Xurree ittiin seenan

Breaking News

Parlaamaan Awurooppaa akka mootummaan Itoophiyaa waan Dr.Mararaa Guddinaa hidhanii fi amma keessa jiru diidessee itti himu gaafate


Kuusaa suralee(FILE PHOTO) Pirezidaantii Paarlaamaa Awurooppaa yoo kora isaanii Waxabajjii 24, 2016 Biraasel irratti dubbatu
Kuusaa suralee(FILE PHOTO) Pirezidaantii Paarlaamaa Awurooppaa yoo kora isaanii Waxabajjii 24, 2016 Biraasel irratti dubbatu

Itti gaafatamaa KFO fi itti aanaan dura taa’aa Medrek Dr.Mararaa Guddina torbaan lamaa fi wayiin duratti isaa biyya alaatii galu Finfinneetti hidhanii ammallee Finfiannumati hidhaa jira.

Dr. Mararaa Guddinaa
Dr. Mararaa Guddinaa

​Mootummaan Itoophiyaa Dr. Mararaan seera yoo muddamsuu baafatan ka Itoophiyaan baafatte cabseef hidhan jedha.Paartiin isaa ammoo seerii baana ka Dr. Mararaan cabse hin jiru jettee mormiteef.

Paarlaamaan Awurooppaallene hidhaa Dr. Mararaa tana irratti mootummaa Itoophiyaatti xalyaa barreesse.Xalyaa tana pirezidaantii Paarlaamaa Awurooppaa Marin Shultizitti barreesse.

Akkana jedhe Xalyaan kun Dr.Mararaa Sadaasaa keessa Brussle dhufee miseensota paarlaamaa Awurooppaalleen wal dubbatee Itoophiyaatti deebihee hidhame.

Miseensotii Paarlaamaa Awurooppaa akka jecha Pirezidaantii Paarlaamaa isaaniitti hidhaa Dr.Mararaa tanatti yaaddahnii akka pirezidaantii isaanii waan kana quba qabaatu xalyaa barreessaniif.

Pirezidaantiin Paarlaamaa Awurooppaa hojjattootii paarlaamaa isaa ambaasaaddera Itoophiyaa Biraaselsi jiru waan Dr.Mararaa gaafannaan “warra biyya nagaa dhowwun” wal dubbateef hidhan jedhan jedha.

Akka xalyaan Paarlaamaan Awurooppaa barreesse jedhutti Waldaan isaanii waan nagaa eegusma mootummaa Itoophiyaa keessa seenuu baatullee “Dr. Mararaa waan Parlamaaa Awurooppaatiin wal dubbateef” hidhan fakkaatti tun ammoo waan tahuu malee miti.

Pirezidaantii Waldaa Awurooppaatti Martin Schultz “Paarlamaaa Awurooppa Mana Diimokiraastii ka namii yaada akka akkaa keessatti wal dubbatuu fi wal caqasullee,” jedha.

Yaada kana ammoo bakka buutota mootummaatii fi paartilee mormituullee irraa dahgeennaa wal dubbannaa tana isanti himuu fedhaa jedhee Xalyaa tana pirezidaantii Itoophiyaa Dr.Mulaatuu Teshoomeetti barreesse Pirezidaantiin waldaa kanaa.

Akkana jedha Xalyaa kun “akka mootummaa keessanii fi paarlaamaa Awurooppaa wal gargaaru tolchuuf waan Dr.Mararaan amma keessa jiruu fi waan himatan akka diidessanii natti himan fedha.”

Paarlaamaan Awurooppaa bara 1952 keeess hujii jalqabee miseensa 751 qaba Waldaa biyyoota Awurooppaa 28 keessaa fialta qaba.

Waldaan Awurooppa ammoo amma British waldaa kana keessa baate malee miseensa 28 qabaa ganna shan shanitti pirezidaantii filataa. Pirezidaantii ammaa kana ganna lamaan duratti filatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG