Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Hirbuu Oromoo' galmee Yaa’ii Hooggansa Oromoo Amerikaa, Verjiiniyatti taa’an irratti walii galan ‘dhiyootti’ maxxansanii baasan


Hirbuu Oromoo, galmee Yaa’ii Hooggansa Oromoo irratti walii galan dhiyoottuu maxxansanii baasan
Hirbuu Oromoo, galmee Yaa’ii Hooggansa Oromoo irratti walii galan dhiyoottuu maxxansanii baasan
Hirbuu Oromoo,galmee Yaa’ii Hooggansa Oromoo USA-tti walii galan 'dhiyootti’ maxxansanii baasan
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:12 0:00

Korii guddaan, Yaa’ii Hooggansaa Oromoo Oromo Leadership Convention (OLC) kun ta asiin dura Amerikaa,Atlaantaatti taa’anitti aanee dhufe.

Korii Amerikaa godina Verjiiniyaa Bitootessa 10-12, 2017 Verjiiniyaa magalaa Kiristiyaal Sitii keessa taa’e.Akka warrii qopheesse jedhutti nama 600 caalutti itti dhufe.

Kaayoon isaa akka koree yaa’ii tana kopheessite keessaa Dr.Izqiheel Gabbisaa yuniversitii Kaateringi ka Mishigen jirtu keessaa dubbatetti ummata Oromoo biyya keessaa fi biyya alaatti rakkoo gugurdoo keessa jiru gargaarsa ilmaan namaatii fi gama siyaasaalleen gargaaraa tokkummaa Oromoo ijaaruu fi jabeessuu dhaaba dhaabuu.

Akkuma kanaan Yaa’iin tun dhaaba HIRPHA International (Humanitarian Initiative to Relieve the Plight in the Horn of Africa) jedhu ka nama mootummaan Itoophiyaatiin Afrikaa gama Gaafaa keessaa miidhame gargaarsa qindaahee kennuun qagaraafuu.

Rakkoo Oromoo sadarkaa biyya alaatti himuufiitii ykn gama diplomaasiitiin ammoo yaada gama Koreen Qindeessituutin dhiyaatee dameen qorannoo fi himaammataa hujii diplosamasii hojjachaa mootummaa abbaa irraa akka koreen jettutti Itoophiyaa irratti qabsaahuu.

Tanaafuu Afrikaa gama Gaafaa keessatti damee Organized Diplomacy and Advocacy Action in the Horn of Africa (ODAAHA) yayyaban.

3.Tana maleellee galmee yaada Koree Qindeessituutin dhiyaatte jedhan Declaration of Oromo Unity and National Aspirations and Oromo Charter of Freedom,Justice, Dignity and Human Rights jedhuun tokkummaa Oromoo jabeesitu jedhan yayyaban.

Hujii tanaaf koree yaada galmeelee tana keessatti dhiyaate hawaasa Oromoo addunyaatiin geettu yayyabame.

Galmeeleen dhiyaatan kun dhiyoottuu maxxansanii baasan.Hujii tana Koree Qineessituu miseena 17 qabdutti hojjata.

Akka Dr.Izqiheel jedhutit galmeen Chaarterii Hirbuu Oromoo tun ta kabaja mirga namaa eeguu fi falmituuf taati.

Yaa’iin tun tana maleellee, dhaabbilee hawaaaa hiree ufii ufiin murteeffatuu fi dimokiraatawa qabaachuuf qooda dubartootaa fi ijoolleen kahimaa sadarkaa addunyaatti yayyabuuf wali gale jedha Dr.Izqiheel.

XS
SM
MD
LG