Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldootii amantii Oromoo alaa jiran nama biyyatti beelahe gargaaruuf horii guuruutti jirra jedhan


Tokkummaan Mootummootaa dabalee dhaabbilee akka akkaa nama Afrikaa gama Gaafaatti rakkate waan hedduun gargaaruutti jiran.

Ufi qarqaaruu qofaa mitii akka addunyaalleen itti dabalamtu gaafachumatti jiran.Bulchootii biyya akka akkaalleen akkanuma.

Akkuma kanaan Manneen amantii Islaamaa damee MN,Waldaa Amantii Kiristaana Oromoo Addunyaatii fi waldaan waaqeffannaa Noorweeyilleen waan dandahaniin nama biyyatti beelahe qarqaaruuf qophii jirraa jedhan.

Sheck Husseen Ahmed,itti gaafatamtoota masjida MN,Minniyaapoolisii fi Sayinti Pool keessaa tokkko.

“Gaafa Ramdaanaa keessaa nama biyyatti beelahee gargaaruuf $60,000 walti guurree…namii keenna Booranaa fi naannoo sun jirutti baayyee beelahee dhageenne… Somaaleelleen dhuftee gargaarsa gaafattee haga $10,000 walti qabaniif.”

Obbo Hundasaa Waaqawayyaa barreessaa gumii waaqefannaa Noorwey gama keessaniin nama biyyatti beelahe kana akkamitti gargaaruuf itti jirtan jennaan.”Gaafa ayyaanii waaqeffannaa kabajamu Onkololeessa lamatti gargaarsa walti qabuuf qophii jirraa jedhu.”

Luba Gammachuu Olaanaa,prezdaantii Waldaa Kirstaana Oromoo warra Wangalaati.“Waldaan keennalleen torbaa lamaa haga sadiitti $20,000 walti qabuuf qophaahuutti jirraa.” Jedhu.

Hawaasii Oromoo akka akkaalleen nama biyyatti rakkate gargaaruuf hojjachuutti jiraachuu nutti himan.Isanillee waan nama biyyatti rakkateen gargaartan ykn waan jechuu feetan qabaattan isan eeganaa nutti himaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG