Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroosaan: Misooma Hoteelaa Sadarkaa Ol'aanaa Magaalaa Baadiyyaa Keessatti


Hoteela Yeroosaan - Najjoo
Hoteela Yeroosaan - Najjoo

“Kun Guddinaa Naannoo, Tajaajiila Uummataa fi Carraa Hojii Uumuuf Gargaara”jedhu, Obbo Masfiin Taddasaa

Godinaa Wallaggaa Dhiyaa magaalaa Najjoo keessatti, hotelli sadarkaa olaanaa tokko baasii qarshii miliyoona 23.5 ijaaramee eebbisamuun hojii jalqabee jira. Hoteelli kaare meetira 890 irratti ijaaramee kun gamoo 4 kan qabu yoo ta’u, mana nyaataa, kutaa cisichaa, mana bunaa, kaafteriyaa, suuqii fi galma namnii 350 ol keessumessuu danda’u qaba.

Maqaan hooteela kanaa "Yeroosaan" kan jedhamu ta’uu kan ibsan abbaan qabeenyaa hoteela kanaa Obbo Mesfin Taddasaa, yeroo heddu hoteelli gurguddaa akkasii magaalalee gurguddoo keessatti kan ijaaraman ta'us, waaqayyoo akeeka jiraattoota naannoo Najjoof qabuun, asitti ijaaruu danda’een jira, jedhu.

Magaalaa Amboo gad dabarraan hoteelli sadarkaa isaa eege waan hin jirreef, gaaffii guddaatu sammuu koo keessa ture kan jedhan obbo Mesfin, naannoo baadiyyaa tokko guddisuuf jalqaba hooteela keessa boqotanii naannoo sana turanii yaadan argamuun barbaachisaa dha. Guddinni misomaa kun immo anumaan jalqabuu qaba, yaada jedhuun ka'ee abjuun koo dhugome, jedhu.

Obbo mesfiin Finfinnee keessatti mana nyaataa "Rohoboot” fi kaafteriyaa “Keetim Kaaffee” jedhaman ka qaban yoo ta’u, magaalaa baaadiyyaa Gorii jedhamtu keessatti immoo warshaa Buna Qulqulleessu dhaabuudhaabn uummata tajaajilaa jiru. Achuma Goorii keessatti Hoteela gamoo tokko qabu "Suutaan Bakka Bashannanaa Gorii" ka jedhamu ijaaruun kan hojjetaa jiran tahuu, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan, Obbo Mesfin Taaddasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG