Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xiinxala Filannoo Itiyoophiyaa


Jawar Mohamed Siraj
Jawar Mohamed Siraj

Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo dabre ka bara 2005 geggeessame irratti Qindoomina Tokkummaa fi Dimookiraasii akka humna xiqqaatti tilmaamuun dogoggora isa mudatee ture ammas ka dabalaa jiru fakkkaata, jedha, xiinxalaan siyaasaa, dargaggoo Jawaar Mohammed.

Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo dabre ka bara 2005 geggeessame irratti Qindoomina Tokkummaa fi Dimookiraasii akka humna xiqqaatti tilmaamuun dogoggora isa mudatee ture ammas ka dabalaa jiru fakkkaata, jedha, xiinxalaan siyaasaa, dargaggoo Jawaar Mohammed.

Barnoota isaa sadarkaa ol’aanaa duraan Itiyoophiyaa fi Singaapooretti eega baratee booda, dhiheenya immoo, as Yunitid Isteets, kutaa Kaaliforniyaa keessa ka jiru, ‘Stanford University’ irraa saayinsii siyaasaan kan eebbifame, Jawaar Siraaj Mohammed, haala siyaasa Itiyoophiyaa, keessumaa, dhimmoota kallattiin uummata Oromoo ilaallatan irratti barreeffamoota xiinxalaa fi falmiilee hedduu marsaa interneetii fi waltajjilee adda addaa irratti dhiheessaa ture.

“Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo ammaan dura geggeessame sanatti hin qophoofne ture. Mormitoonni ciccimoon natti hin dhufan, jedhee tilmaamuudhaan filannoo bilisa tahe uume. Yeroo sanatti akka dorgomaa cimaatti kan inni ilaalaa ture Adda Bilisummaa Oromoo ture. Addi Bilisummaa Oromoo immoo waan itti hin hirmaatiinif murnoota gatii polotikaa guddaa hin qaban, jedhuuf ehame. Garuu, biyya sana keessatti mormii fi diddaan uummataa guddaa waan tureef humnoonni sun deggersa guddaa argachuudhaan mootumma san raasuu danda’an. San booda, humna ‘Qinijjiit, jedhamu san eega daaraa godhee dhabamsiisee booda, ammas akkuma gaafa duraa dogoggora biraa waan raaw’ate natti fakkaata” ka jedhu, Jawaar Siraaj Mohaammed, inumaa warri ‘Medrek’ jedhaman kun immoo, haala bal’aa ta’ee fi cimaa ta’een uummatoota gara Kibbaa jiran, kan Oromootis dabalatee, kan Amaaraatis kan Tigireetis qabatee, Somaalees qabatee haala ammaan dura hin mul’atiinin akka mootummicha dura dhaabbate dubbata. “Kanaaf duula filannoo ammaa irratti tarkaanfiileen ajjeechaa fi hiraarsaa biyyattii keessatti mormitoota irratti fudhatamaa jiran, sodaa mootummichi qabu irraa ka maddani,” jedha.

Akka xiinxalaa siyaasaa, Jawaar Siraaj Mohammed jedhutti, Mormitoonni yoo of eeggannaa fi shaffisaan tarkaanfatan, filannoo ammaa kana irratti injifachuun isaan waan hin fakkaanne ta’us, filannoo dhufuuf jiru irraa barnoota argatan irraa ka’uun idda isaanii babal’ifatanii, gad-fageeffatanii yoo of ijaaran, uummatichas yoo ijaaran humna cimaa tahanii as bahuu danda’u.

Kan Mootummaan Itiyoophiyaa “Namoonni ‘Medrek’, Shawaa Dhihaa, aanaa Iluu-Galaan, magaalaa Ijaajjiitti poolisii ajjeesan” jedhee himatuu fi namoota ajjeechaa san raaw’atan, jedhu Televiiziyoona isaatti dhiheesse, “Diraamaa duraanuu baratame” jechuun fadhatama dhorkata, Jawaar. “Momitoonni, poolisiis tahe namoota kaan amala tolfatanii hawatachuu fi deggersa baay’ifachuun malee hookkaraa fi ajjeechaa irraa bu’aa siyaasaa argatan akka hin qabne ni beeku,” jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG