Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetsii fi Itiyoophiyaan Waa’ee Dimookiraasii, Bulchiinsaa fi Mirga Dhala-namaa Irratti Marii Geggeessan


Itti-aanaa Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Toom Maalinoowiskii
Itti-aanaa Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Toom Maalinoowiskii

Yunaayitid Isteetsii fi Itiyoophiyaan Waa’ee Dimookiraasii, Bulchiinsaa fi Mirga Dhala-namaa Irratti Marii Gurmuu Hojii Marsaa Toorbaffaa Finfinnee Keessatti Geggeessan

Kaleessa, Mudde 15, 2016 dhimma Dimookiraasii Mirga Dhala-namaa fi Hojiitiif Itti-aanaa Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Toom Maalinoowiskii fi Ministarri Dhimma-alaa Itiyoophiyaa, Warqineh Gebeyyew dura-teessota marii kanaa Minister Deetaa Ministirii Dhimma-alaa Itiyoophiyaa, Hiruut Zemeneandi fi Embaasii Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa jirutti - Dhimma Raaw’achiisaa, Piiter Virooman waliin ta’uudhaan, marii gam-lameenii toorbaffaa, ka Gurmuu hojii waa’ee Dimookitaasii, Bulchiinsaa fi mirga dhala-namaa kanatti hirmaatanii jiran.

Akka bakka-bu’oonni Mootummaa Yunaayitid Isteetsii fi Itiyoophiyaa dhimmoota mootummaa fi mirga dhala-namaa irratti bal’inaa fi ifaan dubbatan Gurmuun hojii biyyoota lameen irraa hundeessame kun carraa banee jira, jedha – ibsi Embaasii Yunaayitid Istees, ka Finfinnee jiru irraa bahe.

Mariin gurmuu hojii kun, waa’ee mootummaan deemsa filannoo jijjiiruuf waadaa seene, ka prezidaantiin biyyattii Dr. Mulaatuu Tashoomee ammaan dura dubbatanii turan, waa’ee kabajamuu mirgawwanii fi dirqamawwan heeraa fi waa’ee labsii yeroo hatattamaa jalatti marii geggeessuu fi dhiisuu, waa’ee barbaachisummaa miidiyaa jabaa fi cimaa deggeruu, haala itti bilisummaalee bu’uraa deggeraa haasawaalee jibbinsaa dura itti dhaabatan, bulchiinsa gaarii jabeessuuf barbaachisummaa jaarmaayaalee hawaassa siivilii fi gabaasaalee mirga dhala-namaa Yunaayitid Isteets, ka waggaa dabalee dhimmoota bal’inaa fi heddummina qaban irratti dubbatee jira, jedha – ibsichi.

Gam-lameenuu, yeroo mariitti ifaa fi dhugaan walitti-dubbachuu simatanii jiran. Xumura marii kaleessaa kana irratti bakka-bu’oonni mootummoota lameenii marii gurmuu hojii kana dhaabbataadhaan itti fufuuf walii-galanii jiran.

XS
SM
MD
LG