Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walii Galan Alaa Galan !


Baqatoonni Oromoo Naayroobii keessatti hidhamnii gadhiifaman akka jedhantti, irra hedduun isaanii waraqaa seeraa kan dhaaba baqattootaa UNHCR hin qabdan jechuun kan gaafataman ta’u dubbatu. Hangi tokko immo, gaaffilee Adda Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabu gaafatamuu isaanii ibsan.

Kanneen amma iyyu hidhaa keessa jiran, Areeroo Meeggaa,Idiin waaqoo,Guyyaa Diqqaa ta’u kan ibsan baqattonni, mana murtitti dhiyeffamaa jiru jedhan.

Kana malees jedhu, Gurmeessaa Dida Guyyoo fi Fariyaan Yusuuf eessa buteen isaani hin beekamu kan jedhan baqattonni, Liban Waariyoo, Jaatanii kuno, Milkii Doyyoo fi Dabbasaa Quxuu qabamanii gara Itiyoophiyaatti geessamaniiru jechuun yaaddoo guddaa qaban ibsanii jiran.

Gama kaaniin dhimma baqattootaa irratti UNHCR waaliin kan hojjatu jaarmayaa Kituo Cha sheria jedhamu irraa Kisaabiik Kiibroob, baqattoota biyyoota Gaanfa Afrikaa hidhamaa jiran buufata polisii dhaquu dhaan akka hiiksisan dubbatu. Baqatoota biroo kanneen dhimmi isaanii gara mana murtitti darbee immo, faana buunee gargaarra jedhan.

Baqattonni kun harka caalaan galmee sirrii fi ga’aa ta’e of harkaa qabu kan jedhan Kibroob himannaa mootummaan keniyaa baqattoota irratti dhiyessu soba ta’u isaa, galmee dhaaba baqattootaa UNHCR biraa argameen mirkanessine jirra jedhu.

Dhimmi isaanii Adda Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qaba jedhamee kan hidhaman name lamaa ol jiraachu kan ibsan kibroob oromoon dhiyeenya kana mootummaa Itiyoophiyaatti dabarfamee kenname jiraachuu isaa garuu hin beeku jedhan.

Garu haalli Oromoon Oromoo irratti ka’u kun jedhan kiroob haala uumamee sirritti gabaasuu irratti rakkoo guddaa nutti ta’e. Sababiin isaas Gareen tokko dhufee gabaasa eega nutti dhiyessee booda, gareen kaan immo gama isaan dhufee gabaasa biraa dhiiyessa. Kanaaf garee isa kana ykn isa santu sirritti waan uumame gabaase jennee fudhachuuf rakkanna jedhan kisaabiik Kibroob.

Gama kaaniin hidhamuu baqattoota biyyoota gaanfa afrikaa ilaalchisee, jarmayaa International Resue Committee dame keniyaaf Daayreekteera kan ta’an Kellie Leeson kanneen hidhaman kun harka caalaan himannaan ituu irratti hin dhiyaatin, sa’atii 24 caalaa hidhaa keessa ka’aman jedhu.

Baqatonni hidhaman kunis irra jireessi lammiwwan Somaliyaa hangi tokko immo kan Itiyoophiyaa fi Ertraa ta’uus ibsanii, baqatonni hedduun mirga isaanii waan hin beekaneef jecha, akka salphaatti dorsisuu fi rakkisuun ni danda’ama jedhan. Maraafuu jedhan,baqatonni kun hokkara, walitti bu’iinsa fi ajjeechaa biyya ofii keessaatti isaan mudatee baqa ba’an malee, waan fedha isaaniin ta’ee gara keniyaa dhufan miti. Kanaafi baqataa jedhamuun kan simataman jedhan

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.
.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG