Addunyaa - Voice of America
Jeequmsi Haaraan Siiriyaa Keessatti Geggeessamaa Jiru Akka Dhaabbatu Tokkummaan Mootummootaa Gaafatee
Jilli addaa Geir Pedersen iyyannoo isaanii Jimaata har’a kan dhiyeessan yoo ta’u, kunis waggaa 14ffaa mormiin al-Asaad kan dimokiraasii deggeru kan waggoota kurnaa oliif waraana biyya keessaaf sababa ta’e itti jalqabeedha.
“Wanti akka iyyannoo haaromsaatti jalqabe gara jabummaa ajaa’ibsiisaa ta’een kan isa mudate yoo ta’u, kunis waldhabdee yeroo keenyaa keessaa isa gaddisiisaa ta’e tokkotti geesseera,” jedhan Pederson. ''Waldhabdeen kun gadi fageenya gara jabummaa dhala namaa isa dukkanaa'aa ta'e kan  saaxilee ture jedhu.
Namoota jaallatan dhabuu isaaniitti gadduu itti fufaniiru, Haawaasni caccabee jira, miliyoonaan kan lakkaa’aman manaa fi qe’ee  isaanii irraa buqqifamaniiru, baay’een isaaniis namoota badan barbaaduu isaanii irratti cichanii jiru” jedhan
Tokkummaan Mootummootaa akka jedhutti waldhabdeen kun baqattoota biyyaa ba’an miliyoona 6 ol dabalatee namoota gara miliyoona 12 ta’an achuuma Siiriyaa keessatti Godaansiseera.
Asaad Muddee bara 2024 aangoo irraa ari’amanii turan. Garuu abdiin tasgabbiitti deebi’uu argamee ture, jeequmsa lubbuu namaa galaafatee Bitooteessa 6 naannoo qarqara galaanaa Siiriyaa keessatti jalqabeen humnoonni nageenyaa loltoota pirezidaantii duraaniif amanamoo ta’an waliin walitti bu’uun lammiilee nagaa hedduu dabalatee namoota dhibbaan lakkaa’aman du’aniiru.
Dhimmi Yukireen Keessatti Nageenya Buusuu Ajandaa Ol’aanaa Walgahii Biyyoota G7 Kanaadaa Keessatti Walga’anii Ta’uun Ibsame
Biyyi keessummeessituu Kanaadaan ajandaa olaanaa ishee ibsiteen “Yukireen keessatti nagaa haqaa fi waaraa” galmaan ga’uu fi tumsa nageenyaa fi ittisaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, Kunis G7 waggaa 50 guutuu isaa irratti ta’uun ibsamee jira.
Haasaa baniinsaa kana irratti Ministirri Dhimma Alaa Kaanaadaa Mélanii Jolii akka jedhanitti,waa’een  “Nagaa fi tasgabbiin ajandaa keenya keessaa isa olaanaa yoo ta’u, weerara seeraan alaa Raashiyaan gaggeessitu keessatti akkamitti Yukireen deeggaruun itti fufuu akka dandeenyu irratti mari’achuuf fedhii guddaan eeggadha” jedhan.
Akkasumas rakkoo nageenyaa kan “itti fayyadama doonii guddachaa jiru, akkasumas, dooniiwwan ugguura cabsuun”hojii seeraan alaa hojjatan  fi “bu’uuraalee misoomaa murteessoo galaana jalaa balleessuu” ibsuun qormaata nageenya galaanaa furuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbatan Jooliin.
Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis  Maarkoo Ruubiyoo,  yoo masaraan Kremlin walii gaee, guyyoota muraasa keessatti dhukaasa dhaabuun Raashiyaa fi Yukireen gidduutti raawwatamuu akka danda’u abdii qaban dubbataniiru.
Akkasumas ministiroonni dhimma alaa kan biyyoota G7 waraana Raashiyaa fi Yukireen xumuruu irratti akka xiyyeeffatan gaafachuuf Rubiyoon karoorfatanii jiru.
Mariin G7 Kuubeek keessatti gaggeeffamu kun marii Ameerikaa fi Yukireen Sa’uudii Arabiyaa Jiddaatti gaggeeffame hordofee kan gaggeeffame yoo ta’u, Yukireen yaada Ameerikaan “dhukaasa dhaabuu hatattamaa, yeroof guyyoota 30f” dhiheessite fudhachuuf qophii ta’uu ibsiteetti.
Yakka Gowwoomsaa Oonlaayinii Irraa Attamitti Ittisuun Danda’ama?
Walii galteen waraana dhaabuu akka taasifamu dhiibbaa uumuu cinaatti ya’ii minsitiroota haajaa alaa kan Garee biyyoota torbaa G7 Kamisa har’aa Kaanadaatti taa’amu jalqabeerurattis akka ajandaa tokkootti mariif kan dhiyyaatu dhimma Raashiyaa fi Yuukireenidha. Marii hooggantootni Yuukireenii fi Yuunaayitid Isteetisi Saa’ud Arabiyaatti taasisaniin yaada wixinee dhukaasa dhaabuu kan guyyoota Soddomaa Yuunaayitid Isteetisi dhiyeessite Yuukireen fudhachuuf qophii ta’uu ibsiteetti.
Pireezidaantiin Yuukireen Voloodyimiir Zeleeniiskii Roobii kaleessaa galgala ibsa kenne keessatti “nuti gara nagaatti fi wabii nageenyaatti tarkaanfachuu qabna. Dubbii ijoon michoonni keenya Raashiyaan goyyoomsaaf osoo hin taane waraana kanatti dhugumaan xumura taasiisuuf qophii ta’uu ishee mirkaneeffachuudha” jedheera. Yuukireen gama isheen Wixinicha fudhachuu ibsite waan gama Raashiyaan dhaga’amuuf jiru eegaa jirti. Waayit Haawuus Roobii kaleessaa akka ibsetti wixinee Yuunaayitid Isteetisi dhiyyeessite kana iratti Raashiyaa waliin dubbachuuf gorsaan nageenya biyyaaleessaa Yuunaayitid Isteetisi Isiiv Wiikoof gara Mooskootti imaleera.
Ya’iin Ministiroota haajaa alaa biyyoota garee torbaa kun ministiroota haajaa alaa Biriiteen, Kanaadaa, Jarmanii , Itaalii , Jaappaanii fi Yuunaayitid Isteetisi kan walitti fide yommuu ta’u, Ministirri haajaa alaa Kanaadaa kan yaa’icha hoogganan Milanee Joolii wixinee dhukaasa dhaabuu Yuunayitid Isteetisi dhiyyeessite kan Yuukireniin fudhatama argate biyyi isaanii Kanaadaan kan simattu ta’uu fi kunis tarkaanfii jalqabaa gara nagaa waraatti deemamuuf bu’uura jedhan. Itti dabaluunis amma kubban taphaa Raashiyaa harka jira , waraana dhiiga dhangalasaa kanatti xumura taasisuuf walii galtee dhukaasa dhaabuu kanaaf qophii ta’uu isaanii agarsiisuuf. Amma Addunyaan daawwataa jira.
Ministirii haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi marii hooggantoota Yuukireen waliin Saa’ud Arabiyaatti Kibxata dabarsine taasiisa ture Roobii kaleessaa gara Kanaadaatti kan imaleeru ibsa oduu gabastootaaf kenneen ‘ Yunaayitid
Isteetisi fedhii nagaaf qabdu madaala keessa galchuun Raashiyaa waliin qabxiilee quunnamtii dacha ni qabaatti. Amma hundi keenya deebii Raashiyaa hawwii guddaan eegna” Jedheera.
Gareen Biyyoota G-7 Dhimma Yukireen Dabalee Mar'iachuuf Kanadaa Keessatti Mari'achuuf Jiru
Mariin sun angawoonni biyyoota lamaanii Saaud Arabiyaa Jiddaa keessatti erga wal arganii booda Yunaayitid Isteetis odeeffannoo basaasaaf deggersa nageenyaa gochuu akka itti fufutu murteessuu ishee hordofee ti.
Marii sa’aatilee saddeetii booda, Yukireen Kibxata kaleessaa yaada Yunaayitid Isteetis dhiyeessite kan yeroof guyyoota 30f lola  Raashiyaa waliin geggeessitu dhaabuu jedhuu fi kan Kremlin hin raggaasisin jiru simattee jirti.
Chaansileriin Jarmanii Olaaf Shoolz dhukaasa dhaabiinsa guyyoota 30 simatanii, Roobii har’aa fuula X kan ofii irratti akka barreessanitti, Yukireeniif nageenyaa haqa qabuuf tarkaanfii sirrii murteessaa dha.
Yukireenii fi Yunaayitid Isteets cina dhaabbannee Yaada Jedhaa keessatti dhiyaate ni simanna jedhan.
Waraanni Paakistaan Haleellaa Baabura Tokkorratti Geggeessame Keessaa Imaltoota 190 Baraaruun Shororkeessota 30 Ajjeese
Baaburri Jafaar Ekspiress jedhamuu fi yoo xiqqaate namoota 450 fe’atee ture  ennaa haleellaan dhukaasaa fi boombii isa mudate, Kaaba biyyattii Kuweettaa kutaa Baloochisaann irraa gara Peshwaar, Kiyaabeer Paaktunkawaatti imalaa ture.
Waraanni sa’aatilee 24n darbaniif hojii baraaruu itti fufee ennaa jirutti, baaburri hadiida naannoo Sibbi Balochistaan jiru irratti erga Kibxagta sa’a booaa qabee danqamee jira.  Angawoonni tarii soda namoonni du’an yoo ta’e soda saanduqa reeffaa
Roobii har’aa angawoonni buufata baaburaa Kuweetaa irraa saanduqa erganii jiru, sababiin isaas du'i namootaa mudachuu danda'u jedhanii yaaddoo keessa galuu dhaani.
Haleellaa isa jalqabaan kanneen miidhaan irra ga’e shofeerri baaburichaa du’aan boqote. Yoo xiqqqaate namoonni 37 miidhaan irra ga’ee wal’aansaaf hospitaala keessa jiru.
Waraanni bilisummaa Baalaak kan ‘BLA’ jedhamu haleellaa sanaaf battala itti gaafatama fudhate. Ibsa sabaa himaaf kenneen kan ugguramee jiru gareen adda baatota finciltootaa booji’amtoota 200 of harkaa qabaachuu isaaf, kanneen kunis angawoota naga eegumsaa fi basaasaa ti jedhe.
Maddeen nageenyaa waa’ee lakkoobsa booji’amtootaa fi eenyuun akka ta’an ibsa utuu hin kennin Roobii har’aa akka jedhanitti, of wareegdonni bakkawwan sadiitti namoota booji’anii qabataniiru.
Of wareegdonni jaakkeettii dhukaa’uuf gargaaru kan keeyyatan ta’uu madden naga eegumsaa tuqanii, of wareegdonni kun namoota nagaa dahatanii haleellaa raawwatan jedhan.
Gareen ‘BLA’ jedhamu kanneen qabatee jiru namoonni siyaasaa, kanneen achi buuteen dhabamee fi hojjettoota dura dhaabbannaa mana hidhaa Balochistaan keeessa jiran yoo gad dhiisaman malee kanneen booji’e ajjeesuuf dhaadate. Ibsa haleellaan sun erga raawwatamee sa’aatilee booda baaseen gareen kun, angawoonni debii akka kennaniif sa’aatii 48 kenneef. Angawoonni mul’inatti gaafii gare adda baatgotaa kan “BLA”f deebii hin kennine.
Haleellaa baabura imaltootaa irratti raawwatame haleellaa nageenya biyyoolessaa irratti raawwatame kanaaf humna guutuun deebiin kennama jechuu dhaan hoogganaan ministeerotaa Balochistaan Sarfraaz Bugeetii haleellaa sana balaaleffataniiru. Muummichi ministeeraa Shebaaz Shariif akka jedhanitti haleellaan yeroo Ramadaanaa raawwatame kun, shororkeessonni Islaama, Paakistan ykn Balochistaan waliin hidhata akka hin qabaanne mul’isa.
Yaukireen Waraana Raashiyaa Waliin Taasisaa Jirtu Xumuruuf Tarkaanfii Tokko Akka Fuuldura Tarkaanfatte Yunaayitid Isteetis Dubbatte
Lammiileen Isiraa’el Yaada Ofiitti Cichan Akka Lammiileen Palastaahyin Gaazaa Keessaa Baafaman Karoora Prezidaant Tiraamp Baasan Deggeran
‘Poosileen Waar’: Filmii Artisoonnii fi Lammiilee Yukireen Waraansa Keessatti Biyyaa fi Aadaa Isaniif Baraaruuf Taasisan Agarsiisu
Guyyaa Dubartootaa Bitooteessa Saddeetii Ilaalchisee Tokkummaa Mootummootaa Keessatti Jimaata Darbe Mariin Gaggeeffamee Jira
Guyyaan Dubartoota Idil-addunyaa humna guddaa kan qabu yoo ta'u, bara kanas yeroo kamiyyuu caalaa waamichi walqixxummaa saalaa akka ariifachiisaa ta'ee fi danqaan karaa Dubartootaaa irra jirus kana caalaa mul'atee hin beeku jedhamm jira.
Garuu kutannoon keenya kana caalaa kan hin raafamne ta'ee hin beeku, jedhan Tokkummaa Mootummootaatti daayreektarri olaantuun  dhimma Dubartootaa Simaa Baahous.
Baahous dubartoonni bakka hundatti argaman duubatti deebi’iinsa kana dura akka dhaabbatan waamicha dhiyeessan, sochiin Dubartootaa humna guddaa kan qabuu fi guddachaa akka jiru cimsanii dubbataniiru.
"Walqixxummaan sodaatamu osoo hin taane, garuu hammatamuudha," jedhanii kanaafis sababaan  "Addunyaan walqixxee ta'e addunyaa fooyya'aa waan ta'eef." Jedhan.
Tokkummaan Mootummoota akka jedhutti shamarran baay’een har’a mana barumsaa keessa akka jiranii fi dubartoonni baay’een kan duraanii caalaa aangoo qabataniiru. Garuu ammallee hokkarri, loogii fi wal-qixxummaa maallaqaa dhabuun isaan mudataa jira jedha.
Barreessaan dureen Tokkummaa Mootummoota Antooniyoo Guterees walga’ii kanarratti akka himanitti, “Guddinni argamee duubatti deebi’aa waan jiruuf sana cinaa dhaabbachuu hin dandeenyu” kanaaf "Deebinee qabsaa'uu qabna." Jedhan.
Saffisa amma jiruun hiyyummaa hamaa kan dubartootaa fi shamarranii dhabamsiisuuf waggoota 130 nu fudhata jedhan Gutarrees.
Faransaay Keessatti Boombiin Bara Waraansa Addunyaa Lammaffaa Argamuu Isaarraa Kan Ka'e Geejjibni Baaburaa Akka Dhaabatu Taasisamee Jira
Dhaabbanni geejibaa baaburaa biyya Faransaay boombii kana ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasa X irratti ibsa kenneen, geejibiin baaburaa Faransaayiin biiyyottan awuurooppaa biroo wajjin wal quunamisisus akka dhaabatu taasifameera.
Akka dhaabanni geejiba baaburaa Awurooppaa fuula marsartii isaa irratti beeksisetti, baaburaawan paarsi irra ka’anii gara magaalota Awurooppaatti imaluuf turan Sadii karoorrii imala isaanii akka hafuu taasifameera.
Haalli Dimookiraasii Boodatti Harkifachaa Deemuun Mirga Dubartootaa Irratti Dhiimmaa Uumuu Isaa Tokkummaan Mootummootaa Ibse
Laafinni rakaawwan dimokraasii, walqixumaa saalaa irratti dhiibaa akka umuu kan ibsee gabbasinn kun, gareewwan  farra mirgaa, dhimmoota mirga dubartootaa irratti ijoo ta’an, waligaltee bara 1995 Beejiing keessatti ragasifame dabalatee kaneen yeroo dheeraa turan   diigaa jiraachuu isaanii ibseera.
Erga waligaltee Beejiing isa bara 1995ti as lakoofsii dubartootaa Paarlamaa biyyootanii keessatti hirmaatan dachaadhaan dabaluu isaa kan ibse gabaasinni mootummoota gamtomanii kun,lakoofsii dubartootaa  faayidaa eegumsa hawaasummaa bara 2010 fi bara 2023 keessa dabalus, ammas dubartoonni fi ijooleewwan durbaa Biiliyoona lamma ta’an eegumsaa hawwasummaa akka argachaa hin jirre beeksisera.
Dhibeen Kooviid 19, walti bu’insii , jijjiramnii qileensaa fi teeknoolojiin haaraan amma mulachaa jiru kan akka sammuu-nam tolchee walqixummaa saalaa irratti dhibaa mataa isaanii akka uman gabasinii kun dabalee ibseera.
Akka gabaasinni kun dabalee ibseetti, waggoottan 10 darban keessa, hokkorri saalaa dubartoota irratti raawwatee dhibeentaa 50n kan dabalee yemmuu ta’u kaneen hokkorii kun irrati raawatee keessa dhibeentaan 95 ijooleewwan durbaa akka ta’an galmaa’eera.
Bara 2023 dubartoonni miiliyoonii 600 fi miiliyoonii 12 bakkawwan walitii bu’insii irratti adeemaa jiru irraa fageenyaa Kilomeetiri 50 keessa jiraachaa tura. Kunis issa bara 2010 ture irraa dhibeentaa 54n kan dabaleedha.
Gabaasinni dhaabata mootumootaa dhimma dubartootaa irratti bahe kun yaada karooraa baldhina qabu dhiheeseen, walqixumaa itti fayadamumaa Tekinooloojii haaraa, tarkaanfiiwwan jijjirama qileensatiin walqabatan, iyummaa xiqeesuu irratti hirmaana dubartoonii hoata ykn inveestimantii irratti qaban gudisuun, hirmaanaa dubartoonni dhimaa hawasumaa irratti qaban dabaluun, tarkanifii hokoraawwan dubartoota irratti raawataman hanqisuuf fudhatamaniif akka gargaaru beeksiseera.
Waa’een Waliigaltee Lola Dhaabinsaa Isiraa’elii fi Gaazaa Fuulduraa Shakkii Keessa Gale
Sanbata Boorii Guyyaa Dubartootaa Idil Addunyaa Kan “Maarch 8” Jedhamutu Ayyaaneffama
Xiyyaaroonni Waraanaa Kooriyaa Kibbaa Shaakala Irra Turan Dogoggoraan Haleellaa Boombii Raaw’ataniin Yoo Xiqqaate Namoonni 15 Madaa’an
Hooggantoonni Kooriyaa Kibbaa fi miidiyaaleen Kamis har’aa akka gabaasaniitti xiyyaarroonni humna waraanaa lama kanneen shaakalarra turan dogoggoraan ganda baadiyaa kan Kaaba Kooriyaa irraa fageenya Kiiloomeetira 25 irratti argamutti dogoggooraan halleellaa boombii raawwataniin namoota lama irra miidhaa cimaa yommuu geessisu walumaa galatti yoo xiqqaate namoonni 15 madaa’aniiru.
Angawaoonni ministira humna waraanaa Kooriyaa Kibbaa akka ibsanitti boombiiwwan Afur kan ulfaatina Kiiloogiraama 226 qaban daangaa shaakallii sanaan alatti bu’uun balaan kun kan dhaqqabe. Balaa dirree leenjii ibidaa Siiyuunjiin , kan Poochiyoon keessatti argamutti dhaqqabe Kanaan lakkoofsi miidhaa dhaqqabee dabaluu akka danda’u maddeen oduu kan gabaasaa jiran yommu ta’u Charchii tokkoo fi gamoowwan torba biroo irras miidhaan dhaqqabeera.
Angawoonni humna waraanaa Kooriyaa kibbaa ibsa kennaniin balaan kun kan dhaqqabe dogoggora qindoominaatiinidha jedhanii qorannoon dabalataa hanga gaggeeffamutti shaakkalli dhukaasaa humna waraanaa Yuunaayitid Isteetisi waliin taasiifamu akka dhaabbatu taasifameera jedhaniiru.
Prezidaant Tiraamp Taarifa Konkolaatota Kanadaa fi Meksikoorraa GalU Muramee Ture Akka Baatii Tokkoof Boodatti Harkifatu Ajaja Kennan
Kunis waraanni daldalaa biyyoota olla waliin taasiifamu oomistoota konkolaataa Yuunaayitid Isteetisi gurguddoo sadii miidhuu mala sodaa jedhu irraati. Dubbii himtuun Waayit Haawus Keroolaayin Laaveet akka ibsitetti Pireezidaantichi murtoon Taarifaa kun hojiirra osoo hin ooliin ji’a tokkoof akka turu osoo hin murteessiin dura hooggantoota dhaabbilee oomisha konkolaataa sadii Foord,Jeneraal motoorsii fi Istiilaantis waliin marii taasiiseera jechuun oduu gabaastootaaf ibsiteetti. Itti dabaluunis Tiraampi dhaabbileen oomishitoota konkolaataa kunneen taarifa ykn qaraxa kana irraa ooluuf warshaalee konkolaataa itti oomishan kan Meeksiikoo fi Kanaadaa keessaa qaban gara Yuunaayitid Isteetisitti akka fidan gaafateera jetteetti.
Pireezidaanti Tiraampi Taarifa kanatti kan amanu Ameerikaa deebisanii duuroomsu waan ta’eef , kunis galiin waan guudisanii fi idaawwan keenya kaffaluun gadii buusuu waan danada’aniif jechuun kan ibsite inni murteessaanimmoo carraa hojii gara Ameerikaatti fidudhas jette.
Tiramp wal ga’ii Waloo Kan Kongresiif Haasaa Dhageessisaniin Ameerikaan Bakkatti Deebite Jedhan
Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Kibxata kaleessaa galgala haasawaa yaa’ii waloo kan Kongresiif dhiyeessaniin taarifa meeshaalee michoota daldalaa Yunaayitid Isteeits irra kaa’an haaraa faarsuu dhaan dabalataan dhufaa jira jechuun dhaadatan.
Biyyoonni ka biroon waggoota kurnaaf nu irra taarifa kaa’uutti fayyadamaniiru, amma dabareen kan keenya jechuu dhaan Tiramp haasaa isaanii jalqabaa kan marsaa hojii isaanii lammataa seera tumtootaaf dhageesisaniin beeksisaniiru.
Yunaayitid Isteetis Kibxata gara ganamaa meeshaalee biyyoota michoota daldalaa ta’an ijoo lama Kanadaa fi Meeksikoo irraa galu irra taarifa dhibba irraa harka 25%, kan duraan ture taarifa dhibba irraa harka 10% meeshaalee Chaayinaa irraa galan irra kaa’mee ture immoo dacha dabaluu dhaan dhibba irraa harka 20%tti ol erga ol guddisanii booda ture yaada kana kan kennan.  Chaayinaan michuu daldalaa Yunaayitid Isteetis ijoo ishee sadaffaa dha.
Gabaan daldalaa addunyaa beekamaan kan Yunaayitid Isteetis akkaan gad kan bu’an yoo ta’u, biyyoonni sadan illee ijaa ba’uuf dhaadataniiru, kunis yaaddoo waraana daldalaa uumee jira. Tiraamp akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis Ebla 2 michoota daldalaa Ameerikaa mara irra yoo taarifa nu irra kaa’an nutis irra kaa’uu jalqabna jedhan.
Taarifa isa kamiinuu yooo nuu baasan nutis akkasuma goona jedhan. Dilaala kamiinuu yoo nu irra kaa’an nutis dilaala irra keenya jedhan.
Tiraamp Aluuminiyemii, sibiila diimaa, mukaa fi oomishaalee sibiilaa alaa galan irra taarifa dhibba irraa harka 25% akka kaa’an illee dubbataniiru.  Seera tumtoonni Dimokraatotaa fi kan Ripaablikaanotaa immoo hangi tokko hojii dhaa ari’uu fi dalagaalee mootummaa hanga tokko hambisuuf tarkaanfii fudhatame qeeqaniiru. Kana irratti oduu dhaa booda gabaasa bal’aa qabna.
Jarmaniin Waldhabdee Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoon Walqabatee Gargaarsa Haaraa Ruwaandaaf Gootu Dhaabde
Ministeerri misooma Jarmanii akka jedhetti Berliin tarkaanfii kana dursitee Ruwaandaa kan beeksiste yoo ta’u baha Koongoo keessatti fuula duratti tarkaanfataa kan jiru garee M23 deggeruu akka dhaabdu gaafatee jira.
Koongoo, hayyoonni Tokkummaa Mootummootaa fi humnoonni gama dhiyaa Ruwaandaan garee kana deggeruu ishee qeeqanii jiru. Ruwaandaan immoo kana haaluu dhaan milishoota Hutuun dursaman kanneen warra Tutsii Koongoo keessaa fixuu barbaadanii fi Ruwaandaaf balaa ta’an akka of irraa ittisutu beeksiste.
Ministriin dhimma alaa Ruwaandaa tarkaanfiin Jarmanii kun dogoggoraa fi kan bu’aa hin qabaannee dha jedhee jira.
Ministeerri Dhimma Alaa Ruwaandaa ibsa Kibxata galgala kenneen, “Biyyoonni akka Jarmanii tasgabbii dhabuu naannoo kana keessatti irra deddeebi’amee mul’atuuf seenaa keessatti itti gaafatamummaa qaban tarkaanfiiwwan gama tokkoo, dirqisiisaa hojiirra oolchuu irra kana caalaa hubachuuu qabu” jedheera.
Ministeerri Jarmanii akka jedhetti Barliin yeroo dhumaaf Onkoloolessa bara 2022tti Ruwaandaaf gargaarsa doolaara miiliyoona 98 bara 2022 hanga 2024tti akka gotu waadaa galtee turte.
Gareen M23 baatii Amajjii irraa eegalee naannoo baha Koongoo fi kuufama albuudaa gatii guddaa qabu to’atee jira.
Haleellaan amma deemaa jiru kun waldhabdee yeroo dheeraaf ture keessatti kan hammaataa dhufe yoo ta’u, kunis ba’ii duguuggaa sanyii Ruwaandaa kan bara 1994 fi qabsoo qabeenya albuudaa guddaa Koongoo to’achuuf godhame irraa kan eegaledha jedha gabaasi Rooyitersi kun.
Masriin Hoggantoonni Biyyoota Arabaa Karoora Waa'ee Gaazaa Kan Tiraamp Dhiheessan Irraa Faallaa Waan Tahe Raggaasisan Jette
Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattaah El Sisii yaadi kun fudhatama arachuu isaa kan dubbatan Kaayirootti kan geggeessame xumura gumii hoogganootaa irratti haasaa dhageesisanii ture.
Wal ga’iin Masriin qophaa’e kun  kan Amiirii Qaataar, itti aanaa pirezidaantii Tokkummaa Emireetota Arabaa fi ministeera dhimma alaa Saaudii Arabiyaa irratti hirmaatan ture.
Karoorri Masrii kun yaada Tiraamp baatii Amajjii keessa dhiyeessan kan Falasxiinota Gaazaan alatti sochoosuuf yaada dhiheessaniif kan deebii kennuu dha. Karoorri Masrii jiraattonni Gaazaa, yeroo hojiin naannicha qulqulleessuu fi dhukaatota  bakkicha irraa qulleessuun hojjetamu Gaazaa keessa naannoo addaa torba keessa qubsuma yeroof ta’u keessa turuu qabu jedha.
Masrii fi biyyoonni Arabaa hedduun karoora Tiraamp kan Gaazaaa bakka bashannanaa fi jireenyaa taasisuuf  yeroo hojiin deebisanii ijaaruu geggeessamu Falasxiinota Gaazaa keessaa baasuuf qaban irratti walii hin galan.
Walgahii kana irratti Siisiin Tiraamp Gaazaa deebisanii ijaaruuf gargaaruuf carraaqqii taasisaniif galateeffataniiru. Karoorri Masrii qaama bulchiinsaa yeroofii kan naannoo sana bulchu kan of keessatti hammate ta’uu ibsaniiru.
Masriin humni poolisii Falasxiin haaraan leenji’ee waan barbadaa’e deebisee ijaaruuf maallaqni ennaa walitti qabamu,  gareen ogeeyyii yeroo muraasaaf Gaazaa akka geggeessan yaada dhiheessitee jirti. Siisiin ji’a dhufu Masriin konfiraansii deeggarsa walitti qabuuf karoorsame akka qopheessitu eeraniiru
Kan Yunaayitid Isteetis dhaabba shororkeessummaa gochuun moggaafte Hamas , yaada kana kan deeggaru yoo ta’u, Israa’el ammoo qeeqxee jirti. Ministriin dhimma alaa Israa’el, wixineen gumicha Arabaa irratti dhiyaate
Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el yaadni yaa’ii Arabaa kun haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, bara 2023 raawwatee fi  kan waraana sana kakaase hordofee haala qabatamaa jiru “dhiyeessuu hin dandeenye” jedhee jira.
Prezidaantiin Faalisxiin yaada Masriin dhiyeessite simatanii, Tiramp karoora Faalisxiinota qe’ee isaanii irraa hin buqqaasne akka simatan waamicha dabarsaniiru.
Taarif Bulchiisni Tiraamp Meeshaalee Kanaadaa, Meksikoo fi Chaayinaa Irraa Galan Irra Kaa’e Amma Hojiirra Oolee Jira
Bulchiinsii Doonaald Traamp, sababba godaantotaa seeraan alaa daangaa ce’anii galanuufii sababa qorichaa lubbuu nammatiif bala qabeessa ta’e Faantaniil jedhamuu karaa seeraan alaa daangaa isaanii ce’’anii Yunaayitid Isteetsn seenaa jira jechuudhaan biyyoottan olla Kanadaa fi Meeksikoo irraati labsiin taarfaa dabarsee dhibeentaan 25 qibxa ahar’aatii jalqabeeojii irraa oolu akka jalqabeen biyyootaniis deebii kennanii jiru.
Erga Doonald Traamp labsicha raggasisanii booda, kan ibsa kennan muummichii ministeeraa mootummaa Kaanadaa Jastiin Truudoo, “ murtoo haqa qabeensa hin taanee kanaaf ittu deebii hin kenini hin hafnu” jechuudhaan, meeshaawan daldalaa Yunaayitid Isteets irraa garaa Kaanadaa Seenanu Doolaara Biiliyoona 100 fi Biiliyoona 55 ti shalagaman irratti taariifaa dhibeentaa 25 kaa’uu isaanii labsaniiru.
Daddabarsaa qoprichaa Feentaniil jedhamu too’achuudhaaf tarkaanfii mootummaan isaanii fudhateen ji’a Muddee bara 2024 irra kaasee amma Amajii bara 2025 ti dhibeentaa 97 gad bu’uu isaa muumichio ministiraa Kanaada ibsaniiru.
Biyii isaanii omisha dhibeentaa 80 ta’u gara gabaa Yunaayitid Isteets ti akka ergitu kan ibsan prezidaantiin biyya Meeksikoo Kilaa’udiyaa She’iboom labisii taarifaa biyyaa isaanii irratti darbe akka haaloo bahan beeksisaniiru.
Qorchaa samuu namaa adoochuu karaa Meeksikoo gara Yunaayitid Isteets seenu too’achguudhaaf loltootaa kuma 10 ta’an daangaa irratti bobbasuu isaanii Prezidaantiin Meeksikoo ibsuun isaanii ni beekama.
Mootummaan Yunaayitid Isteets akka dabalee beeksisetti labsiin taarifaa mi’aawwan Chayinaa irraa gara Yunaayitid Isteets seenan irratti dhibeentaan 10 qibxata har’atii kaasee hojii irra oolee jira.
Tarkaanifiin mootumma Yunaayitid Isteets kun seeraa dhaabbata daldala Aduunyaa kan cabsuu akka ta’e kan ibsee mootummaan Chaayinaa , Bitootessa 10 bara 2025ni kaasee omishaawwan Yunaayitid Isteets irraa gara Chaainaa dhaqan kan akka foon hindaaqqoo, qamadii, boqolloo fi Jirbii irratti dhibeentaa 10, akkasumas, omisha garbuu, foon booyee, foon sa’aa, kuduraa fi muduraa, akkasumas Aannan irratti taarifa dhibeentaa 15 kaa’amuu isaa beeksiseera.
Doonaald Traamp ibsa dhiheenya kan miseensota kaabinee isaniitiif kennaniin meeshaawan biyoottan Awurooppaa irraa galanuu irratti dhiheenyatti Taarifa dhibeentaa 25 akka labsuuf jiran ibsanii jiru.
Doonaald Traamp Taarifaa kaa’un isaani,i kaampanonni biyyaa alaa akka Yunaayitid Isteets keessatti omishan taasisuudhaan biyya gargaaranuuf jedhanus, ogeeyyonii diinagdee heduun garuu, daballiin taarifaa akka gatiin mi’aawanii ol ka’u taasisee qaala’insaa jireenyaa uuma jechuudhaan yaaddoo isaanii ibsa jiru.