Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin waa’ee Siriyaa Gaggeeffamuuf jira


Walgahiin waa’ee Siriyaa Gaggeeffamuuf jira
Walgahiin waa’ee Siriyaa Gaggeeffamuuf jira

Riphxee looltoonni Siriyaa marii nageenyaa wal waraansa Siriyaa keessatti waggaa 6 guutuuf jedhu xumursisuu kan torban dhufu Kaazaakistaan keessatti gaggeeffamu irratti kan argaman ta’u beeksiisan.Aangawoonni Riphxee looltootaa har’a akka jedhanti walgahiin Amajjii 23 bara 2017 magaalaa galama mootummaa Kaazakistaan keessatti jalqabamu dhukaasa dhaabiinsa argamsisuu fi waa’ee gargaarsa dhala namaa akkasumas hojii seeraana alaa mootummaan gaggeessu irratti qiyyaafata.

Dilbata kaleessaa kanneen haala jiru to’ataa jiran akka jedhanti humnootiin mootummaa Siriyaa meeshaalee gurguddaa gargaaramuun bakka dahannaa Damaasqoo cina jiru haleelan.Yeroo kanattis yoo xiqqaate siviloota 30 kanneen wal waraansa dheessuun bakka daahannaatti dheessan ajjesan.

XS
SM
MD
LG