Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Hiriira Mormii Insuraansii Fayyaa Geggeessame Fudhatama Dhabsiisan, Bulchiinsi Isaanii Seera Immigireeshinii Illee Cimsaa Jira


Traamp Hiriira Mormii Insuraansii Fayyaa Geggeessame Fudhatama Dhabsiisan
Traamp Hiriira Mormii Insuraansii Fayyaa Geggeessame Fudhatama Dhabsiisan

Prezidaantiin US Donaald Traamp seera insuraansii fayyaa kan Prezidaanti Obaamaan dabarsan hambisuuf tattaaffii isaan godhan morumuuf hiriira geggeessame fudhatama dhabsiisan.

Traamp ergaa Twitter irratti kaleessa maxxansaniin akka jedhanitti jamaa aariin guutame kan kutaa deggertoonni Ripublikaan keessatti heddummaatanii dhugumatti leellistoota yaada madaalawaa qabaniin karoorfame nama gaddisiisa jedhan.

Ennaa Kongresiin torban tokkoof boqonnaa ba’utti seera tumtoonni Ripuublikaanotaa hedduun uummata sagalee kenne insuraansii fayyaa Affordable Care Act kan Obama Care jedhu dhabamsiisuuf tattaaffii isaan godhan balaaleffatantu isaan mudate.

Namoonni hedduun insuraansiin isa kan Obama Care bakka bu’u hin jiru taanaan inni of harkaa qaban akka turuuf gaafatan.

Minsiteerri naga eegumsa biyyoolessaa US imaammata koolu galtoota eeyama hin qabaaatin kanneen miliyoonaan laka’aman biyya ofiitti deebisu tolfachuu isaa beeksisee jira.

Ministriin naga eegumsa biyyaa John Kelly karoora kana kan ifa taasisan kaleessa ennaa ministeerri isaanii attamiin ajaja ola aanaa Traamp baatii darbe baaan hojii irra oolchuu danda’u ennaa beeksisanitti Gabaasa Jesusemen Oni Sora dhiyeessa.

XS
SM
MD
LG