Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaayya,Koolo,Dirogbaa fi Deden Dorgommii Kubbaa Miilaa Afrikaaf Karaa Jiran


Biyya 16tti walti dhufa.Namuu jabeennaa fi qarooma ganna hedduu kuufachaa bahe guurratee diidatti wal ilaallachuuf.Dorgommiin Kubbaa Miilaa Afrikaa(Cup of The Nation) akka amma jirtu kanatti guddoo oowwaa deemuutti jirti.

Dorgommiin kubbaa miilaa Afrikaa 28tessoon Equatoraii Guinea fi Gaabonitti qopheessaniif biyyitii akka Ivoary Coast faan taphattoota isaani qaba alaa hedduu fidachuutti jiran.Gaanaan ammoo waan ganna hedduu keessaatti argattee hin beenne waancaa argachuu taphattoota isii doolara kuma hedduu itti jissuutti waadaa galte.Tapha tokkoo moohannaan $15,000 guurratan,wal qixxee baannaan ammoo $10,000.

Biyyiti akka Masrii,fi Naayjeeriyaan faan tapha dorgommii waancaa Afrikaa kanaa dabruu dadhabii hafuun ammoo biyya duraan mataan isii qabdu milkeessite.

Dorgommii tana irratti Suudanilleen seenaa hojjannaa jettee itti jirti.Angoolaanlleen akkanuma.

Ijoolleen Afrikaa hagii guddaan biyya akka Awurooppaa fi biyya akka akkaatti bitatanii taphatan.Dorgommii tanatti waan naminuu hafeeyyuu hin fakkaattu.Ilmaan Turee;Yaayyaa Turee, Kooloo Turee karaa jiran.Diider Diroogbaa fi Dede Ayewu dabalee atileetotii bebeekamoon kubbaa miilaa biyya isaaniitiif taphachuuf qophii jiran.

Dorgommii Waancaa Afrikaa kana Ammajii 21,2012 jalqabanii.Eennutti maaniin galata seetan?

Mee qophii Ispoortii tana MP3 irraa caqasaa qophii Ispoortiitiitf jedhaa nuu barreessaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG