Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Siiriyaati fi waraanii isaan wal hadhu walumatti jiraa nama kuma 50 tahutti tana jidduutti marfamee karaa baqatuun dhabe


Magaalaa Aleeppoo wal irraa fudhachuuf irratti wal balleessuutit jiran. Muddee 12, 2016 Syria, Dec. 12, 2016.
Magaalaa Aleeppoo wal irraa fudhachuuf irratti wal balleessuutit jiran. Muddee 12, 2016 Syria, Dec. 12, 2016.

Ganna shan caalaa wal hadhan nama kuma dhibba hedduutti dhumatee miliyoona lama caalaatti baqate.Kuma dhibba hedduutti ammallee waranaa jidduutti marfamee du’aa fi jireenna jidduu jira.

Warra mootummaa wal irraa fudhachuu fedhutti akkana wal hadhuutti jira.Waraanii guddaan amma magaalaa guddoo Siiriyaa lammeessoo Aleeppootti eegee aane. Lafa tana milishoota mootummaa gara galchuuf lolanitti harkaa qaba.Ganna tokko irratti wal hadhan.

Raashiyaan mootummaa Siiriyaa gargaarti. Siiriyaan Aleeppoo gama bahaatiin fudhacuuf fagoo hin jirt

Nama waraana jidduutti marfame amma achii baqachiisuutti jiran. Otoobisiin nama baqachiisu ka qaraa ya achiin bahee nama magaalaa Idlibitti baqachiisuutti jiran.

Addunyaalleen jira kananaan wal irra dhaabaa jettee dadhabde. Taatullee silaa hardha nama hedduu lola kana duraa baafna jedhanii itti deemanillee hin taane.Warrii wal hadhu kun hardhallee lola wal irraa hin dhaabnee nama kuma dhibba hedduutti lola kana jidduutti marfamee karaa bassaniin dhabe.


Warrii wal hadhu kun;mootummaa Siiriyaa Raashiyaa fi milishoota Shi’aati irraa gargaarsa argata.Milishootii mootummaa Siiriyaa hadhan ammoo milishoota SUnniiti fi Iraan irraa gargaarsa argata.

Koree muddamsuu Tokkummaa Mootummootaa marii dhiyoo teetteen Raashiyaan ammallee mootummaa Bashaar Al-Asaad gargaartee nama ficcisiisuutti jirtii jette.

Amabaasaadderii Amerikaa Tokkummaa Mootummoota Samantaa Paaworilleen akkana jettee dallansuun bakka bu’aa mootumma Raashuiyaa Tokkummaa Mootummootaa keessa jiru dallansuun gaafatte.


"Tun funnoo namaan ijjeesan,Miseensota mana marii Tokkummaa Mootummootaa keessa jiran saditti funnoo tana morma nama nagaatti hidhuutti jira.Tun waan si ceersee si fokkisiifahcuu male.Sii ceersu mannaa isumaa ufiin guguddisuutti jirta.ISuma ammalle nama fixuuf qophii jirta.Hin ceertullee.Dhiiddoollee nama ahin qabduu? Moo wannii si ceersaayyuu hin jirtuu? Ijoollee qaqqaluutti hin jiranii? Tana adoo argituu tolchuutt hin jiranii? Dhartii ati dubbatte tokkollene hin jirtuu?”

Ambaasaadderi Raashiyaa ka isiin Tokkummaa Mootummootaa keessaa qadu Vitaly Churkin ammoo oduun biyyootii dhiya Raashiyaan nama ficcisiistee jedhan tun olola odeessanii afaan tokkosan jedha.

Waraanii mootummaa Siiriyaa kun magaalaa Aleeppoo tana lolulma lolee harkatti deebifate jechuun loli ganan hedduu kun dhaabate jechuu.

Milishoota mootummaa Siiriyaa gara galchuuf lolan tana waraana Shihaatetti gargaaraa waraana Raashiyaati fi ka Shihaate ammoo Iraanitti gargaara.

Woma taateefuu warrii mootummaa wal irraa fudhchuuf wal hadhaa ummatii ammoo karaa waraana kanaan baqatuun dhabee jidduutti rakkachuutti jiraa falaa ittuma barbaadutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG