Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Komaand Poostii Hoogganoota Paartiilee Siyaasaa Waliin Walga’ii Taa’an


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Komaand Poostiin labsii yeroo hatattamaa Itiyoophiyaatiin hundeeffame, dhimma hojii irra oolfama labsichaa irratti gaaffii fi himannaa paartiileen siyaasaa dhiheessaniif deebii kennuuf – jechuudhaan, har’a, paartiilee siyaasaa waliin walga’ii taa’ee jira.

Akka hoogganoonni paartiilee mormituu jedhanitti, dhimma hojii irra oolfama labsii yeroo hatattamaa Mootummaan baasee sana irratti gaaffii mormitoonni qabaniif akka deebiin kennamu gaaffii gama paartiilee siyaasaa irraa dhihaateef deebii kennuuf jecha wal-ga’ichi akka waame hoogganoonni komaandi poositii dubbachuu isaanii – hoogganoonni paartiilee siyaasaa walga’ichatti hirmaatan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Kanneen walga’ichatti hirmaatan keessaa tokko ka ta’an – itti-aanaa dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Mulaatuu Gammachuu akka jedhanitti, paartiileen mormituu otuu Komaand Poositii sana irraa ehama hin argatiin walga’ii uummataa waamuu hin dana’an. Uummata bal’aa waamanii waliin haasa’uu hin danda’an. “Gaaffii uummataa moggaatti qabanii, labsii akkanaatiin mirga paartiilee siyaasaa fi uummataa ukkaamsuu yaaluun furmaata ta’uu hin danda’u” jedhu – Obbo Mulaatuu Gammachuu.

Kana cuqaasuun guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG