Itiyoophiyaa - Voice of America
Itiyoophiyaa - Voice of America
        <language>om</language>
Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame
            <description>Sabaa himaan biyya keessaa kan irratti argaman ibsii Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos fi Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo kan Mootummaa Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa kennan irratti dhimmoota yeroo ammaa naannoo Tigraay keessaa ilaalchisee dippilomaatota Finfinnee keessa jiraataniif ibsa kennaniiru.
Haala amma Tigraay keessatti uumamee kanaaf aangawoonni lameenuu garee Dr Babra Tsiyooniin durfamu itti gaafatamaa taasisuun isaanii gabaafamee jira.
Gareen Dr. Dabra Tsiyooniin durfamu waliigaltee kana cabsee jedhamuu isaa haaluun isaa ni yaadatama,
Ibsa Diploomaatootaaf kennamee kana irratti hojiirra oolfama Waliigaltee Piriitooriyaaf deeggarsa hawaasa addunyaa gaafachuu isaanii, miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanii jiru.
Gamtaan Afrikaa gama isaan, qaamotni waldhabdee naannoo Tigraay keessatti hirmaatan gocha kana irraa akka of qusatanii fi rakkoo kana mariidhaan akka furan gaafateera.
Obbo Geetaachoo Raddaa akka jedhanti, waldhabdee murnoota siyaasaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay giddutti hamee uumameef Ertraan harka keessaa qabdii jechuun kan hiimatan ta’uus Ertraan gama isheen, himannaa kana haaltee jirti jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.
Dargaggeessi Waggoota Saddeetii Booda Abbaa Gadaa Booranaa Tahuuf JIru Akkamitti Qopheessamaa Jira?
            <description>Abbaa Gadaa Jaldeessa Guyyoo Kunee, ganna saddeet booda bara 2033 Abbaa Gadaa Booranaa ta’uun aangoo fudhata. Ogeessa yaala beelladaa kan ta’e Jaldeessa Guyyoo, amma gaggeessa egeriif marsaa Gadaatiin itti gaafatama fi barnoota argataa akka jiru hime. Abduuba Dullachaa bara Gadaa Kura Jaarsoo kan hojiirra turan, sadarkaan Gadaa keessatti dargaggoonni daa’imummaa kaasuun keessa darban, muuxannoo gaggeessa hawaasaa mishaa akka argatan kan taasisu ta’uu VOA’f himan. Guyyo Doyoo qorataan Gadaa, Gadaan gaggeessa hawaasaa dhalootaaf filee barsiisee haalli inni itti guddisu, Booranaa kufaatii siyaasaa fi hawaasummaarraa isa oolcheera jechaan dubbate. Jidduu kana gara Booranaatti kan imalee ture Galmoo Daawit dhimma kanarratti gabaasa dabalataa qopheesseera.
Naannoo Itiyoophiyaa Kibbbaa Keessatti Mukti Namoota Gabaa Jiran Irratti Kufuu Isaatiin Namoonni 7 Du’an
            <description>Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa, godinaa Yakkii, Bakka “Gabaa Kamisaa” Jedhamee waamutti murkti namoota gabaa keessa jiran irratti kufee namoonni toorba du’uu isaanii poolisiin nannichaa beeksisee jira.
Koomishinii Poolisii naannichaatti, Daarektarri Daarektoreetii Odeeffannoo fi Tika Nagaa, Inispektar Dajanee Asaffaa Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, Kamisa har’aa jechuun Bitootessa 13, bara 2025 akka Itiyoophiyaatti waaree booda sa’atii toorbaa fi daqiiqaa 15 irratti mukti guddaan walakkeessa gabaa ture namooa gabaa keessa jiran irratti kufee namoota lama ajjeesuudhaa ala, ka biroo saddeet irras miidhaa jabaa fi sasalphaa geessisee jira, jedhan.
Kannaan balaa jiginsa mukaatiin du’an keessaa 6 dubartoota fi tokko da’ima tahuu Inspektar Dajaneen Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Poolisiin reeffa namoota du’anii kaasuu isaa kan dubbatan, Insektarichi, kanneen madaa’an keessaa dhiironni lama gara Hospitaala Teeppiitti, kanneen miidhaan jabaan mudate ammoo wal’aansa wayyaawaadhaaf gara Hospitaala Riferaalaa Jimmaatti ergamee jira, jedhan. Jiginsa murkichaatiif sababaan, bara dheeraa turee dulloomuu mukichaa akka tahuu malu dubbatan. Suuraan kan waajira Koomunikeeshinii naannichaa ti.
Gamtaan Awurooppaa Muddamni Siyaasaa Naannoo Tigiraay Keessa Jiru Mariin Akka Furmuu Qabu Hubachiise
            <description>Muddamnii siyaasaa yeroo ammaa bulchiinsaa naannoo Tigraay keessatti mulachaa jiru akka mariidhaan furmaata argachuu qabu Ityoophiyaatti Ambaasadarri Gamtaa Awurooppaa gaafataniiru. Ambaasadeer Soofii Firoom Emersberger walitii dhufeenyaa Gamtaa Awuroopaa fi Ityoophiyaa giduu jiru ilaalchisuudhaan Wixata, Bitooteessa 10 ibsa Finfinneetti kennaniin , Ityoophiyaan fooyya’insa kabajjjii mirga namoomaa irratti akka hojjechuu qabdus hubachisaniiru. Gabaasaa Kenedii Abaatee  ibsa sana irratti VOAdhaaf qopheesse Bafaqaaduutu dhiheessa.
Kan Du’a Kaadhimaa Isaatti Shakkamee To’annaa Poolsii Jala Jiru Artist Andu’aalem Gosaa Mana Murtiitti Dhihaate
            <description>Artist Andu’aalam Gosaa du’a kaadhimaa isaa shamarree Qananii Addunyaatiin shakkamee too’annoo Poolisii jala jiru guyyaa har’aa mana murtiitti dhiyaateera.Andu’aala Goosa  yemmuu  shamarree Qananii Aduunyaa gamoo mana jireenyaa isaanii darbii shanaffaa irraa kuftee lubbuun ishee darbu mana keessa turuu isaa kan eere Poolisiin ajjeechaa ishii keessaa harkaa qabaachuu isaa akka shakkuu mana murtiif ibsera. Artiist Andu’aalam gama isaatiin karaa abukaatoo isaa deebii kenneen himannaa kana waakkateera. Beekaa Atoomaa Finfinnee irraa gabaasaa erge qabna.
Yakka Gowwoomsaa Oonlaayinii Irraa Attamitti Ittisuun Danda’ama?
            <description>Lammiwwan Itiyoophiyaa carraa hojii argannee jedhanii gara Maaynamaartti imalanii booda garuu akka yaadne otoo hin taanee hojii Iskaamiingii ykn  gowwoomsaa onlaayinii irratti gaggeeffamuuf saaxilamne jedhan. Akkamitti gocha kana akka raawwatan akkasumas ogeessa gocha kan ittisuuf waan ta’uu qabu ibsan Jaallanneen dubbistee jirti.
Naannoo Tigraay Keessatti Fonqolcha Mootummaatu Geggeessamaa Jira, Jedhu Obbo Geetaachoo Raddaa, Pirezidaantiin Yeroofii Naannichaa
            <description>Obbo Geetachoo Raddaa pireezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay haala Tigiraay keessatti wal qoodinsa hooggantoota dhaaba ABUT gidduu jiru hordofee uumaamaa jiru irratti Finfinneetti ibsa sabaa himaaleef kennaniin Tigiraay keessatti fonqolcha mootummaatu taasifamaa jira. Gareen ABUT tokko hooggantoota waraanaa hanga tokko kanneen deeggarsa qaban qabachuun hojii kana hojjechaa jiras jedhaniiru. Kana seera qabsiisuuf bulchiinsi yerichaa hojiin isaa akka gufatu taasiisafameera kan jedhan Obbo Geetachoon mootummaan Federalaa tarkaanfii fudhachuu qabas jedhaniiru.
Kan Guyyoota 100'f Cufamee Ture Bulchiinsi Magaalaa Maqalee Garee ABUT, Kan Dr. Debretsiyoon Gebremikaa'eliin Dursamuun Banamee Jira
            <description> Waajjirri Kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Maqalee guyyoota 100 booda har’a garee ABUT kan Debiretsiyooniin hoogganamuun kantiibaa muudameeruun banamera.
Kantiibaan pirezidaantii yeroo Tigiraay Getaachoo Radaan muudamee ture immoo addmsa fonqolcha mootummaa kan ta’e gareen kun humnaan waajjira kantiibaa cabsee itti galeera jedhe. Guyyuma har’aa gareen ABUT kan Debiretsiyoon buufta raadiyoo FM maqalee 104.4 garee hidhataniin deeggaramuun to’achuu isaa hojjetaan buufata raadichaa sagalee Ameerikaatti himeera.
Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate
            <description> Bulchiisi yeroo kan Tigraay har’a jechuun Bitootessa 3 bara 2017 ibsa barreeffamaa baaseen, hoogganni naga eegumsa naannoo sanaa garee yaada dhiphoo qabu tokkoof looganii ergama isaaniitiin ala sochii mootummaa fonqolchuu geggeessaa turan jechuun himatee jira.
Hoogganoonni raayyaa waraanaa Kaaba gama bahaa fi kibbaa hojii “seeraan alaa” ittiin jedhe geggeessaa jiru jechuun illee ibsee jira.
Akkuma kanaanis namoota nagaa irratti haleellaa raawwaachuu itti fufuu isaanii fi caasaa mootummaa gubbaa hanga godaatti diiguuf hojjetamaa jira jechuu dhaan ibsi sun yakkee jira. Ibsichi itti dabaluu dhaan gochi kun “garee boodatti hafaa” jechuun kan waame garee Doktor Derbrtsiyoon Gerbremikaa’eliif baabsuu dhaan kan raawwatame ta’uu isaaf walii galtee Piritooriyaa mul’inatti cabsuu dhaan uummata Tigraay deebisee gara dhumaattiit kan galchu jechuu dhaan ibsee jira.
Hogganni yeroo hidhamaa fi ukkaamsamanii butamaa jiru kan jedhe ibsichi, kana irra darbees miseensota hooggana yeroo qabanii qaama sadaffaatti kennuu irraa of hin qusanne jedhee jira. Qaama sadaffaa jechuun kan waame ibsichi mul’inatti hin ibsine.
Ibsi sun akka jedhetti bulchiisi Yeroo kan Tigraay,dargaggoota naannichaa fi uummataaf erga dabarseen, adeemsichi uummata Tigraay gara wal waraansaatti kan galchu waan ta’eef bifa qindaa’een ofii isaa haa eeguu jechuun gaafateera.
Humnoonni maqaa naga eegumsa mootummaa federaalaan socho’an, ergamtoota garee boodatti hafaa tokkootii malee uummata Tigraayiif bulchiisa yeroo bakka hin bu’an jechuu dhaan, kana hubachuu dhaan deggersa barbaachisu gochuu qaba jechuun buclhiisichi itti dabalee eeree jira.
Walii galteen Piritooriyaa bifa Kanaan ennaa cabuu fi uummati Tigraay gara dhuumiinsaatti deebisee ennaa seenu callisanii ilaaluun hin ta’u jedhee jira. Hawaasi addunyaas dhiibbaa gochuu qaba jechuun beeksiseera.
Oduu ka biro dhaan godinni naannoo sanaa kan kibba gam bahaa ibsa kaleessa baasen jiraattota magaalaa Addi Gudem irratti dhukaasa banameen namoonni afur akkaan yoo madaa’an hedduun immoo miidhaan xiqqoon irra ga’uun ibsameera.
Namoonni torba illee magaalattii keessaa ennaa butamanii fudhataman hoogganni aanaa Saamree lamas ukkaamsamanii butamu bulchiinsihi himatee jira.
Doktor. Debretsiooni G/Mikaa’eliin garee hoogganamuu fi mootummaa federaalaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.
Guyyaa kaleessaa pirezidaantiin bulchiisa yeroo Geetaachoo Reddaa, itti gaafataaan waajjira nagaa fi nageenya naannoo Leetinaant Jeneraal Fisehaa Kidaanuu aangoo irraa kaasanii jiran. Dheengaddas ajajaawwan waraanaa sadarkaa ol aanaa sadii itti gaafatama irraa kaasuu isaanii fi kanas gareen ABUT kan Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’eliin deggeramuu fi waajjirri nagaa fi nageenya mormuun isaanii ni yaadatama jechuu dhaan Mulugetaa Atsbehaa Maqalee irraa gabaaseera.
Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise
            <description>Yaaliin lammilee Ityoophiyaa hojii barbaachaaf jechaa gara biyya Sa’udi Arabiyaa deemanii rakkina keessa seenan gara biyyatti deebisuu itti fufee, marsaa Afuraffadhaan kan deebifamaa jiran namoonni kuma tokko ta’an balalii marsaa Sadiin Roobii har’aa Bitootessa 12 bara 2025  Fifinnee seenuu isaanii ministeerri dhimma alaa mootumma Ityoophiyaa beeksisee jira.
Dubbi himaan ministeera dhiima alaa Obbo Nebiyaat Geetacheew sochii Lammiilee Ityoophiyaa biyya alati deebisuu ilaalchisee ibsa sagalee Amerkaatiif kennaniin, mootummaan lammilee biyyatti hojii barbaachaaf jecha bahanii biyyottan adda addaa keessatti rakkachaa jiran deebisuudhaaf yaalii gochaa jirus adeemsii isaa rakkisaa akka ta’e dubbataniiru.
Wagga darbee lammile biyyatti Sa’udi Areabiyaa keessatti rakkin keessa seenan biyyatti deebisuudhaaf yaalii taasifameen namoottan 1000 ta’an akka deebifaman ministeerri dhimma alaa Ityoophiyaa Ibseera.
 Namoottan gara Sa’udii deemanii rakkina keessa seenan yemmuu gara biyyatti deebi’uuf gaafachaa jiranu kanatti ammas namoottan heduunn karaa seeraan alaatiin ittu gara Sa’uditti  imalanuu galana irratti lubbuun isaanii darbaa jiraachuun isaa akka gabaasamaa jiru Kenedii Abaatee Finfinne irra gabaaseera.
Sirni Awwalchaa Shamarree Moodelii fi Beeksisaan Beekamtu, Kan  Qananii Addunyaa Roobii Har’aa Finfinneetti Raaw’atame
            <description>Sirni Awwalchaa shamarree Qananii Addunyaa kan hojii modeliingii fi beeksisawwan garaa garaa hojjechuun beekamtu, har’a Roobii Bitootessa 12, 2025 magaalaa Finfinnee bataskaana Kaateediraalaa qulqulluu Sillaaseetti raawwateera. 
Poolisiin magaalaa Finfinnee ibsa har’a baaseen, Shamarree Qananiin gamoo mana jireenyaa ishii darbii 5ffaa irraa “haala ammatti sababni isaa hin beekamneen” kuftee duute jedhe. Gareen qorannoo poolisoota hundaa’ee ragaan teekiniikaa fi foorensiikii walitti qabamuufi qorannoon itti fufee akka jirus dabaluun ibseera. Beekaa Atoomaa gabaasa qaba.
Sagantaa Galateeffannaa fi Ifxaara Waloo Hordoftoota Amantaa Islaamaa Naannoo Waashingtan 
            <description>Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hida dhaloota Ityoophiyaa qabanu kaneen magaala Waashingteen Diisii fi kutaawaan magaalichatti dhihoo ta’an irraa walitti dhufan Sagantaa galateeffannatiifi sooma Raamadaanaa waloon afaxaruu kutaa Verjiiniyaa, mana baruumsaa sadarkaa lammaffaa Anaandeel jedhamu keessatti raawataniiru.
Kaayyoo sirnichaa kan sagalee Amerikaati himan dhaabata Feerist Hijiraa keessatti Imaama kan ta’an Mehaamed Abdul Qaadir akka jedhanitti, kaayyoon walitti dhufeenyichaa hordooftoonii Amantichaa waan biyya keessatti baranii biyyaa Ammbaa kana keessatti dhaban waliin Afxaruufi kadhachuu asitti argachuu akka danda’an taasisuuf akka ta’e ibsaniiru.
Sirna kan irrttai kan argaman obbo Abdinuuruu Mahaamad Zaakiir kutaa Teeksas Magaala Daalaas irraa akka dhufan ibsanii, yeroo sooma Raamadaanaa bakka adda addatii walitii dhufanii wajjin nyachuun , wajjin Rabbiin kadhachuun sirna amantichaa keessatti barbaachisaa akka ta’efi qophichatti gamaduu isaanii sagalee Amerikaatti himaniiru. Sirna walitti dhufeenyaa kana namoottan qindeessan keessaa tooko kan ta’an aadde Ijigaayehu Hayiluu namoottan sirna kana irratti bakka adda addaatii dhufanii hirmaatan gamachiisuudhaaf yeroo dheeraa fudhatanii akka itti qophaawwa turan dubbataniiru.
Hordoftoonii Amantaa musiliimaa kun sirna waliin irbaata nyaachaati fi kadhanaatii alatis, waldaa isaanii jabeesuudhaaf sagantan gargaarsa walitti qabuu taasifamee, ergaawwan soomaa Ramadaanaa ilaalltanis hirmaatootaaf dhihachuu isaanii gabaasaan sagalee Amerikaa kutaa Afaan Amaaraa Habtaamuu Siyyum gabaaseera.
Ardaa Jilaa Badhaasaatti Sirna Geggeessameen Abbaa Gadaa Booranaa 71ssoon Abbaa Gadaa Booranaa 72ssootti Eebbaan Baallii Kenne  
            <description>Dilbata darbe, Bitootessa, 09, bara 2025, Abbaan Gadaa 71ffaa Kura Jaarsoo, Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa Booranaa Guyyoo Boruu Guyyoof ‘Baallii’ dabarsanii jiran. Sirna Godina Boorana Bahaa, Aanaa Areeroo, Ardaa Jilaa Badhaasaattii gaggeeffamerratti Abbaan Gadaa Baallii kennan Kura Jaarsoo, Gadaan, Eebbaa fi nagaan aboo dabarsee kennuun adda godhaa yoo jedhan, kan Baallii fudhate Abbaan Gadaa Guyyoo Boruu, biyyi tokkummaan akka dhaabatu gaafatan. Galmoo Daawit Ardaa Jilaa Badhaasaarraa gabaasaa qindeesse qabna.
Hojii Moodelii fi Beeksisawwan Adda Addaa Hojjechuun Kan Beekamtu Shamaree Qananii Addunyaa Du’uun Himame
            <description>Hojii moodelii fi beeksisawwan gara garaa hojjechuun, keessumaa ammoo uffannaawwan aadaa Oromoo beeksisuun marsaalee hawaasaa irratti kan beekamtu Shamarree Qananii Addunyaa lubbuun darbuun gabaafame.
Shamarree Qananiin halkan edaa mana jireenyaa isaanii Magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Lammii Kuraa ollaa Aayaat jedhamuun beekamutti lubbuun ishee darbu namni maatiitti dhiyaatu kan maqaan akka eeramu hin feene VOA’f mirkaneessee jira.
Shamarree Qananiin jaalallee artiistii beekamaa Andu’aalam Gosaa akka turteefi, gaa’eela seeraan mirkanaa’e qabaachuu baatanis waggaa sadiif mana tokko waliin jiraataa akka turaniifi hariiroo isaanii kanas maatiin isaanii quba qabaachuu namni kun dabalee himeera. 
Sababa kanaanis artiist Andu’aalam Goosaa gaaffiif barbaadamee harka poolisii magaalaa Finfinnee akka jirus namni kun himeera.
Dhimma kana kan gaafanne hogganaan Qunnamtii Uummataa Poolisii Magaalaa Finfinnee Inspeektar Maarqoos Taaddasaa, ammatti dhimmicha irratti yaada kennuun akka hin danda’amne VOA’tti himanii jiran.
Reeffi shamarree Qananii Addunyaa har’a ganama hospitaala Minilikitti erga qoratamee booda, guyyaa naannoo sa’aatii sagalii gara mana obboleettii ishii magaalaa Sulultaa jiru geeffamu namni VOA’f odeeffannoo kenne kun himee jira.
Guyyaa Dubartootaa Idil-Addunyaa Itiyoophiyaatti Kabajame Ilaalchisee Gaaffii fi Deebii Aangawootuu Oromiyaa Waliin Taasisame
            <description>Ayyaannii Guyyaa Dubartootaa yokaan March 8 barana Ityoophiyaa keessatti yeroo 49ffaaf Sambata dabree kabajamuu isaa Aaddee Mabraat Baacaa, hooggantuu Biroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa ibsanii jiru. Aadee Mabraat mata duree ayyana kanaa maal akka jedhu ibsuun eegaluu.  Jaallannee Gammadaa tu haasoofsise.
Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame
            <description>Bulchiinsa naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaa bakka Dhumuugaa waldaa amantaa Ortodoksii Kidane Mihiret jedhamuu keessa kan turan abban Amataa Tokkoofii baratootaa isaanii irraati haleella Raawatameen namoottan Shan du’anii Afur immoo madaa’ u isaanii Bulchaan Godinaa Obbo Mollaa Hiluuf sagalee Amerikaatti himaniiru.
Akka bulchaan Godinichaa dabalnii ibsanitti Jimaata Dheengaddaa Guraandhala 27 halkan dhukaasa halkan keessa Raawwate Kanaan namoottan Sadii batalumaatii erga ajeefamanii booda namoottan lam aimmoo ergaa hospitaala seenanii booda lubbuun isaanii darbeera.
 Maqaa isaanii ibsuu kan hin barbaanne jiraatonii gandichaa halkan sana dhukaasa dhagahuu isaanii ibsanii umnoottan mootummaa  Feederaalaa naannoo sanatti arguu isaanii sagalee Amerikaati himaniiru.
 Barsiisaan Amanitii wagga 71 achuma bakka Amantaa Ortodoksii keessati akka awwaalamaniifii ijoollewaan baruumsaa amantaa irra turan Afur immoo gara bakka dhaloota isaaniitii ergamanii akka awwaalaman Hospitaala Allaamaxaatti qindeesaan dhimma yeroo balaa obbo Asefaa Girmaay beeksisaniiru.
Biiroon dhimma komunikashinii bulchiinsa naannoo Tigraay, Guraandhala 29 bara 2017 ALI ibsa kenneen namoottan Shanan kun gareewwan eenyumaan isaanii hin bekamneen ajjeechaa Suukaneesaan  isaan irratti raawachuu ibsee,  umnoottan wareen yakka sana raawatan seerratti dhiheesuudhaaf hojjachaa akka jiru beeksisuu isaa Mulugeeta Astibahaa Maqalee irraa gabaaseera.
Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman
            <description>Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar keessatti Ukkamfanii haala rakkisaa keessa turan 32 Wiixata har’aa gara Itiyoophiyaatti deebifaman.
Lammilee Itiyoophiyaa hojiif jedhamuun biyyaa baafamuun Maayinaar keessatti dhaabbilee toora Inteerneetiin hojii goyyomsaa akka hojjetaniif ukkaamfamanii turanii fi kanneen haala rakkisaa keessa turan 133 Maayinaamarii baafamuun gara Taayilaand akka galan taasifame keessaa 32 Wiixata har’aa gara Itiyoophiyaatti deebifamuu isaanii Ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaa ibseera. Warra har’a gara Itiyoophiyaatti dhufaniin alattis namoonni 42 dabalataa biroonis Roobii dhufu kana gara Itiyoophiyaatti deebifamuuf tikkeettiin xiyyaaraa qophaa’uufis ministirichi ibseera.
Dargaggeessi miidhaa Maayinamaar keessatti irra ga’eeruun qaamaanii fi xiin sammuun miidhamuu sagalee Ameerikaatti himee maqaan isaa akka himamu hin feene warra hara’a gara Itiyoophiyaatti deebifaman keessaa “hiriyyoota koo 32 waliin gara Itiyoophiyaatti deebi’uu koof gammadeera garuu immoo ammayyuu lammileen Itiyoophiyaa ana waliin Maayinaamaar keessatti haala rakkisaa keessa turan achumatti rakachaa jiran waan jiraaniif hanga isaan baafamanitti gammachuun koo guutuu hin ta’u” jedheera. Dargaggeessi kun turtii ji’oota kudhaniif Maayinaamaar keessatti haala rakkisaa keessa turuu kan dubbatu , turtii koo kana keessattis ofii fi maatii koo rakkisuun alatti homaayyuu osoo hin qabatiin dhufuuf danda’eera jedheera. Gaafa asii deemnu Taayilaandi keessatti hojii kaffaltii gaariin qacaramtanii hojjettan jedhamnee namoota seeraan ala namoota deddeebisaniin goyoomsamnee garasitti immales jedheera.
Namni Masarat Seeyifuu jedhaman warra har’a deebifaman keessaa tokko mucaa isaanii ta’uu sagalee Ameerikaatti himanii deebi’uu mucaa isaaniitti
gammachuu qabaachuu himuun ammas kanneen achitti hafaniiran ijoolleen firoottan isaanii jiraachuus dubbataniiru.
Namoota 42 Roobii dhufu gara Itiyoophiyaatti deebifamuuf jiraniin alatti kanneen hafan 58 biroon immoo buufatalee qubachiisaa kan Taayilaandi Keessatti akka argaman kan ibse Ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaa Imbaasii Itiyoophiyaa biyya Hindii jiru waliin ta’uun deebisuuf hojjechaa jira jedheera. Gabaasni Finfinnee irraa Kan Keneedii Abaateeti.
Meeshaalee Aadaa Boorana Biratti Ulfina Addaa Qaban Kan Beektuu
            <description>Booranni Aadaa gosa hedduu qaba, jetti Shukkee Godaanaa, waa’ee meeshaalee aadaa Booranaa kan Sirna Jila Baallii Gadaa Booranaa 72ssoo haaromsa duubaarratti daawwattootaaf himte. Kanneen keessaa meeshaan aadaa isaa ibsu gosaan hedduu, kaan ammoo ulfina addaa qabani jetti. Doola, Buuxxii, dhuuyyuma, meeshaalee aadaa Booranaa faayidaa dhimma gara garaaf oolu ta’uu ibsite.
Waajirri Dilaalaa fi Galiiwwanii Finfinnee Namoota Idaan Gibiraa Irra Jira Jedhe  62  Biyyaa Akka Hin Baane Ugguruu Isaa Beeksise
            <description>Biiroon Galii bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaffaltoota gibiraa kanneen baay’inni isaanii 62 ta’an idaa gibiraa birrii biiliyoona 3.2 tu irra jira jedhe ajaja dhorkii biyyaa akka hin baanee taasiisu irratti baasuu ibse.Daariketti Koomunikeenishii biirichaa Obbo Sewunnet Ayyelee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti biirichi ajaja dhorkii imala biyya alaa irratti baasuun cinaattis tarkaanfii bulchiinsa fudhachaa jiraachuus himaniiru.
Ogeessi seeraa tokko dhimma kanarratti yaada kan nuuf kennan biirichi dhorkii akkasii kaa’uuf aangoon labsiidhaan kennameefii jiraachuu himanii garuu kan akkas gochuu danda’u yoommu kaffaltoonni gibiraa kunneen biyyarraa ba’uu isaaniif sababa ga’aa qabaatudha jedhan.
Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kaffaltoota gibiraa Kuma 450 olitu jiru kan jedhan Obbo Sweunnet baay’een isaanii gibira kaffaluutiin dirqama isaanii kan ba’atan yommuu ta’an faallaa kanaas kanneen Gibira hin kaffalle akka jiran ibsanii biiroon isaaniihordoffii ji’oota ja’an darbanitti taasiiseen Idaa Gibiraa birria biiliyoona 6.2 ol sassabeera jedhaniiru jechuun Finfinnee irraa Gebire Mikaa’eel Gebire Medihiinitu gaabase.
Kutaalee Yunaayitid Isteetis Keessatti Dhibeen Gifiraa Mudachuun Beekame
            <description>Yunaaytid Isteetis keessatti dhukkuubii Gifiraa yokaan Fiinnoon  kuutaalee 9 keessatti mudachuu isaa waaltaan ittisaa fi to'annoo dhukkubootaa (CDC) beeksisee jira.Dhukkuuba kana ilaalchisee Jaallanneen Dr. Ibraahiim Eleemoo Miniisootaa irraa haasoofsiiftee jirti.