldaan kun durii dhaltee dhiyoo mullatee jedha.Fkn godina tokko keessatti mana akimii tokko jalqabanii ganna sagalitti fixan faatti jiraa,waldaan kunuu dhiyoo tana akkana ufi mumullisuutti jiraa malee hujiin isaa guddoo hin mullattu jedha.

Obbo Mulgeetaan,ka ufiifuu dhiyoo hujii tanatti dhufee jedhu, rakkinnii jiru hinuma jiraa waldaan kun keennaa walumaan jabeeffannaa jedha.

Waldaan kun naannolee Oromiyaa akka akkaatti qarshii miliyoona 80 taatuun biirolee jaaruufillee qopiitti jiraa jedhaa, biiroollee jaaratanii nama ammo biyyatti beelahe maaniin gargaartan jennaan.

“Dhiyoo tanallee nama Boranaa fi Hargee dhufeen wal agarree waan gargaarsaa irratti dubbanne.”

Mee marii teenna MP3 irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG