Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsiitii Adaamaa Fi Anaaleen Godina Qellem Wallaggaa Hangii Tokko Maal Keessa Bulanii Oolan?


Yunivarsitii Adaamaa
Yunivarsitii Adaamaa

Wiixata Bitooteessa 14 bara 2016 galgala barattonni Oromoo kan Yunivarsitii Adaamaa Mootummaan Itiyoophiyaa nu hin bulchuu akkasumas dhiigii ijoollee Oromoo dhangala’e gumaa haa argatuu jechuun hiriiruu isaanii barattonni dubbatanii jiru. Yeroo kanattis polisiin addaa Oromiyaa kan mooraa yunivarsitichaa keessa duraanuu buufatee jira ittiin jedhan hiriira kana diiguuf aara himiimansuu fi dhukaasuu isaa ibsan. San booda baratonni gara lafa cisiicha isaaniitti erga baqatanii booda waraanni mootummaa Itiyoophiyaa doormii barattotaa cabsee seenuun barattoota gad baasuun jilbaan akka deemaniif dirqisisuu isaa fi sana booda gara Isataaadiyoomi mooraa sanaatti geessamanii garaan akka ciisan ta’uu isaanii barattoota keessaa ibsanii jiru.


Halkan walakkaa ta’uuf daqiiqaan soddomni lafa hafeetti kan nu ciibsan qorra keessa bulle jedhan. Sana booda kutaan dhimmi nageenyaa kan mooraa yunivarsitii ganamaa qabee achuuma Istaadiyamii keessatti walgahii gaggeessuu isaa fi bulanii oolanii walakkeessa guyyaa irraa satadiyamii keessaa ba’uu dubbatu. Barattonni reebaman fi hidhaman akka jiraniis dubbatanii jiru. Prezidaantiin yunivarsitii Adaamaa Jang Lee dhimma kana kan ileen gabaasni akka isaan ga’ee fi garuu ibsa kennu akka hin dandeenye ibsan.

Godina Qallam Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo magaalaa Nuunnuu keessatti humnoonni mootummaa uummata nagaa reebaa hidhaatti naquu dhaan dararaa jiru jechuun jiraattonni himatanii jiru. Baatiiwwan arfan darban keessa hiriirawwan mormii geggeessaman isintu qindeesse jechuu dhaan mana namaa irra naanna’anii balbala cabsanii namoota hidhaatti guuruu, karaa irra illee deemuu sodaanne jedhu. Haala jiraattonni uumame jechuun himatan kana qaama mootummaa biraa adda baafachuuf gara itti gaafatamaa waajjira OPDO obbo Nabiyyuu Raagaatti naannoon keenya nagaa dha. Tarkaanfiin fudhatames hin jiru jedhan.

Gama biraan achuma godina Qallam Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Ashii keessatti barattoonni hiriira ba’uu isaaniitiin humnoonni mootummaa itti bobb’anii kaan reebanii kan rasaasaan rukutame illee jiraachuu jiraattonni magaalatti ni dubbatu. Ittiin ka’umsi hiriira Sanaa maal akka ta’e jiraataan magaalattii tokko ennaa ibsan barsiistota isaanii keessaa lama qabamanii waan hidhamaniif akka gad dhiisaman gaafachuuf hiriira ba’an jedhan.

Bulchaan magaalaa Ashii obbo Gelaahun Leencaa himannaa uummataa kanaaf ennaa deebii kennan hiriirri geggeessame hin jiru. Martinuu seera qabaa ijoolleetu jeeqe, humnoonni nagaa eegisisuuf bobba’an malee miidhaa nama irra ga’e hin dhageenye jedhan.

Guutummaa gabaasa kanaa dhaggeeffadha.
please wait

No media source currently available

0:00 0:18:38 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG