Oduu - Voice of America
Oduu - Voice of America
        <language>om</language>
        <ttl>60</ttl>        
Faransaay Keessatti Boombiin Bara Waraansa Addunyaa Lammaffaa Argamuu Isaarraa Kan Ka'e  Geejjibni Baaburaa Akka Dhaabatu Taasisamee Jira 
            <description>Dhaabanni geejiba baaburaa biyyaleessa Faransaay jimaata har’aa akka beeksisetti, naanoo buufata baaburaa imaltoonii itti baayatanuufi Gaak di Noord jedhamuti boombiin  bara walwaraansaa aduunyaa isa 2ffaa ture ittu hin doohin waan argameef geejibinni baaburaa naanoo fi biyyalessaa akka dhaabatuu dirqisiiseera.
Dhaabbanni geejibaa baaburaa biyya Faransaay boombii kana ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasa X irratti ibsa kenneen, geejibiin baaburaa Faransaayiin biiyyottan awuurooppaa biroo wajjin wal quunamisisus akka dhaabatu taasifameera.
Akka dhaabanni geejiba baaburaa Awurooppaa fuula marsartii isaa irratti beeksisetti, baaburaawan paarsi irra ka’anii gara magaalota Awurooppaatti imaluuf turan Sadii karoorrii imala isaanii akka hafuu taasifameera.
Manni Itti-Aanaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Waraanaan Marfamuu fi Michoonni Isaanii Hedduun Hidhamuun Himame
            <description>Michoonni itti aanaa prezidaantii Sudaan Kibbaa hedduun erga hidhamanii fi gareen hidhate kan michuu isaanii ta’e maadhee waraanaa Kaaba biyyattii jiru erga weeraree booda Loltoonni Sudaan Kibbaa Roobii har’aa mana itti aanaa Pirezidaantii Riyaak Machaar kan magaalaa guddoo biyyattii keessaa marsanii jiru.
Associated Press akka gabaasetti, Kan wal mormiin siyaasaa pirezidaant Saalvaa Kiir waliin jiru yeroo darban keessa gara wal waraansaatti geesse Machaar ji’a darbe akka jedhanitti, michoota isaanii hedduu taayitaa mootummaa irraa ari’uun walii galtee nageenyaa bara 2018 Isaanii fi Kiir waliin irra ga’ameee fi wal waraansa waggoota shanii kan uummata 400,000 ol galaafate balaaf saaxila jedhan.
Kan Machariif amanamoo ta’a itti aanaa hoogganaa waraanaa Jeneraal Gabri’eel Duup Laam ennaa lola Kaaba biyyattii to’annaa jala kan oolan yoo ta’u, Michuu Machaar kan ta’an ministeerri Pertrooliyeemii Poot Kaang Chool illee Roobii har’aa waardiyyaalee fi maatii isaanii waliin to’annaa jala oolaniiru. Hidhamuu kanaaf sababaan kenname hin jiru.
Machaaris ta’e paartiin isaanii SPLM-IO waa’ee lola jiruu yaada hin kennine, garuu ministeerri dhimma bishaanii Paal Maa’ii Deeng kan dubbi himaa paartichaa ta’an akka jedhanitti, hidhamuun Laam guutummaa walii galtee nageenyaa sana balaa irra buusa.
Jiloonni warren gama dhiyaa torban darbe hoogganoonni kun muddama jiru akka gad xiqqeessan gaafataniiru.
Daayirikterri ol aanaan waalta nageenyaa fi leellistummaa kan ta’an Teer Manyaang Gaatwiich hookkarri akka hin hammaanne akkasumas dhiigi itti dabalaa dhangala’ee gara waraana guutuutti akka hin geessine ittisuuf kanneen hidhaman battala akka gad-dhiisaman gaafataniiru.
Sudaan Kibbaa hanga ammaatti waliigaltee nagaa bara 2018 guutummaatti hojiirra oolchuu kan hin dandeenye yoo ta’u, filannoon bara darbe gaggeeffamuuf ture sababa hanqina maallaqaatiin waggaa lamaaf dabarfamee jira.
Abukaatoon Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Aangoo Irraa Kaafame Deggertoonni Isaanii Akka Hin Hidhamne “Hanga Dhumaattan Qabsaa’a”  Jedhan  
            <description>Pireezidaantiin Kooriyaa Kibbaa duraanii Yuun Saak Yool seera waraanaa kaa’uuf erga yaalaaniin yeroo gabaabaa keessatti aangoo irraa akka kaafaman taasifamaniif Abukaatoo kan ta’e xalayaa deeggartoota isaaf bareesseen maamalii isa akka hin hidhamneef jecha hanga dhumaattin qabsa’a jechuun walitti qabeera. Namoota deeggarsa Yuuniif Kamisa har’aa naannoo mana jireenyaa isaaniitti walitti qabamaniiraniif xalayyaan kun kan raabsameef yommuu ta’u namoonni bakka sanatti argamanis nuti pireezidaantii keenya iirra ittisuuf asitti wal geenye qaamni biraan seeran ala isa hidhuuf waan deemuufidha jedhaniiru. Aaangoon uummataa maala akk ta’es agarsiisuufidhas jedhaniiru. Kana dura kanneen Pireezidaantichi akka gadhiisuuf hiriira irratti ba’anis bakkuma mana jireenyaa Yuun kanatti kan ba’anii ture.
Manni murtii immoo Kibxata darbe kana gaaffii Ejeensiin farra malaanmaltummaa Yuun akka to’annaa jala oolfamu dhiyyesse mirkaneessera. Ajajni manni murtii kan ba’es Yuun waajjirri isaa akka hin sakatta’amne dhorkuu isaarraan akan dhufedhas jedhameera. Ajajni hidhaa Ejeensiin farra malaan maltummaa Kooriyaa Kibbaa mana murtii irraa baafate hanga gaafa Wiixata dhufu Amajjii ja’aattidha. Hidhaan kun yoomii fi ahaala kamiin raawwachuu danda’a kan jedhu ammayyuu ifaa miti. Kanneen tajaajila egumsaa Pireezidaantii duraaniif kennaa jiran garuu qorattoonni sakatta’insa
akka hin taasiifne dhorkaniiru. Hidhaan kun hojiirra kan oolu yoo ta’emmoo pireezidaantii biyyattii hidhame kan jalqabaa ta’a.
Lammileen Namibiyaa Eega Filannoon Sababa Teekinikaan Dhaabatee Booda Gara Buufatalee Filannootti Deebi’udhaan Sagalee Kennaa Olan
            <description> Akkaataa karoora komishiini filannoo biyya  Namibiyaatti, filanoon kan jalqabe Roobii dheengadaa ta’us, sabba Rakina tekinikaa umamee fi mormii ka’een,  guyyaan filannoo akka dheeratu taasifamuun isaa gabaasameera.
Sababa rakina meeshaalee sagalee kennitoonii ittin galama’anuu fi sababa hanqina waraqaa sagaleen ittin kenamuutiin kan ka’ee lammileen biyyatti pezidaantiidhaafi miseensota mana maree bakka bu’ootaatiif sagalee kennuuf bahan sa’’atii 12f dhaabbatanii eegachaa akka turan oduu gabastotatti himaniiru.
Filannoo Jimaata har’aa buufatalee 36 keessatti taasifamaa jiru Kanaan Partiin bara walabummaa biyyatti bara 1990 jalqabee waggoottan 34 biyyatii bulchaa jiru Partiin dhaabbataa umata kibbaa dhiha Afrikaa ykn SWAPO jedhamee kan beekamuu morkii cimaa keessa akka seenaa jiru gabaasameera.
  Hojii dhabiinsaa dargaggootaa, gara garuumaan jireenyaa lammilee biyyatti gidduutti mulachaa jiru guddachuun isaa, keesumaa dargagootaa erga SWAPON angoo qabatee as dhalatan birratti xiyyeefannaa guddaan waan itti kennameef, paartii bara 1990 jalqabee aangoo irra jiru morkii keessa galchuu akka danda’e ibsamera.
  Akka gabaasalee laammilee biyyatti waabefachuudhaan ifa ta’aniitti amma har’aatti namoottan filannoodhaaf galmaa’uu danda’an miiliyoonii tokkoof walakaa qofa. Akka komishiiniin filannoo biyyatti ibseetti filaniichii amma Sambata bortii itti fufa.
Gareen Waraana Saffisaa Sudaan ‘RSF’ Namoota Nagaa 120 Ajjeesuu Tokkummaan Mootummootaa Ibse
            <description>Sudaan giddu galeessa Bahaa keessatti waraana saffisaa (RSF) jedhamuun namoonni 120 ol ajjeefamuu Tokkummaan Mootummootaa fi gareen Doktorootaa ibsanii jiru.
Gareen hakiimotaa fi Tokkummaan Mootummoota akka jedhanitti loltoonni Humnoota Deeggarsa Saffisaa kanneen maqaa gaarii hin qabne Sudaan giddugaleessa bahaa keessatti haleellaa guyyoota hedduudhaaf raawwataniin magaalaa tokko keessatti namoota 120 ol ajjeesan.
Gareen RSF waraana Sudaan irraa haleellaa irratti gaggeeffameen  maadhee naannoo Sanaa qabu eega dhabee booda, haleellaa ammaa kana immoo waraana Sudaan irratti gaggeesse.
Ibsii Tokkummaan Mootummootaa Smabata dabree  baasee akka jedhetti, loltoonni RSF Onkoloolessa 20-25 gidduutti kutaa Geziraa gama bahaa fi gama kaaba magaalootaa fi gandeen keessatti jeequmsa uumuun namoota nagaa ykn siviloota irratti dhukaasuun dubartootaa fi shamarran irratti humnaan gudeeddii raawwachuu isaanii ibseera.Gamtaan Doktorootaa akka beeksisetti, magaalaa Sarihaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 124 du'anii 200 ammoo madaa'aniiru.
Haleellaan kun torban darbe magaalaa Tamboul fi gandoota Geziraa bahaa fi kaaba keessatti namoota 46,500 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ragaan Dilbata kaleessaa Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) irraa argame ni mul’isa.
Jalqaba Baatii Sadaasaa Irra Keeniyaan Poolisii Itti Dabalaa Heeytiif Erguuf Ka Jirtu Ta’uu Beeksiste
            <description>Poolisoonni Keeniyaa itti dabalaa kanneen 600 ta’an hookkara kashlabbummaa kan biyya Heeyitii keessatti duuluuf jecha jalqaba baatii Sadaasaa qabee bobba’uuf kan jiran ta’uu hoogganaan poolisii Keeniyaa Sambata darbe beeksisanii jiran.
Prezidaant Wiiliyaam Ruuttoo humnootii itti dabalaa kan ergan ta’uu waadaa kan seenan, muummicha ministeeraa yeroo kan Heeyitii Geerii Kooniil waliin Jimaata darbe erga wal arganii booda yoo ta’u, hoogganoonni lamaan hawaasi addunyaa daran akka hojjetu gaafataniiru.
Gareen poolisoota 600 kun yeroo dhiyootti bobbaafamuu dura leenjii keennamu erga xumuranii booda poolisii Keeniyaa duraan Heeyitii keessa buufatetti makamu jechuu dhaan Inispeektaerri Olaanaa Poolisii Keeniyaa Daaglaas Kaanjaa beekisaniiru.
Leenjiin sun erga xumuramneen booda poolisoonni kun jalqaba ji’a itti aanuu Keeniyaa dhaa ka’uuf qophii ta’u jechuu dhaan Kaanjaan Kooniil waliin ta’uu dhaan sabaa himaaf Naayiroobii keessatti ibsa kennanii jiran.
Biyyattiin gaanfa Afriikaa kun biyya Kariibiyaan kan yakkaan raafamte keessaa nageenya dhabame bakkatti deebisuuf gurmuu humnootii biyyoota hedduu hoogganuu dhaan hanga ammaatti poolisoota 400 ta’an ergitee jirti.
Humnootii naga eegumsaa duruu Heeytii keessa jiraniif mindaa baasuu boodatti harkifachuu ilaalchisee Kaanjaan ennaa dubbatan, dhimmi kaffaltii furmaata argateeraa, humnootiin nagaa eegsisanis gammasaniiru jedhan.
Prezidaanti Ruuttoon Jimaata darbe akka jedhanitti, hawaasi addunyaa hatattamaan gurmuu hanqinni maallaqaa isa mudate cina akka hiriiru gaafataniiru.
Yeroon kun yeroo hojii harka keenya jiru raawwachuu akka dandeenyuuf deeggarsi murteessaan itti nu barbaachisuu dha  jechuun waamicha Kooniil dabarsan irra deebi’aniiru.
Erga miseensonni kashlabbootaa magaalaa guddoo Poortoo Piriins irraa fageenya km 100 irratti kan argamtu magaalaa Heeyitii Poont Soondee keessatti dhukaasa banuu dhaan namoota 109 morma irraa muruu dhaan kanneen biroo 40 madeessanii booda ture hoogganaan biyyattii Keeniyaa kan daawwatan.
Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa ji’a darbe gurmuu naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaatti utuu hin jijjiirin ergami poolisii waggaa tokkoof akka dheeratu kan taasise jira.
Hookkara kashlabbootaa hiika hin qabaannen waggaa kana Heeyitii keessatti namoonni 3,600 ol ajjeefamuu waajjirri mirga namaa kan Tokkummaa Mootummootaa beeksisee jira.
Biyyoonni Addunyaa Irraa Hiyyeeyyii Ta’an 26 Rakkoo Maallaqaa Hamaa Keessa Jiraachuu Baankiin Addunyaa Beeksise
            <description>Gabaasni Baankii Addunyaa haaraan akka mul’isutti, biyyoonni hiyyeeyyii addunyaa 26, kanneen namoota addunyaa irraa hiyyeeyyii ta’an dhibba irraa harki 40% keessa jiraatan, sadarkaa liqii kanaan dura hin argamne kan isaan mudate yoo ta’u, kunis bara 2006 irraa eegalee isa olaanaa dha.
Addunyaa ka biroon COVID 19 irraa dandammatee guddina argamsiisaa ennaa jirutti, dinagdeen biyyoota kanaa hammaataa adeemuu gabaasi kun beeksisee jira.
Walgahiin waggaa Baankii Addunyaa fi dhaabbata maallaqa Addunyaa  Waashingitanitti gaggeeffamuu isaa torban tokko dura kan ba’e gabaasni kun hiyyummaa hamaa dhabamsiisuuf tattaaffii godhamu irratti duubatti deebi’iinsa guddaan jiraachuu kan mirkaneessu yoo ta’u, Baankiin Addunyaa bara kana deggersa maallaqaa hiyyeeyyii addunyaa guutuuf doolaara biiliyoona 100 walitti qabuuf tattaaffii taasisaa jiru kan cimsu dha
Qorannaan biyyootii hiyyeeyyii 26 ta’an irratti geggeessame gliin nam tokkee waggaatti doolaara $1,145 gad ta’uu kan mul’isu yoo ta’u gargaarsa waldaa misooma Addunya IDA irratti fi liqaa dhala gad aanaa ziirootti dhiyaatu irratti hirkatanii jiru jedha gab aasi baankii Addunyaan ba’e kun
Giddugaleessaan galiin biyya keessaa fi  liqaa biyoota kanaa wal bira qabamee ennaa ilaalamu dhibba irraa harka 72 yoo ta’u kunis waggoota 18 keessatti isa dha. Biyyoonni kun walakkaan isaanii liqaa irra jiruun dhiphachaa jiran ykn balaa guddaa keessa jiru.
Biyyoota hiyyeeyyii 26 keessaa harka sadii keessaa lama walitti bu’iinsa hidhannoo keessa jiru, ykn sababaa waaltaalee fi hawaasummaan laaffataa ta’eef jecha sirna eegsisuuf rakkataa jiran. Kun immoo investmentii fi meeshaalee gara alaatti ergaman danqee, kufaatii dinagdee yeroo dheeraaf mul’atuuf isaan saaxila jedha gabaasni kun.
Itti fayyadama Bishaanii Kuusaa laga Abbayyaa Irratti Walii Galteen Jiru Hojii Irra ooluu Muummichi Ministeera Abiy Ahimed Beeksisaniiru
            <description>Waliigalteen Bu’uura Laga Abbayyaa kan jedhamu jalqaba bara 2010 kan eegalame yoo ta’u, Itiyoophiyaan alatti booda irra Ruwaandaa, Yugaandaa, Taanzaaniyaa, Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoo fi yeroo dhiyootti ammoo Sudaan Kibbaatiin raggaasifameera.
Waliigaltichi hojiirra oolus, biyyoota toora yaa’aa Bishaan Abbayyaa irra jiran gurguddoo lama Masrii fi Sudaan mormaniiru.
Biyyoonni lamaan wixineen Bu’uura Laga Abbayyaa ilaalchisee ba’e kun waliigaltee isaanii malee ta’uu ibsuu dhaan, tarkaanfiiwwan gama tokkee kun, biyyoota yaa’a bishaanichaa gara olii fi gadii gidduutti qoqqoodinsa hammeessuu hammeessuu akka malu akeekkachiisaniiru.
Muummichi ministeeraa Abiy, waliigaltichi hojii irra ooluu isaa jajatanii jiran.
Guyyaan kun tumsa dhugaa Bishaan Abbayyaa keessatti qabnu guddisuuf tattaaffii waloo taasifnu keessatti milkaa’ina seena qabeessa ta’ee yaadatam jedhan.
Waliigalteen Bu’uura Laga Abbayyaa hojiirra ooluun isaa akka maatii Naayiliitti fayyadamuutti, walitti dhufeenya keenya kan cimsu yoo ta’u, bulchiinsi fi itti fayyadamni qabeenya bishaanii waliin qabnu hundi fayyadamoo akka ta’u mirkaneessa, jechuun barreeffama X, ka duraan tiwiitara ture irratti barreessuun itti dabalanii ibsaniiru.
Akka marsariitii mootummaan Masrii Ahraam jedhutti, Masrii fi Sudaan walgahii guyyoota lamaaf Onkoloolessa 11-12 Kaayirootti gaggeessan hordofuu dhaan ibsa Komishiniin Teeknikaa Waliinii Dhaabbataa Masrii fi Sudaan kan dhimma Bishaan Abbayyaa baaseen ejjennoo isaanii calaqqisiisaniiru.
Akka komiishinni kun jedhutti wixineen bara 2010 ba’e waliigaltee barbaachisaa kan hin qabnee fi qajeeltoowwan seera sadarkaa addunyaa hundeeffamanii fi muuxannoowwan gaarii ta’an kan hin kabajne ta’uu Al-Ahraam ibseera.
Muummichi ministeeraa Abiy, biyyoonni walii galtee sana mallatteessuu hin qabne maatii fayyadama bishaan Abbayyaatti akka makaman gaafatanii, waliin taanee kaayyoo misoomaa fi walitti dhufeenya waliin qabnu galmaan geenya jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Masriin dhimma hidha laga Abbayyaa guddicha irratti imaammata Itoophiyaa kan ittiin jettee ibsitu mormuu dhaan dhiheenya kana Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaaf xalayaa barreessiteetti.
Xalayaan Masriin kun kan barreeffame erga Itiyoophiyaan tarbaayinoota humna elektirikii sadaffaa fi afraffaan hidha laga Abbayyaa irratti hojjechiisuu jalqabdee
Itiyoophiyaan mirga guddina diinagdeef qabdu fayyadamaa jirti jechuun falmiti.
Kaadhimamaan Itti Aanaa Prezidaantii Ameerikaa Yaa'ii Biyyoolessaa Dimokraatotaa Guyyaa Sadaffaa Irratti Kaadhimummaa Isaanii Simatan
            <description>Bulchaan kutaa Minisootaa Tiim Woolz filannoo prezidaantummaa dhufu irratti akka itti anaa prezidaantii ta’anii dorgomanuu kaadhimamamuu isaanii Yaa’ii biyyalesaa paartii Dimokraatotaa magaala Chikaagoo keessatti taasifamaa jiru irratti galgala kaleesaa iffatti fudhataniiru. Dhimma kana irratti gabaasinii Keen Farabuutiin VOA dhaaf qophaa’e kunootti.
Hamaas Ennaa Konkolaataan Garagaarsa Gaazaa Seenaa Turetti Hamaas Israa’elitti Rookkeettii Dhukaase
            <description>Dhuma torbanii kana keessa gareen Hamaas gara magaala Israa’eel Teel Aviivitti rookeetti fagoo deemanu furguggeesee jira. Israa’el caalaa isaanii akka qolattee ibsitee jirti. Dhimma walwaraansa Gaazaa irratti murtoon mannii murtii yakka adduunyaa dabarses ijoo dubbii akka ta’etti jira. Dhimma lola Israa’elii fi Hamaas kan gabaase Araash Arabasaadii ti.
Dilbata kaleessaa darbe Israa’el magaalaa Tel Aviv keessatti yeroo rookkeettonni dhuka’an saayireniin akeekkachiisaa ni dhaga’ame. Humni Ittisaa Israa’el ennaa rookkeettiiwwan forguggifaman kan namoonni akka isaan dahata barbaachaa fi asii fi achi kaachise fashaleesse jedha.
Jilli Yunaayitid Isteetis Prezidaantii Haaraa Filatame Waliin Wal Argan
            <description>Jilli Kongireesii Yuunaayitid Isteetisi keessaa ergaman pireezidaantii haaraa Taayiwaan waliin Wiixata har’aa wal aragnii dubbataniiru. Chaayinaanimmoo deebii daawwannaa kanaaf deebii kennuu kan fakkaatu naannoo odola ofiin of bulchitu kanatti erga haasaan daawwannaa fi gargaarsaa dhaga’ameen booda shaakala humna waraanaa gaggeessiteetti.
Kookasii Kongireesii Yuunaayitid Isteetisitti hoogganaa dhimma Taayiwaan kan ta’an Ripaabilikaanitichi Andii Bar Ameerikaan gama waraanaa, dippiloomaasii fi diinagdeetiin Taayiwaaniin deeggaruuf kutannoo qbdi jedhan. Jilli Kongireesii Yuunaayitid Isteetsi kan gara Taayiwaaniitti imaleeru dimokiraatootaa fi Rippaabilikaaniirraa kan walitti dhufaniiran yommuu ta’an Maayikeel  Maakool dura taa’aa koree dhimma alaa mana maree Yuunaayitid Isteetisiin kan hogganamedha.
Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan
            <description>Hidhatoonni naannoo Tigraay irraa ka’an naannoo sana seenuu isaanii hordoofuudhaan namoottan aanaalee Koremii fi Ofilaa irraa buqa’anii godina walloo kaabaa fi godina sab-lammii Waag Himiraa keessa qubatanii fi kuma 35 ta’n gargaarsaa nyaataa ittu hin argati ji’a tokkoo ol turuu isaanii ibsaniiru.
Jiraattonni baqatanii godina waag Himiraa magaala  Soqoxaa fi Hamuusiit akkasumas, godina Walloo kaabaa magaala  Qobboo fi Waldiyaa keessa qubatan, hanqinaa nyaataatiin alatis bakka keessa boqotan gahaa ta’e akka hin argannee ibsanii, qabeenyii isaan dhisanii baqataniis akka saamamaa jiru sagalee Amerikaatti himanii jiru.
   Buqaatonni kun magaalota kanaan alattis gara godinaa walloo kibbaa magaalota Dassee fi Kombilchaa keessa qubachuu isaanii kan ibse bulchiinsii magaala Korem, mootummaa naannoo Amaaraa fi mootummaan Feederaala akka xiyyeeffannaa gahaa itti hin keninee ibsuudhaan komii isaa dhiheessee jira.
Gargaarsa namoomaa argachuudhaaf yaaliin adda addaa taasifamus deebii gahaa argachuun akka hin danda’amne kan ibsan Kantiibaan magaala Korem obbo Birhaanuu Hayiluu,gargaarsi  qaqqabuu baanaan rakkinii namoomaa cimaan uumamuu akka danda’u hubachiisuun isaanii beekameera.
    Rakkinichii sadarkaa gargaarsa godiinaatiin furmaata argachuu akka hin dandeenyee sagalee Amerikaatti kan himan godina walloo kaabaatti itti gaafatamaan ittisa balaa fi wabii nyaata obbo Alemuu Yimer deebii mootummaa eeggachaa akka jiran himuu isaanii kan ibsee gabaasini Masfin Arraagee, dhimma kana irratti mootummaa naannoo Amaaraa fi mootummaa feederaalaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifame har’aaf akka hin milkoofne beeksiseera.
Manni-Maree Bakka-Bu’ootaa Itiyoophiyaa Wixinee Qonnaan Bulaa Lafa Qabiyyeesaa Qabsiisee Baankiirraa Liqaa Fudhachuu Dandeessisu Raggaasise
            <description>Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa Labsii qonnaan bultoonni lafa isaanii qabsiisanii dhaabbilee Faayinaansiirraa maallaqa liqeeffachuu danda’au jedhe har’a raggaasiseera.
Manni mrichaa har’a Caamsaa 6 bara 2016 A.L. I tti yaa’ii isaa idlee gaggeesseen wixinee Labsii bulchiinsa lafa baadiyaa fi itti fayyadama isaa dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera. Sadarkaa diinagdee, siyaasnii fi hawwaasummaan biyyattiin irra geesettu waliin wal madaalchisuuf labsicha baasuun barbaachise kan jedhe manni marichaa , waggoota 18 darbaniif labsiin itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafa baadiyaa lakk 456/1997 hojjiira ture irratti fooyya’insa taasifamuu walitti qabaan koree dhaabbii dhimma qonnaa Obbo Salamoon Laalem mana marichaaf ibsaniiru. Fooyya’insoota Labsii duraan irratti taasifaman keessaas qonnaan bultoonni lafa qonnaa isaanii akka wabiitti qabsiisuun dhaabbilee faayinaansii fi baankiiwwan irraa maallaqa liqeeffachuu akka danda’anidha.
Akka Labsii haaraa kanaattis dhaabbanni faayinaansii liqicha liqeesse lafa baadiyyaa wabiif qabate yoo liqeeffataan maallaqa liqeeffate deebisuu baate , lafa sanatti fayyadama malee dabarsee gurguruu hin danda’u jedha. Liqeessaan yeroon inni laficha itti fayyadamus naannoleen ofii isaanii murteessu jedhee, garuu inni guddaan waggaa Kudhan caaluu hin qabu jedha.
Labsiin kun isa kanaan dura dhaabbileen maayikroofaayinaansii liqaa kennaa turan bakka bu’a osoo hin taane filannoo akka ta’es ibsameera.
Naayijeriyaa fi Biyyoota Afrikaa Biroo Keessatti Gochaan Harma Sibiila How’aan Diriirsuu Dubartootatti Rakkoo Fayyaa Uumaa Jira
            <description>Miidhagina barbaacha harma sibiila ho’an diriirsuun kutaalee Naayijeeriyaa tokko tokko dabalatee Afrikaa keessatti dubartoota gara miliyoona 3.8 ta’an irra miidhaa geessisaa jira. Kana gochuunis, guddina shamarran umurii kurnoota keessa jiran akka boodatti harkifatuu gochutti kan qiyyaafatee dha.
Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Mariin Nagaa Marsaa Sadaffaa Geggeessamaa Laata?
            <description>Waldhabdee Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilissummaa Oromoo gidduu jiru karaa nagaa hiikuuf mariin Araaraa marsaa lamaaf biyya Taanzaaniyaatti taasifamaa ture walii galteerra osoo hin ga’amiin xumuramuun isaaa ni beekama. Milkaa’uu dhabuu mariiwwan kanaa ilaalchisuun, Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimed, dursaan ajajoota raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa, Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa fi Prezidaantiin naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa yeroo adda addaatti yaada kennanii jiran. Mariiwwan ammaan dura geggeessamanii fi carraa itti fufinsa isaa egeree ilaalchisee
Mitikkuu Fiqaaduu yaada Angawoonni mootummaa Itiyoophiyaa yeroo garaa garaatti jedhan hordofuun gorsaa gameessa Ajajaa Ol’aanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Obbo Jireenyaa Guddaataa dubbisuun qophii qindeesse qaba.  
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaa Har’a Finfinneetti Jalqabame
            <description>Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 37ffaan harra magaalaa Finfinneetti jalqabee jira. Yaa’ii gaggeessitootaa kanarratti har’a gaggeessitoonni biyyoottan Afriikaa dhimmoota nageenyaa, misoomaa fi keessumaa dhimma barnootaarratti dubbatanii jiru. Koomishineriin Gamtichaa Muusaa Faakii ammas Afrikaanonni rakkoo keessatti wal ilaaluun yaaddoo akka itti tahe dubbatanii, goolamni siyaasaa Saheel, kan Sudaan keessatti uumameef ragaadha jedhanii ammas biyyoottan furmaata barbaaduu irratti waliif akka tumsan gaafatanii jiran. Muummeen Ministeeraa Abiy Ahmed Aliis walgahicharratti Afrikaan ammas gama midhaan nyaataan harka alagaa ilaaluu hin malle jedhanii jiran. Mareen Gamtaa Afriikaa baranaa akka ijootti barnootarratti xiyyeeffata.  Galmoo Daawit walgayicha hordofee gabaasaa qindeesse qabna.
Paartii Rippuubilikaaniirraa Dhalattuun Itiyoophiyaa Niwu Yoork Keessaaa Barcuma Paarlaamaa Yunaayitid Isteetis Qabachuuf Dorgomaa Jiran
            <description>Filannoo addaa Kibxata har’aa Niyoorkitti geggeessameen dhalattuun Itiyoophiyaa, paartii Rippubilikaanii bakka bu’an  Maazi Melesaa Pilip fi paartii Dimookiraatiirraa miseensa mana-maree duraanii Toom Su’oozii tu, kutaa Niyoork xiqqoo tokkoo fi handaara ishee bakka-bu’uun barcuma Rippaabilikaanitichi miseensi mana-maree Joor Saantoos irraa kaasaman qabachuuf wal-dorgome. Joorj Saantoos yakka maammaltummaa fi maallaqa filannoo dhimma birootiif baasan himannaa jedhuun himatamanii Mana-maree bakka-bu’ootaan eegaleen sagaleen itti kennamee booda akka barcumicha gad-lakkisan taasisame.
Jandoon rooba guyyaa har’aa Niyookitti bu’aa jiru baay’ina uummata sagalee kennuuf yaa’uurratti dhiibbaa qabaachuu hin oolu jedhama. Wal-dorgommii kaadhimamtoota lameen keessatti dhimmi wal-falmii ijoon dhimmi godaantotaa – isa kutaalee Yunaayitid Isteetis biroo keessattis prezidaatii duraanii Donaald Tiraamp fi Prezidaant Joo Baayiden gidduutti qabxii wal-dorgommii ta’uuf deema, jedhamu dha. Maazii Melesaa Pilipp, dhimma kana irratti morkattuun isaanii Su’oozii fi dimookiraatonni kaan daangaa Yunaayitid Isteetis to’achuu hin dandeenye, jechuun jabeessanii qeeqaa turan. Dimookiraatichi Toom Su’ooziin ammoo “Pilipp himannaa ishee kanaaf ragaa qabatamaa hin qabdu,” jedhanii falman.
Xumura Dorgoimmii Waancaa Kuubbaa Miilaa Afrikaa fi Du’a Atileetii Keeniyaa Beekamaa 
            <description>Atileetiin lamii Keniyaa Rikoordii maraatoonii Addunyaa maqaa isaattin jiruu Kelviin Kiptuum leenjisaa isaa wajjin balaa konkolaataa Dilbata kaleessa du’ee jira. Dorgoommii figicha mana keessaa biyya Faransaay Leevinitti Sanbata darbee taasifameen atileetonnii Itoophiyaa injjiffanoo gonfataniiru. Biyyi Ayivoriikoost Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kan bara 2024 mo'achuudhann shaampiyoonaa Afrikaa taate. Dhimmootan kana irratti gabaasaa dabaltaa qabna.
Kaamppaaniileen Ijaarsaa Zaambiyaa Hojiin Keenya Dhaabbatoota Chaytinaatiin Nu Jalaa Fudhatamaa Jira Jedhu
            <description>Kaampanileen konstracshinii yokaan ijaarsaa ka biyya Zambiyyaa keessaa, hojiin keenya Kampaniiwwaan chayinaatiin nu jalaa fughatamaa jira, jechuun iyyaachaa jiran. Sababaa kanaan kamapanillen biyyaa keessaa waajjiraalee isaanii cufuuf akka dirqaman ibsuu isaanii, Daaniel Toongaa Lusaakaarraa gabaasee jira.
Manni Murtii Zimbaabwee Nama Siyaasaa Guyyoota 600f Hidhaa Keessa Ture Akka Gad Dhiisamu Ajaje
            <description>Hogganaan paartii mormituu Joob Sikaalaa bara 2022 paartiin biyya bulchu leellisaa mirga namaa garee mormituu irraa ta’e ajjeese kan inni jedheef mootummaan himannaa sana haaleen booda, jeequmsa ummataa kakaasuun himatamee mana hidhaatti darbame
Kibxata darbe abbaan murtii jeequmsa ummataa kakaasuu isaatiin yakkamaa isa taasisee hidhaa waggaa lamaa itti murus, yeroo dheeraa mana hidhaa keessa waan ammaaf bilisa ta’eera.
Abukaatoon Sikhaala maamilli isaanii murtii kana irratti ol’iyyannoo akka dhiyeessan dubbataniiru. "Hin boqonnu. Dhimmicha ol'iyyannoof gara Mana Murtii Ol'aanaatti akka geessinu qajeelfama arganneerra. Wanti nuti barbaannu bilisa ta'uu malee murtii salphaa ta'een murtiin akka kennmu miti. Lakki, kana irratti walii hin galle." Jedhan.
Sikhalaan paartii mormituu Citizens Coalition for Change (CCC) jedhamuuf hogganaa dha.
Bara 1999 erga hojii siyaasaa jalqabanii qabee yeroo kudhanii ol hidhamaniiru.