Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warshaan Nukleeraa Jaappaan Qaanqee Hamaa Facaase


Balaan dhohinsaa kan dhaqabe Wixata walakeessa halkanii booda gara bariitti ture.Booda hojjattoonni ho’a nukleera Fukushimaa lakkoofsa tokko qabsisaa isaa lakkofsa sadi’ii qabaneessuuf carraaqaa turan.

Fakkiin Televiziyoona irraa mul’ate dhohinsa hamaa fi sababii kanaan gamoo keessaa aara adii muul’ate ture.

Ministirrii olaanaan kabinee biyyatii Yukio Edano yeroo muraasa booda ibsa kennaniin qabsiisaa lakkoofsa tokko irratti guyyaa Sanbataa warshaadhuma walfakkatuun balaa dhaqabee waliin kan walfakkaatu ta’u dubbatan. Qilleensii haaydroojini oksijiinii how’a gab gochuuf gad-dhiisametu waliin walmakee balaa kana dhaqabsiise jedhan. Angawoonni warshichaa akka jedhanitti dhoyinsa guyyaa sanbataa dhaqabeen bu’ura manneen qabsisaa miidhe.Haata’u malee reactaricha ykn qabsiisaa isaa hin barbadeesine.

Ho’ii qabsiftudhaa jimaata darbe sunaamiin jeneretara cabse caasaa ittiin qabanessan faashalesse booda olka’e.wixata har’aa balaa wal fakkaataa irraa baraaruuf hajjatoonni akka warshaa sana gadhisan godhameera Kaampaaniin human elektrikaa Tokiyoo kan warshicha to’atu ykn akka hojjatu godhu akka jedhutti hojjatoonni isaa heduun balaa dhohinsaan madaa’aniru. Namoonni warshicha irraa fageeyna kiilomeetira 20 irratti argaman immo mana keessa foddaaf balbala cufatanii mana keessa akka taa’an gorse.Naamoonni hedduunis balaa kana booda qaanqeef akka saaxilaman ibsameera

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG