Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yoonaatan Tasfaayee Raggaasaa Hidhaan Oggaa 6 fi Ji'a 6 Itti Murtaahe. Badiin Isaa, Waan Feesbuukii Irratti Maxxanse


Yoonaataan Tasfaayee Raggaasaa
Yoonaataan Tasfaayee Raggaasaa

Dhabbanni mirga dhala namaatii falmu Amnistii Inernaashinaal adeemsa mana murtii Itoophiyaa balaleeffatee, Yoonaataan waan Feesbuuki irratti maxxanseen himatamee murtiin akkanaa kennamuun waan nama qaanessu akka ta'e beeksise.

Sabquunnamtii hawaasummaa irratti yaada barreessee maxxanseen abban alangaa an himata irratti dhiheesse dargaggoo Yoonaatan Tasfayee Raggaasaa harra hidhaa oggaa jahaa fi ji’a jahaatin akka adabamu manni murtii ramaddii Lidataa dhaddachii 4ffaan itti murteessera.

Yakki Yoonaatan ittiin himatame seera farra shororkeesummaa Keeyyata 6 jala waan ta’eefi hidhaa oggaa kudhanii amma diigdamaatin adabsiisuu akka danda’uu garu ol-iyyanaaa inni dhiheeffate fudhatama waan argateef yeroon xineeffamuufiinis ibsameera.

Dhabbanni mirga dhala namaatii falmu Amnistii Internaashinaal adeemsa mana murtii Itoophiyaa balaleeffatee, Yoonaataan waan Feesbuuki irratti maxxanseen himatamee murtiin akkanaa kennamuun waan nama qaanessu akka ta'e beeksise.

Itti gaafatamaan paartii mormiuu Samaayaawii paartii Obbo Yeshiwas Asaffaa gama isaatiin yeroo dhaddachaa harraa irratti argamuu isaa ibsee, murtii kana akka hin eegne, sirumaa bilisa gadhiifama jedhee yaaduu isaa ibse, kuni diddaan uummataa akka itti fufu malee akka dhaabbatu waan godhuu miti jedha.

Yoonaataan yeroo mormiin Oromiyaa jabaatee ture keessa, Muddee bara 2015 qabamee. Caamsa 2016 seera farra shororkeessummaatin himannaan irratti dhihaate. Yakki itti himatamees wantoota mormii mootummaa irratti deemaa tureen walqabatee fuula Feesbuukii irratti fincilaa waan kakaasan barreese an jedhu.

Abuukaatoon Yoonaayaan murtii kennameen akka gaddan fi ol iyyannoo dhiheefachuuf karoorfachuu ibsan

Yoonaatan Tasfaayee Raggaasaa Hidhaan Oggaa 6 fi Ji'a 6 Itti Murtaahe. Badiin Isaa, Waan Feesbuukii Irratti Maxxanse
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:32 0:00

XS
SM
MD
LG