Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitiin Adaamaa Barattoota Ari’e


Torban lama dura mooraa yunivarsitii Adaamaa keessatti baratonni walitti bu’uu isaaniin kan ka’e kan ari’aman jiraachuu baratonni ibsanii jiran.

Ittiin ka’uumsi walitti bu’iinsa kanaa sagantaa Televiziyonaan darbaa ture isa kana ilaallaa isa sana ilaalla jechuun gosummaa irratti kan hundaa’e akka ta’e ibsameera.

Mufannaa baratonni Oromoo dhagesisaniin kan ka’e humnii alaa seenee baratoota hanga tokko eega hidhee booda manni murtii ragaa ga’aa dhabuun walaba kan gadhiise ta’us yunivarsitiin garu baratoota 6 ari’ee jira.

Barattoota mana murtiitti dhiyaatan keessaa himati shoroorkeessummaa irratti dhiyaatee ragaa ga’aan dhabamee kan gadhifaman ta’uun ibsameera.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.

XS
SM
MD
LG