Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wanti Dinqisisaan Waaqayyo Gochuu Dadhabe Jiraa ree?


Poortlaand - 2010
Poortlaand - 2010

"Saba dukkana keessa jiruutti sagalee abdii labsuun barbbachisaa dha"jedhu Luba Haroo Guyyoo

Tokkummaan Waldoota Kristaanaa Oromoo konferensii isaa marsaa 15ffaa Poortlaand Origan keessatti gaggeessee jira.Mata dureen konferensii baranaa "wanti dinqisisaan Waaqayyo gochuu dadhabe jiraa ree?" kan jedhu ta'uu kan ibsan duraan baqataa ta’uun gara Yunaaytiid Steetes kan dhufan Lubi Waldaa Kristaana Oromoo Warra-wangeelaa Poortlaand, Haroo Guyyoo. Akka seera Amerikaatti waan irraa eegamuu mara guuttachun konfraansii kana irratti luba ta'uun muudaman.

"Yunaayitid Stetees gama dhiyaa keessaatti konfraansiin sadarkaa adunyaa akkasii ennaa gaggeefamu ka duraa waan ta’eef,namnii hedduun hin argamu jenne sodaannuus, uummatni 500 caalu tu argame," jedhu Luba Haroon. Barsisii wangeelaa abbootii amantii adda addaan kennamuu fi keessumoota konferensichaaf dhufanis haga humni danda’eetti haala gaariin simachuu fi gaggeessu isaanii dubbatu.

Wangeela Keenya !
Wangeela Keenya !

Waggoota ja’aaf Prezidaantii Tokkummaa Waldoota Kristaana Oromoo kan turan Lubi Dr.Gammachiis Dastaa Bubaa konfraansii kana irratti ka bakka isaaniitti filataman Luba Dr.Gammachu Olaanaatti itti-gaafatama dabarsanii jiran."Walii-galteen, aadaan aangoo walitti dabarsuu kun hawaasa keenya hunda biratti baratamuu qaba." jedhu, Luba Dr Gammachis.

"Waamichi waldaa kristaanaa itti gaafatama guddaa akka ta’e beekuun, ulfinaan simatanii ayyaana Waaqayyo namaa baay'iseen tajaajiluun barbaachisaa dha" kan jedhan immoo Luba Dr. Gammachuu Olaanaa turan.Gaaffii fi deebii guutuu MP3 tuquun dhaggeefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG