Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytiid Statees mariin kallattiin gaggeefamu kan giddu galeessa bahaa jalqabamuu isaa labsite.


Benjamin Natanyaahuu fi Mohaammud Abbaas
Benjamin Natanyaahuu fi Mohaammud Abbaas

Mariin kallattiin Israa'elii fi Faalisxiin gidduutti jalqabame milkaa'ina adeemsa nageenyaaf karaa saaqaa jetti Ameericaan.

Ministrittiin dantaa ala Yunaaytiid Statees Hillary Kiliinten waggota lama keessatti Yeroo jalqabaaf, mariin kallattiin Israelii fi Faalisxiinoota gidduutti geggeeffamu eegalamuu isaa beeksisanii jiran.

Sirna Waajiira ministrii dantaa alaa Yunaaytiid Stetees keessatti gaggeefamee irratti, bulchiinsi Peezidaant Obaama walgoota dhufan keessatti, walii galtee nageenyaa argamsisuuf cichaan kan hojjatu ta’u Kliinten hubachisanii jiran.

Hojii ijoon hojjetamuu qabu, muummicha ministeeraa Israel Beenjaamiin Natanyaahuu fi preezidaantii Faalisxiin Mahamoud Abbaas giddutti ta’u Klintoon cimsanii hubachiisan.

Gam-lameen ni milkooftu jennee amanna, kana yoo gootan immoo dantaa nageenya biyyoolessaa Amerikaaf akka ta’u ni hubanna kan jedhan Kliinten, garuu furmaati akka argamuuf dhiibbaa hin goonu jedhu.

Kliinten hoogganoonni lamaan marii sana itti fufuuf walii galuu isaaniif baga gammaddan ittiin jedhan.

Garuu biyya Faalisxiinotaa walaba taate hundeessuuf akkasumas,nageenya Israa’el eegsisuuf tattaaffii godhamu keessatti guyyaa rakkisaan dhufuuf akka jiru akeekkachiisaniiru.

Kanneen araara kana morman akkuma torban darbe argine, hookkara kaasuu dhaan adeemsa nageenyaa kana danquuf yaalu jedhan kliinteen.

Kan Isra’el jiraachuu isheen mormu gareen finciltoota Hamaas, haleellaa torban darbe west bank keessatti lubbuu Juushotaa galaafateef itti gaafatama fudhachuun ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG