Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Oromiyaa Angawoota isaa Kuma 4 ol Hojii Irraa Ari’e Jedha


Alaabaa mootummaa naannoo Oromiyaa
Alaabaa mootummaa naannoo Oromiyaa
Gaaffii hawaasaa bu’uura godhachuun tarkaanfiiwwan seeraa fi siyaasaa fudhatamuu mootummaan naannoo Oromiyaa beeksisee jira.

Akkuma Kanaan itti gaafatamtoonni bulchiinsa naannoo qabee hanga sadarkaa aanaaleetti jiran akkasumas koree dhaabaa keessaa aangoo irraa kan kaafaman ta'uun ibsameera. Kanneen keessaa seera duratti dhiyaachaa ka jiran jiru jechuu dhaan iitti gaafatamaan waajira kominikeeshinii mootummaa Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa VOAf ibsaniiru.

Tarkaanfiin fudhatame sochii haaromsaa gadi fagoo ta’e irraa madde kan jedhan Obbo Addisuun sochii haaromsaa kana keessatti uuammati miliyoonni 6.5 caalan itti hirmaachuuf rakkoolee jiru jedhamanii ka’anii irrattis dudubbatamuu ibsan.

Sadarkaa caasaa naannoo irraa hanga aanaatti hooggana jiran keessaa kummi afurii fi dhibbi afurii fi jaatammni taayitaa isaanii irraa kaafamuun ibsameera.

Qonnaan bulaan lafa isaanii irraa kaafaman fi qabiinsi mirga dhala namaa irratti gaaffiin ka’an galmeelee haaromsuu kana keessa jiru kan jedhan obbo Addisuun gaaffileen uummataa Oromiyaa keessaa ka’aa turan akkasumas komeeleen dhiyaatanis sirrii dha amantaa jedhu qabna. Kanaafis tarkaanfiin fudhatame kun kan itti fufu ta'uu obbo Addisuu Araggaa hubachiisaniiru.

Gabaasa guutuun kunoo ti

Mootummaan Oromiyaa Angawoota isaa Kuma 4 ol Hojii Irraa Ari’e Jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:15 0:00

XS
SM
MD
LG