Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii AFCON 2017 Gaabonitti itti jiranii haga ammaatti goolii 40 gale. Hardha biyya 4ti taphata jarii walti hafe akkamitti jira?


Ayvori Koosti,shaampiyoonaa AFCON bara 2015
Ayvori Koosti,shaampiyoonaa AFCON bara 2015

Marroo 20 taphatanii goolii 40 gale hagii tokko keessaa galee hagii tokkolleen faanuma jira.Dorgommii AFCON 2017 eegii jalqabani guyyaa 10 keessa jiran.Hardha tapha lamatti jiraa biyya 4ti taphata.

Hardha Toogoo,DRC,Nyeenca fi Morookooti taphata.Taphii kun daqiiqaa 30n duubatti jalqaba.Togo fi DRC fi Morookoo fi Ayvori Kosti waliin tapahta.

Aljeeriyaan galtee Gaaboon keessaa bahyanii bahanii biyya 16 jalqabee biyya 8 walti hafuuf deema.DRC biyya 8n walti hafan tahuuf deemuutti jirti tapha lamaan taphatte keessa hin moohamne.Tapha Jimaata dabree irratti Ayvoorii Koostiin 2-2 gargar baate

Tapha kana irratti Toogoon moohuu baannaan keessaa galti Ayvori Kosti dabruuf ammoo Morookoo moohuu malte.

Tapha duraan taphatan irratti Morookoon Toogoo 3-1 moote.Leenjisaan Toogoo taphataa Arsenaalii fi Kiristaal Paalaasi ka durii, Emmanuel Adebayor waan guddoo irraa eegata.

Namii Toogoon abdattu ka dhibiin Marheu Dosseviiti ka biyya Giriikii tapha biyya isaa DRC moohachiisa

Sadarkaa FIFA,Waldaan Federeshiinii Kubbaa Miilaa Addunyaa baasetti Toogoon 90essoo jirtii DRCn ammoo 49essoo.

Ayvori Kosti shaampiyoonaa AFCON bara 2015 taatullee amma akka qaraa kaan hin jirtuu duubatti deemuutti jirti.Morookoon ammoo wayyaahaa deemuutti jirti.

Tapha jalqabaa lamaan warra waliin taphatte walqixxee baate.Tapha kana mootee jennaan tapha itt aanutti dabartii tahuu baannaan xaxattee keessaa galti.Yoo walqixxee baatellee hinuma dabarti yoo qabxii tokkoon caaltellee hinuma dabarti.

Morookoon dorgommii sadarkaa addunyaa 14 bara dabre taphatte keessaa shan qofa moohamte.

Ayvori Kosti tapha sadarka addunyaa ganna dabre taphatte keessaa 14 taphattee 8 walqixxee baate

Ilmaan Turee lamaanii fi Diroogbaan dorgommii addunyaa keessaa bahanii hardhallee Ayvoorii Koostiif taphachuu dhabuun isaanii Ayvori Koosti wa dhabsiifti.

Ayvorii Kosti tapha AFCONiif dabruuf tokko qofa akka dansaa moote. Morookoon ammoo taphuma dorgommii itti seente cufaa warra waliin taphatte ufuma dura qajeelchaa asi geette.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG