Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Nam-maleeyyii Dahata IS Haleele


Xayyaarri Nam-maleeyyii Dahata IS Haleele
Xayyaarri Nam-maleeyyii Dahata IS Haleele

Haleellaan samii irraan naannoo lolaan raafamte kutaa gama bahaa biyyattii keessatti raawwate yoo xiqqaate loltoota IS 34 ajjeesuu dhaan buufata raadiyoo gareen kukn ololaaf itti gargaaramu mancaasee jechuu dhaan angawoonni Afgaanistan beeksisaniiru.

Ministriin dhimma biyya keessaa Afgaanistan har’a akka ibsanitti haleellaan sun bakka IS dahatee jiru kan Naziyan fi konyaa Achin keessaa ka daangaa Paakistan irra jiru irratti fuuleffate.

Buufati raadiyoo sun kutaa Nan-gar-har guutummaa keessatti seeraan ala olola garee kanaa tamsaasuu dhaan kanneen mootummaa keessaa hojjetan doorsisaa turan jedhu ibsi ministricha biraa ba’e.

Xayyaronni nam maleeyyii Afgaanistaan fi US duraan buufataalee raadiyoo IS hedduu haleelanii kan turan ennaa ta’u gareen sun garuu afaanota hedduu dhaan naanolee adda addaa keessaa oduu tamsaasaa ture jedhan.

Angawoonni waraana Afgan fi kan US hoogganaan IS kan Afganistan keessaa Sheikh Abdul Hasib haleellaa Caamsaa 27 geggeessameen du’uu mirkaneessanii jiru.

XS
SM
MD
LG