Xurree ittiin seenan

Breaking News

Islaamik Isteet Bulchaa Yeman kan Konyaa Aden Ajjeesuu Isaa Beeksise


Uummata naannoo haleellaan bulchaa Aden itti raawwatametti wal ga'e
Uummata naannoo haleellaan bulchaa Aden itti raawwatametti wal ga'e

Gareen finxaaleyyii Islaamiik Isteet (IS) dho'iinsa dilbata har'aa Yemen gama kibbaa keessatti dhaqqabuun bulchaa konyaa Aden ajjeesee waardiyyaalee isaanii hedduu ajjeeseef itti gaafatama fudhate.

Dho'iinsi sun konkolaataa bulchaa Aden Jaafaar Mohaammed Saad kan rukute gara waajjira isanii imagaalaa Adenitti deemaa utuu jiranii ti.

Aden ripxe loltoonni Houthi waggaa darbe Sana'aa to'achuu dhaan prezidaant Abd Rabu Mansour Saaud Arabiyaatti akka baqatan dirqisiisee booda dirreee lolaa ijoo taatee jirti.

Humnootiin deggertoota Hadi booda irra haleellaa samii irraanii kan Saaudiitti gargaaramuu dhaan warreen Houthi Aden keessaa ari'auu dhaan Hadiin baatii darbe magaalattiitti deebi'an. Lolli Yemenii keesssaa lubbuu kmaan laka'amu irra hedduun siivilota ta'an galaafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG