Xurree ittiin seenan

Breaking News

ADWUIn Paartiilee Mormitootaa Wajjiin Walga’ii Wal-dhibdee Furuutti Fuuleffate Geggeesse


ADWUIn Paartiilee Mormitootaa Wajjiin Walga’ii Wal-dhibdee Furuutti Fuuleffate Geggeesse
ADWUIn Paartiilee Mormitootaa Wajjiin Walga’ii Wal-dhibdee Furuutti Fuuleffate Geggeesse

Paartiin taayitaa mootummaa Itiyoophiyaa harkaa qabu – ADWUIn yokaan Ihaadeg, wal-dhibdee siyaasaa biyyattii danqee jiru mariin furuuf qophaa’een jira – jechuudhaan, har’a bakka-bu’oota mormitootaa hedduu waliin walga’ii jalqabaa geggeessee jira.

Akka hoogganoonni paartiilee mormitootaa jedhanitti, Ihaadeg, yeroo ammaatti of haaressuu isaa fi dhimmoota biyyattii keessatti wal-dhibdee uuman irratti paartiilee mormitootaa waliin mari’achuuf qophaa’uu isaa dubbate.

Hoogganoonni paartiilee mormitootaa walga’ii har’aa irratti argaman, keessumaa, hoogganoonni paartiilee mormitootaa, mariin jalqabamuu isaa dura, hoogganootaa fi miseensota isaanii hidhamanii jiran, kanneen ajjeesamanii fi miidhaan adda addaa irratti raaw’atame akka calleensaan yaadataman gaafatanii, dhaabachuudhaan calleensaan gadda isaanii beeksianii jiran,

Har’a bakka-bu’oota paartiilee mormitootaa kurna hedduu waliin galma mana-maree bakka-bu’ootaa keessatti walga’ii geggeessame kan hoogganan – bakka-bu’aan Ihaadeg – Obbo Shiferraw Shigguxee, walga’iin har’aa kun, haala itti mariin fuul-duraa geggeessamu wixinuuf kan akeekame ta’uu dubbatanii, gara fuul-duraatti akkaataa itti mariin kun geggeessamu, eenyu akka marii kana dura-teessummaan hoogganuu fi taajjabdoota maricha irratti argaman ilaalchisee eega bakka-bu’oonni paartiilee maraa yaada dhiheessanii booda ka marii waloon murtaa’u ta’uu hubachiisanii jira.

Haala kanaanis, partiileen mormitootaa marti akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti haga Amajjii 25tti akka yaada isaanii barreeffamaan dhiheessan beellamni kennameefii jira.

Hirmaattota walga’ichaa keessaa tokko ka ta’an – itti-aanaa dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Mulaatuu Gammachuu deemsa walga’ichaa nuuf ibsanii jiru.

Kana cuqaasuudhaan gaaffii fi deebii geggeessame dhaggeeffadhaa

ADWUIn Paartiilee Mormitootaa Wajjiin Walga’ii Wal-dhibdee Furuutti Fuuleffate Geggeesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:05 0:00

XS
SM
MD
LG