Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri waraanaa kan Amerikaa kufe


Duula waltaatonni biyyootii gama dhiyaa fi kanneen biroon Libiyaa keessatti gaggeessantti kan bobba'ee jettiin waraanaa kan Amerikaa tokko Libiyaa keessatti kufuu waraanni Amerikaa beeksisee jira.

Namonni keessa turan lamas nagaan ba'uun isaanii ibsamee jira.waaltaa ajajaa kan yunaaytid steetis Afrikaa keessaa qabduuf Dubbi himaa kan ta'an Vince Crawley akka jedhantti, jeettiin kun kan kufe haleelamee otoo hin taanee rakkoo qaama jettichaa mudateen kufe jedhan.

Chaayinaan dhukaasa dhaabiinssi akka ta'u akkasumas furmaanni karaa nagaa akka barbaadamu kan gaafattte yoo ta'u,murtii tokkummaa Mootummootaa kana jalqaba deggeree ture Ligiin Arabaa, booda garuu yaada isaa jijjire. prezidaantiin Afrikaa kibbaa Jacob Zuma haleellaan gaggeefamu siviloota irratti balaa akka hin gesiifneef akeekkachisanii jiru.

Dhukaasa dhaabiinsi akka ta’u kan gaafatan zumaan,akka jecha isaanti "yaalii biyyonni alaa Moammar Gaadaafii aangoo irraa busuuf godhan "mootumaan koo hin deggeru jedhan.

MP3 tuquun guutummaatti dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG