Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’insa Konsoo Itti-fufuu Dubbatu Jiraattonni. Mootummaan Garuu Tasgabbeesine, Jedha


Koonsoo
Koonsoo

Walitti-bu’insa Koonsootti uumame ilaalchisee, bakka-bu’oota uummata Koonsoo 23 keessaa tokko ta’uu isaanii kan ibsan Obbo Gammachuu Gamsee akka ibsanitti walitti-bu’insa Konsoo keessaa ilaalchisee wanni bu’uraa jijjiirame hin jiru. Wanni jijjiirame tokkichi yoo jiraate humna ittisaa qofa tu naannawa sana gad-lakkisee bahe. Kun ta’e iyyuu, humna hidhataa bakka waraanaa sanaa buusane tu jira jedhu Obbo Gammachuun.

Obbo Gammachuu Gamsee, itti fufuudhaanis , bakka walitti-bu’insi uumame sana keessaa haga ammaatti reeffa namoota du’anii kaasuun hin danda’amne. Bakka tokko qofatti reeffi namoota ja’aa argamuun hubatamee jira. Reeffi namoota sadeenii sun akka hin kaasamne waraanni amma illee dhorkaa jira. Guyyoota sadii ta’uu isaa ti. Eegaa maal akka ta’uuf deemu hin beeknu. Hidhaanis hammaatee jira. Har’aa fi kaleessa gidduutti gara namoota saddeetii ti hidhame. Namoota booji’anii fudhatan immoo, haala nama gaddisuusuun qaama dhaluu isaanii tumaa jiru – jedhan.

Dubbi-himtuun Bulchiisa Naannoo Uummatoota, Sabaa fi Sab-lammoota Kibbaa – Aadde Hik Maahireddin, gama isaaniitiin, haala naannoo sanaa kan har’aa ennaa ibsan, “Har’a waltajjiileen marii sadii geggeeffanii, uummatni kanneen badii hojjetan irratti akka tarkaanfiin fudhatamu hubachiisee jira” jedhan.

Miidhaa qabeenyaa irras tahe lubbuu namaa irra gahe ilaalchisee, ka kaleessaa irraa waan addaa tahe, waan ibsan akka hin jirre Melleskaachewtti himan. Obbo Kaasaayee Arkaayidoo ka jedhaman – jiraataan naannoo garuu, amma illee wal-waraansa cimaa tu deemaa. Dudduubaan immoo Manneen gubaa jiran jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG