Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes fi Shorookaa Afrikaa Keessaa


Faayilii - Loltuun Somaaliyaa bakka milishoonni alshabaab haleellaa itti geechisan biratti, Moqaadishoo, Waxabajjii 22, 2015
Faayilii - Loltuun Somaaliyaa bakka milishoonni alshabaab haleellaa itti geechisan biratti, Moqaadishoo, Waxabajjii 22, 2015

Seera tumtoonni Yunaaytid Isteetes kannen sodaa shoroorkeessummaan Afrikaa keessatti uume kaleessa ilaalaa turan Amerikaan dhittaa mirga namoomaa hogganoonni kutaa Sanaa geesisanii fi bulchiinsa gaariin dhabamuu utuu hin hubatin hafuu maltii yaaddoo jedhu akka qaban ibsanii jiran.

Dhimmootii Afrikaaf ministeera itti aantuu kan ta’an Lindaa Thomas Greenfield garee senetaroota kan koreen hariiroo alaa walgahiif waame kanaaf akka ibsantti biyyootiin kutaa sana keessa jiran waan guddaaf saaxilamanii kan jiran yoo ta’u adda addummaa dandeettii qaban irratti dubbatamuu qabu qaban.

Itti fufanis gareeleen shoroorkeessotaa maallaqa kennuun namoota waraananiif akka funaannatan ibsan. Gareelee kana dura dhaabachuuf mootummonni qabeenya qaban mara gargaaramuun carraa barnootaa fi ooguma adda addaa akka argatan gochuu qabu jedhan.

Yunaytid Isteetes biyyonni kana akka hojjatan gochuuf gargaaruu irratti kan qiyyaafatte ta’uus jedhu miseensii koree kanaa Senator Ben Cardin garuu yunaaytid Isteets biyyonni gama farra shoroorkeessummaan michoota ta’an keessatti hogganoonni dhiittaa mirga namoomaa akka gesisaniif ykn bulchiinsi gaariin akka dhabamuuf carraa kennuu hin qabdu jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Fakkeenyaaf itiyophiyaa keessatti filannoo paarlaamaa gaggeessanii hogganaan mormituu tokko hin filamne akkasumas humnootiin nageenyaa hiriirtoota keessaa dhiba hedduu ajjesan.

Akkasumas Chaad, Somaaliyaa, Naayjeriyaa fi Keniyaa keessatti haalli wal fakkaataan akk jiru ibsamee jira.

Yunaaytid Isteetes fi shorookaa Afrikaa Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:44 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG