Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ka Torban Dabre Du’aan Boqote Wallisaan Angafni Hayiluu Disaasaa Maaliin Yaadatama?


Ka Tornan Dabre Du’aan Boqote Wallisaan Angafni Hayiluu Disaasaa Maaliin Yaadatama?
Ka Tornan Dabre Du’aan Boqote Wallisaan Angafni Hayiluu Disaasaa Maaliin Yaadatama?

Wallistoota sirba Afaan Oromoo angafoota keessaa tokko ka tahe – Artist Hayiluu Disaasaa, umurii isaa waggaa jaatamii-tokkootti, Amajjii 17 bara 2017 du’aan boqote. Jimaata darbe jechuun, gaafa Amajjii 20 immoo, reeffii isaa, bakka inni waggoota afurtamaa ol keessaa hojjete – Aager Fiqir Tiyaatir keessaa ba’ee, bakka namoonni bebbeekamoon itti awwaalaman bakka awwaalchaa Waldaa Qiddist Sillaaseetti awwaalamuu isaa, hoji-geggeessaan Aager Fiqir Tiyaatir, Obbo Kaasayee Gabayyoo Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. “Hayiluu ijoollummaa koo tii jalqabeen beeka. Artistii sagalee bareedaa fi dandeettii guddaa qabu. Nama guddaa dhabne” jedha – Obbo Kaasayeen. Kan baroota 1970ta keessaa jalqabdee Hayiluu beektuu fi waltajjii tokko irratti waliin sirbitee beektu – wallistuun Oromoo angafni Ilfinesh Qannoo immoo, “Hayiluun nama dandeettii qabuu fi nama garraamii dha. Garuu, sababaa hacuuccaa Oromoo irra tureef dandeettiin isaa amma silaa mul’achuu fi guddachuu male otuu hin ga’iin hafe.” Jechuun gaddaan dubbatti.

Kana cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Ka Tornan Dabre Du’aan Boqote Wallisaan Angafni Hayiluu Disaasaa Maaliin Yaadatama?
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:58 0:00

Namoonni hojii isaa jaalatan sabquunnamtii hawaasummaa irratti waan jedhan keessaa amma tokko

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG