Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Gazexeessaa Wubishet Taayee Mana Hidhaatii Akka Baastu Yunaayitid Isteets  Gaafatte.  


Gazexeessaa  Wubisheet Taayee
Gazexeessaa  Wubisheet Taayee

Gazexeessaa Wubisheet Taayee Waxabajjii 19, 2011 mootummaadhan qabamee mana hidhaa seene. Odoo hin hidhamin dura paartii biyya bulchaa jiru qeequudhan barreefama maxxansee ture.

Yunaaytid Isteets mootummaan Itoophiyaa akka Wubisheet Taayee hidhaadhaa baasuu fi seera shororkeesummaa wal-mormsiisaa baasee mirga yaada ofii walabaan ibsaachuu fi miidiyaa walabaa ukkaamsuudhaaf itti fayyadamuu akka dhaabus ni jajjabeesina jechuudhaan, Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets ibsa Jimaata darbe kenneen beeksisee jira. ​

Wubisheet gulaalaa itti-aanaa gaazzexaa Afaan Amaaraa Aawraambaa Taayimsi jedhamuu ture. Hojii gazexesummaa han jalqabe Yunvarsiitii dhuunfaa Yuunitiitti oggaa ta'u, san booda gazzeexaa Hadaar ka torban torbbaniin maxxanfama turee fi amma cufamee jiruu gabaasaa ta'e hojjataa ture. Manni murtii Finfiinneetti argamu Amajjii 19,2012, himannaa shororkeessummaan walqabateen yakkamaa ta'uu isaa mirkaneefadhe, hojii shororkeessummaatiifkafalttii fudhateera jechuudhan hidhaa oggaa 14 itti murteesse jira. Wubisheet mana hidhaa Zuwaay jiraachuu isaa fi dhukbsachuun isaas gabaafameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG