Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara dhufutti dinadgeen Itiyoophiyaa harka 8.8tin akka guddatu tilmaama mootummaan. Kana laalchisee xinxalaan diinagdee maal jedha?


Waajjira ministeera dinagdee fi maallaqa Itoophiyaa
Waajjira ministeera dinagdee fi maallaqa Itoophiyaa

Itiyoophiyaan baajeta waggaa ka bara dhufuu, birrii biliyoona dhibba lamaa fi biliyoona toorbaatamii afur, torban dabre paarlaamaa biyyattiitti dhiheessuun raggaasifattee jirti. Ennaa baajetichi akka raggaasisamu paarlaamaatti dhihaatetti ka dhimma baajetichaa fi guddina dinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennan Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Hayile Maariyaam Dessaalenyi, tilmaama guddina dinagdee biyyattii ka bara kanaa irratti mootummaa isaanii fi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa yokaan IMF gidduu walitti dhiheenyi jiraachuu dubbatan.

Dinadgeen Itiyoophiyaa dhibba irraa harka 8 fi qabxii saddeetiin akka guddatu tilmaama mootummaan isaanii qabu illee eeran. Kana ilaalchisuudhaan, magaalaa London, Yunivarsitii Saaseksitti, barsiisaa dinagdee fi kaadhimamaa dooktorummaa PHD – Obbo Namarraa Gabayyoo Maammo, Namoon haasofsiisee jira. Kunoo

Bara dhufutti dinadgeen Itiyoophiyaa harka 8.8tin akka guddatu tilmaama mootummaan. Kana laalchisee xinxalaan diinagdee maal jedha?
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:33 0:00

XS
SM
MD
LG