Afrikaa - Voice of America
Afrikaa - Voice of America
        <language>om</language>
        <ttl>60</ttl>        
Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti
            <description>Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maarkoo Ruubiyoon Jimaata kaleessaa Waashingitanitti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa kana booda biyya isaanii keessatti nama simatamu miti jedhamanii labsamuu isaanii kan beeksisan yoo ta’u, kunis hariiroon biyyoota lamaanii hammaataa dhufuu agarsiisa.
Ruubiyoon maxxansa X kan ofii irratti akka  barreessanitti, Yunaayitid Isteetistti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa Ebraahim Raasool ''kana booda biyya keenya guddittii keessatti simannaa hin qaban'' jedhan.
"Ebraahim Rasool nama siyaasaa jibba sanyii tuqatu kan Ameerikaa fi prezidaanti Yunaayitid Isteetis jibbu dha” jedhan
Imbaasii Afrikaa Kibbaa Waashingitan jiru irraa deebiin hatattamaa hin kennamne.
Tarkaanfiin Ruubiyoon kun kan fudhatame hariiroon Yunaayitid Isteetisii fi Afrikaa Kibbaa gidduu hammaataa ennaa adeemetti.
 Pirezidaanti Doonaald Tiraamp dhiheenya kana ajaja sadarkaa ol aanaa kan gargaarsi Afrikaa Kibbaaf kennamu akka addaan citu mallatteessaniiru, kunis gocha lafa saamuu jedhame kan falmisiisaa ta’ee fi  kanTraamp qonna warra adii akka irraa fudhatamu taasisa jedhan irraan kan ka’e. Traamp akkasumas qonnaan bultoonni Afrikaa Kibbaa Ameerikaa keessa qubachuuf akka simataman  dubbataniiru.
Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, fuula X kan ofii irratti akka barreessanitti, tarkaanfii mootummaan isaanii fudhate deggeruun falmaniiru.
“Dhiibbaa loogii sanyii darbe sirreessuuf tarkaanfii fudhachuuf kan mootummaa irra itti gaafatama kaa’e Heera Mootummaan geggeeffamana” jedhan.
Tiraamp jalqaba baatii Guraandhalaa keessa ajaja sadarkaa ol aanaa erga mallatteessanii booda, “haala Afrikaa Kibbaa fi seerota keenya murtaa’oo fi ejjennoo imaammata alaa keenya dogoggoraan ibsuu ilaalchisee yaaddoo qabnu ibsineerra,” jedhan.
Waraana Sudaan Keessatti Gochaa Gara Jabummaa Suukanneessaatu Daa’imman Irratti Raaw’atamaa Jira, Jedha Tokkummaan Mootummootaa
            <description>Sudaan keessatti daa’imman miliyoona 16 ta’an waraana biyyatti keessatti gaggeeffamuun kan ka’e  haala suukaneessaa ta’een rakkachaa kan jiran ta’u hogganaan sagantaa daa’immanii  kan Tokkummaa Mootummoota (UNICEF) kamiisa kaleessaa ibsanii jiru.
Hedduun isaanii guyyaa guyyaan balaa hokkaraa, beela, dhukkubaa fi humnaan gudeeddiin isaan mudachaa jiru.
“wal waraansii kun balbala isaanii duratti, naannoo mana isaanii, manneen barnootaa fi hospitaala isaanii, akkasumas magaalota fi gandoota Sudaan hedduu keessatti ta’aa jira,” jechuun daayreektarri olaanaa UNICEF Kaatriin Raasals walgahii Mana Maree naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa irratti dubbatan.
Keessattuu daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e balaadhaaf saaxilamuu kan ibsan yoo ta’u biyyattii keessatti bakkeewwan hongeen itti baay’atu shan keessatti miiliyoona 1.3 ol kan jiraatan ta’u ibsan.
Kanneen biroo miiliyoona 3 immoo sababaa caasaa tajaajiila fayyaa kufaa jiruun dhukkuboota koleeraa Busaa fi Deeng dabalatee dhukkubootaaf saaxilamuu ibsanii yoo xiqqaate dargaggoonni miiliyoona 16.5 ta’an barachaa hin jiran.
Bara darbe kutaalee Sudaan 18 keessaa sagal keessatti dhimmonni gudeeddii daa’imman irratti raawwataman 221 gabaafameera kan jedhan Raasal warra humnaan gudeedaman kana keessaa Harka sadii keessaa lama shamarran harka tokko ammoo dhiira akka ta'an dubbatteetti.
"Kanneen dhimmi isaanii galmaa'ee keessaa 16 daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ture. Afur immoo daa'imman umuriin isaanii waggaa tokko gadi ta'e dha," jedan.
Diinummaan kun akka dhaabbatu yoon gaafadhu dhukkubbii ijoolleen sun dandamatan akka hin miira isaanii keessaa hin haqamnee dubbatan.
Hogganaan dhaabbata Doktoroota daangaan hin uggrre jedhamu,  gareeleen isaanii Sudaan keessattis ragaa hokkara saalaa arganii jiru, Bara darbe namoota lubbuun hafan 385 yaaluun isaanii gola naga eegumsaa kanaaf himaniiru.
Rakkoo Nageenyaa Sudaan Kibbaa Keessatti Sababaan Ijoon Waliigaltee Bara 2018 Mallatteessame  Hojiitti Hiikuun Dhibaa’uudha: IGAD
            <description>Muddama Sudaan Kibbaa keessatti uumamee jiru hordofee IGAD ibsa baaseen hoogganttoonni mootummaa Sudaan kibbaa kanneen to’annaa jala oolfamanii jiran akka gadiifama gaafate. Biyyoonni miseensota IGAD walitti bu’iinsuma Sudaan Kibbaa kana ilaalchisee Roobii Bitootessa 3 bara 2017 gama marsariitiin walga’ii godhataniin, hoogganoonni Sudaan Kibbaa muddama kana tasgabbeessuuf marii akka jalqaban gaafataniiru. Rakkoo nageenyaa biyyattii itti fufee jiruuf sababaa ijoon, walii galtee nagaa bara 2018 irra ga’ame hojiitti hiikuun boodatti harkifachuu ta’uu tuqaniiru. Gabaasa Iskinder Firew Tujubetu dhiyeessa.
Beledweeynee Keessatti Hidhattoottoota Hoteela Tokko Marsanii Haleellaa Raawwatan Ja'a Ajjeesuu Humni Nageenya Somaaliyaa Beeksise
            <description>Komishinarri aanaa Beledweynee Oomaar Osmaan Alasoow oduu gabaastootaaf akka ibanitti qaamooleen hidhatan hoteela giidduu gala magaalittii keessa jiru osoo Jaarsooliin gosaa fi qondaaloonni nagaeenyaa wal ga’ii gaggeessaa jiranii itti marsuun haleellaa raawwatan Roobii kaleessaa tarkaanfii humni nageenyaa keenyaa fudhateen kanneen haleellicha raawwatan hidhattooni ja’a ajjeefamaniiru jedhan. Haleellaa hoteela jedhame kanarratti Kibxata dabarsine kana raawwateef Alshabaab anatu raawwate jedheera. Jaarsii gosaa fi qondaaloota nageenyaa kanneen hoteelicha keessa wal ga’iirra turan baraarsuuf humni nageenyaa gamtaa Afirikaa kan nagaa eegumsaaf Somaaliyaa keessa jiru humnoota nageenyaa keenyaa gargaaruun gara hooteelicha keessatti seenuun danda’ameera jedhaniiru Komishinarichi.
Haleellaa fi marfamuu turtii sa’aatiiwwan 18’f ture kana keessattis loltoonni keenya lama haleellaa qamoolee hidhatan Kanaan yommuu ajjeefaman Afur immoo marfamuu kana keessaa ba’uuhin dandeenyu jechuun ofii isaanii of ajjeesaniiru. Miseensota humna nageenyaa kanneenin alattis namoonninagaa torba jaarsoolii gosaa beebbekamoo lama dabalatee ajeefamaniirus jedhaniiru.
Magaalaan Beledweynee kan dangaa Itiyoophiyaa irratti argamtu Hirshabalee kan Itiyoophiyaa waliin wal daangessitu Moqaadishoo irraa fageenya Kiloometirii 300 irrratti argamti. Erga ibsi kun Beledweynee irraa kennameen Turtii sa’aatiiwwaniin booda Ejeensiin basaasaa biyyaaleessaa Somaaliyaa
Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise
            <description>Gareewwan walitti bu’insa Sudaan kibbaa keessatti  hirmachaa jiran waldhabdee isaanii furuudhaaf akka hatattamaan gara maritti deebi’anu gareen misoomaa fi waliti dhufeenya biyyoottan gaanfa Afrikaa ykn IGAD  hubachiisee jira.
Hoggantoonni biyyoottan miseensa IGAD waliti bu’insa Sudaan kibba keessatti adeema jiru ilaalchisuudhaan walgahii guyya har’aa taasisan irratti kan dubbatan dura ta’aan IGAD dokteer Warqinee Gebeyyoo, mariin gareewwan lamman taasisan biyyoottan gaanfa Afrikaa keessaa tokko keessatti akka ta’uu danda’u himaniiru. IGAD, haaga’onni Mootummaa Sudaan kibbatiin tibbana kana hidhamaniis akka atattamaan gadi lakkisaman gaafatee jira.
Gareen hidhatootaa, Itti anaa Prezidaantii mootumma Sudaan kibba Reek Maachaari wajjin hidhata akka qabu ibsame, kutaa Aper Naayil keessatti bakka Naasir jedhamutti kan argamu buufata waraana mootumma irratti haleella raawwate hordofuudhaan namoottan itti anaa prezidaantii mootumma biyyatitti siqan heddun too’annoo jala oolfamanii jiru.
Waldahabdee Prezidaanti Sudaan Kibbaa Saalvaa kiir Maayardit fi Itti anaa prezidaanti Reek Maachaar gidduutti umameen walqabatee mootummaan biyya Ugaandaa humna nageenyaa adda gara magaala gudichaa Sudaan kibbaa Jubbaatti erguu isaa, ajajjan waraana Ugaandaa qibxata kaleessa beeksisaniiru.
Yunaayitid Istees  gama isheetiin haala nageenyaa Sudaan kibba keessa jiruun walqabatee hojjattoonni mootumma Yunaayitid Isteets  hojii atattamaa irratti hin hirmaanne hundi magala gudicha Sudaan kibbaa Jubba gadi lakkisanii akka bahan Samabata dheengadaa hubachiisteetti.
Somaaliyaa Magaalaa Beledweyin  Keessatti Namoonni Hidhatan Hoteela Tokko Haleeluun Yoo Xiqqaate Namoota Shan Ajjeesan
            <description>Namoonni meeshaa hidhatan Kibxata kaleessaa Somaaliyaa waaltaa magaalaa Baladweyiin keessatti hoteela maanguddonni naannoo fi qondaaltonni mootummaa keessatti walga’aa turan weeraruun marsuun isaanii itti fufee akka jiru namoonni ijaan arganii fi firoottan namootaa Rooyitarsiif himan.
Miseensi seera tuumtoota federaalaa Baladweyne irraa dhufan Dahir Amin Jesoow akka jedhanti, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefamaniiru garuu ''ammallee miidhaan irra gahe lakkaa'aa jirra'' jedhan.
Gareen hidhattoota Islaamaa Al Shabaab ibsa kenneen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuun namoota 10 ol ajjeesuu ibseera.
Al Shabaab Somaaliyaa keessatti mootummaa kuffisuu fi bulchiinsa ofii isaa hundeessuuf akkasumas bulchiinsa  seera shari’aa Islaamaa hojii irra olchuuf yaaluun mootummaa biyyatti raafamaa ta’e irratti haleellaa Bombii fi qawwee itti fuufiinsaan gaggeessaa jira.
"Jalqaba dhohinsa guddaa itti aansee dhukaasa qawwee dhageenye, achiis booda dhohinsi biraa dhaga'ame," jedha abbaan qabeenya suuqii haleellaa kana arge Alii Suleemaan.
Loltoonni mootummaa fi warri qawwee hidhatan dhukaasa wal jijjiiruun kutaaleen Hoteela Qahiraa hanga tokko gara caccabaatti jijjiramuu Suleemaan dabalaniiru.
Ragaan biraa naannoo hoteelichaa jiraattu Haliimaa Nuur akka jedhanitti, marsanii turuun kun itti fufee waan jiruuf dhukaasni addaan citee dhaga'amaa ture.
Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise
            <description>Kan waraanaan bututte Sudaan keessatti mootummaa lama wal maddii jiraatu labsamuun isaa biyyattii, kan durumaanuuu jeeqamsa gara waggaa lamaa ta’een mancaate, addaan qooduuf balaa qaba jechuun Gamtaan Afriikaa Roobii har’aa beeksisee jira.
Waldhabdeen Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) fi waraana idilee kan Sudaan gidduutti uumame, namoota kuma kudhaniin lakkaa'aman du'uu fi namoota miliyoona 12 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uuf sababaa ta’e Kunis Tokkummaan Mootummootaa 'rakkoo namoomaa ardii Afrikaa irratti kanaan dura argamee hin beeknee dha jechuun ibseera.
Waraanni kun jalqaba irratti waliigaltee dhabuu RSF waraana keessatti makamuu irraa kan ka’e yoo ta’u, amma waraanni kun Sudaan bahaa fi kaabaa to’achaa kan jiru yoo ta’u, RSF ammoo lixa Daarfuur hunda jechuun ni danda’ama, kutaalee kibbaas dhuunfatee jira.
RSF fi michoonni isaa ji'a darbe Naayiroobii keessatti  “chaartara hundeeffamaaa" mootummaa lama wal maddii adeemsisu mallatteessaniiru.
Roobii har’aa Gamtaan Afriikaaibsa ibsa kenneen tarkaanfii kana akka balaaleffatuu fi 'tarkaanfiin akkanaa biyyattii kan addaan qooduuf balaa guddaa akka qabu akeekkachiiseera.
Namoonni galmee kana mallatteessan,kan  AFPn mirkaneefate,  naannoo finciltootaan to'ataman keessatti mootummaa nagaa fi tokkummaa uumuuf yaadaa qabu.
 Akkasumas mootummaa aadaa, sabummaa, amantii fi naannoottii walaba ta’e kan walabummaa tokkummaa fi haqa irraatti hundaa’e mootummaa dimokraatawaa dhaabuuf waadaa seenan. Jalqaba baatii Bitootessaa keessa RSF fi michoonni isaa ammas Naayiroobii keessatti “Heera yeroo Ce'umsaa" mallatteessaniiru.
 Gamtaan Afriikaa biyyoonni miseensota isaa ta’an akkasumas hawaasini addunyaa qabiyyee Rippaablikii Sudaan ykn waaltaalee isaa addaan qooduu fi akkasumas bulchuuf kaayyoo kan qabu mootummaa wal maddiitti dhaabate kamiifuu beekkannaa akka hin kennine waamicha dhiyeessee jira.
Gamtaan Afriikaa kan Motummaa wal maddiitti dhaabate jedhame kan Reppaablikii Sudaan keessaaf beekkannaa akka hin kennine beeksiseera.
Kibxata kaleessaa gamtaan Awrooppaa ibsa baaseen akka jedhetti mootummaan wal maddii hundeeffamu fedhii Sudaan dimokraasiif qabdu balaa irra buusa jechuu dhaan ibsa golli naga eegumsaa torban darbe baase irra deebi’ee jira.
Yeroo Biyyoonni Hedduun Gocha Shororkeessummaa Gabaasaa Jiranitti Afrikaan Ardii Haleellaa Kanaan Hedduun Ittii Galaafatame Taatee Jirti 
            <description>Addunyaa irraa wagga darbe haleellaan shororkeessotaa hamaan Afriikaa keessatti kan raawwatame yoo ta’u, naannoon Saahel wiirtuu shororkeessummaa addunyaa irraa ta’ee waan tureef shorokeessumaa waliin wal qabatee lakkoobsi namoota du’anii walakkaa dhaa ol naannoo kana keessatti ta’uu gabaasi waaltaa “Institiute for Economics and Peace” jedhamu kan shororeessummaa addunyaa irraa hordofu kan bara 2025 beeksiseera.
Haleellaa lubbuu namaa galaafate 20 akka addunyaatti galmaa’e keessaa 17 Afrikaa keessatti kan raawwataman yoo ta’u, biyyoota lama qofa keessatti kan raawwataman keessaa kanneen lubbuu namaa galaafatan sadan ol’aanoon dabalatee,  Niijer fi Burkina Faasoo, bara darbe ji’a Waxabajjii, Adoolessaa fi Hagayya keessa lubbuu namoota 607 galaafataniiru jechuun gareen qorannaa  Awustiraaliyaa keessa maadheffatee beeksisee jira. 
Lakkoobsi namoota du’anii erga beeksisamee booda wagga dhuma kana keesa yeroo jalqabaaf lakkoobsi namoota walitti bu’iinsa naannoo Saahel keessaan dhumanii kuma 25,000 yoo ta’u, kanneen keessaa 3,885 shororkeessummaan kan wal qabatu ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.
Burkina Fasoonis shororkeessummaan miidhaa hamaa biyyoota keessatti dhaqqabsiise keessaa sadarkaa gara olii irra jirti. Biyyoonni Afriikaa kanneen akkaan miidhaan irra ga’e Maalii, Niijer, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa fi Kaameeruuntu keessatti argama.
Biyya akkaan miidhamte taatus, ajjeechaa fi haleellaaleen Bukina Fasoo keessaa gad xiqqaatee jira Kunis dhibba irraa harka 21% fi dhibba irraa harka 57%n gad xiqqaateera.  Garuu biyyattiin ammallee du'a shororkeessummaa addunyaa irratti raawwatame hunda keessaa harka shan keessaa tokkotu keessatti raawwatame.
Gabaasichi itti dabaluu dhaan yoo xiqqaate biyyoonni balaan shorokeessummaa keessatti mudate 58 irraa gara 66tti ol ka’uu isaa galmeessee jira.  Gareen Islaamummaa (IS) fi dhaabbileen isaa waliin hidhata qaban biyyoota 22 keessatti du’a namoota 1,805 ta’uuf kan itti gaafataman ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.
Bara 2024 keessa du’e sho.rorkeessummaan wal qabate gara 7,555tti gad ciabee jira, kunis kan wagga duraanii irra dhibba irraa harka 13%n gad cabuu gabaasichi eeree jira.
Duuti kun hir’achuun haleellaa garee Yunaayitif Isteetisiin shororkeessummaan moggaafame Hamas kan onkoloolessa 7 haleellaa geggeessuu isaa hedduu waan tureef jecha.
Bidiruun Godaantota Fe'anii Jabutii Irraa Gara Yamanitti Imalaa Turan Dhidhimuu Isaaniin Namoonni 2 Du'uu fi 186 Achi Buuteen Dhabame
            <description>Bidruuwwan namoottan 180 ol fr’anii gara buufata doonii kutaa biyya Yaman Dhubaab jedhamu imaalaa turan keessaa godaantonni turan dhiirota 124 fi dubartoota 57 keessaa hanga ammaattio kanneen argamuu dhanda’an namoottan lama irraa kan hafe kaan du’uun hin oolle jechuun dhaabbanni godaantotaa IOM ibsee hanga  ammaatti reenfii namoottan sanaa akka hin argamiinis beeksisuu isaa VOAn gabaaseera.
Dhaabata IOMtti Projectiin godaantotaa deebisee dhaabu akka bara 2014 kaasee sarara kalatii bahaa jedhamee beekamu irraa kaneen imaala turan  keessaa namoottan 3,400 ta’an du’uuf baduu isaanii ibsee jira. Kanneen keesaa dubartoonii 580 fi ijoolleewan 200 lubbuu akka dhaban gabaase.
1400 kan ta’an galaalan keessatti kan dhidhiman akka ta’ellee IOMn waabefachuudhaan gabaasituun VOA Maargaareet Beeshiir dhaabbata mootumootaa irra gabaasteetti.
Kana dursee oduu Asoosheetiin gabaasameen immoo, bidruuwwan godaantotaa hedduu fe’anii biyya Jibutii irraa gara  biyya Yamanitti imalaa turan Afur galaana  irratti qilleensa hamaan garagalanii dhidhimuun namoonni lama du’ani, kaan 186 kanneen  ta’an bakka buuteen isaanii akka hin beekamiin  dhabbatichumti mootumoota gamtoomanii ka kdhimma godaantotaa IOM jimaata har’aa ibsee ture.  
Bidruuwwan kun kan dhidhiman Kamisa kaleessa akka ta’e kan ibsee IOM, namoottan acchi irra turan caalaan isaanii lammiilee Ityoophiyaa akka ta’an  eereera.
Naannoo Yamanitti itti gaafatamaa IOM kan ta’an Abdusator Eso’ev bidruuwwan lama namoottan 30 fe’anii imaala akka turan baramuu isaa mirkaneesanii, bidruuwwan biroo lamma immoo namoottan 150 ol ta’an fe’uun isaanii akka hin oole dubbataniiru.  Itti gaafatamaan kun akka madda oduu Ajaans Firaans Preesiti /AFP ti himaniin namootta 187 ta’an bishaan keessatti dhidhimuun isaanii hin oolle.
Bidruuwwan kana keessaa lammilee Ityoophiyaa turanii alatti namoottan Shan warren bidruuwwan sana oofan lammilee yemmuu ta’an, kaneen lakoofsii isaanii 57 ta’u immoo dubartoota akka ta’an himameera.
Maddi oduu Assooshiyeetid Prees /AP gama isaatiin  akka gabassetti namoottan amma ammatti hin argamnee keessaa 181 kan ta’an lammilee Ityoophiyaa yemmuu ta’an ,Shan immoo lammilee biyya Yamani.
Hojjattoonni IOM Jibuutii keessa maandhefatan namoottan lubbuudhaan jiran baraaruuf yaalii gochaa akka jiran kan ibsan itti gaaftamaan IOM, lammiileen Ityoophiyaa karaa Jibuutii gara Yamanitti imalan ammayyuu akka hin dhabbanne himaniiru.
Karaan imalii kun itti tasifamuu kun aduunyaa irraa bakka bala qabeesaa ta’an keesaa issa tokkofaa yemuu ta’u, bara 2024 namoottan Jibuutii irra gara yemenitii imaala bala qabeessa kana taasisan keesaa kuma 60 kan ta’an imala isaanii xumuruudhaan Yamaniin gahaniiru.
Akka gabaasa IOMti namoonni 558 ta’an immoo galaana irratti lubbuu isaanii dhabaniiru.
Godaansa  harkii caalan sababa dinagdeetiin walqabatee taasifamuu Kanaan harka sadii keessaa harkii tooko dubartoota akka ta’an kan ibsee IOM, ji’a darbe keessa bidiruun tokko galaan diimaa keessatti dhidhimuu isaatiin kan ka’ee, lammileen Ityoophiyaa 20n du’uu isaanii galmeesuu isaa akka ibse maddi oduu AFP gabaaserra. 
Jarmaniin Waldhabdee Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoon Walqabatee Gargaarsa Haaraa Ruwaandaaf Gootu Dhaabde
            <description>Jarmaniin Ruwaandaa dhaaf kan kennitu gargaarsa misoomaa haaraa kan dhaabdee fi walitti bu'iinsa biyya Afriikaa hollaa ishee Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo keessaa qooda isheen qabaatteef deebii kennuuf jecha waadaa haaraa galte illee gamaaggamaa akka jirtu Kibxata kaleessaa beeksistee jirti.
Ministeerri misooma Jarmanii akka jedhetti Berliin tarkaanfii kana dursitee Ruwaandaa kan beeksiste yoo ta’u baha Koongoo keessatti fuula duratti tarkaanfataa kan jiru garee M23 deggeruu akka dhaabdu gaafatee jira.
Koongoo, hayyoonni Tokkummaa Mootummootaa fi humnoonni gama dhiyaa Ruwaandaan garee kana deggeruu ishee qeeqanii jiru. Ruwaandaan immoo kana haaluu dhaan milishoota Hutuun dursaman kanneen warra Tutsii Koongoo keessaa fixuu barbaadanii fi Ruwaandaaf balaa ta’an akka of irraa ittisutu beeksiste.
Ministriin dhimma alaa Ruwaandaa tarkaanfiin Jarmanii kun dogoggoraa fi kan bu’aa hin qabaannee dha jedhee jira.
Ministeerri Dhimma Alaa Ruwaandaa ibsa Kibxata galgala kenneen, “Biyyoonni akka Jarmanii tasgabbii dhabuu naannoo kana keessatti irra deddeebi’amee mul’atuuf seenaa keessatti itti gaafatamummaa qaban tarkaanfiiwwan gama tokkoo, dirqisiisaa hojiirra oolchuu irra kana caalaa hubachuuu qabu” jedheera.
Ministeerri Jarmanii akka jedhetti Barliin yeroo dhumaaf Onkoloolessa bara 2022tti Ruwaandaaf gargaarsa doolaara miiliyoona 98 bara 2022 hanga 2024tti akka gotu waadaa galtee turte.
Gareen M23 baatii Amajjii irraa eegalee naannoo baha Koongoo fi kuufama albuudaa gatii guddaa qabu to’atee jira.
Haleellaan amma deemaa jiru kun waldhabdee yeroo dheeraaf ture keessatti kan hammaataa dhufe yoo ta’u, kunis ba’ii duguuggaa sanyii Ruwaandaa kan bara 1994 fi qabsoo qabeenya albuudaa guddaa Koongoo to’achuuf godhame irraa kan eegaledha jedha gabaasi Rooyitersi kun.
Masriin Hoggantoonni Biyyoota Arabaa Karoora Waa'ee Gaazaa Kan Tiraamp Dhiheessan Irraa Faallaa Waan Tahe Raggaasisan Jette
            <description>Hooggantoonni Arabaa doolaara biliyoona 53 kan fixuu fi Faalisxiinonni qabiyyee isaanii keessaa akka hin buqqaane kan taasisu karoora deebisanii ijaaruu Masriin Gaazaaaf dhiyeessite Kibxata kaleessaa raggaasisaniiru. Kunis pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp naannichaaf qaban faallaa dha.
Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattaah El Sisii yaadi kun fudhatama arachuu isaa kan dubbatan Kaayirootti kan geggeessame xumura gumii hoogganootaa irratti haasaa dhageesisanii ture.
Wal ga’iin Masriin qophaa’e kun  kan Amiirii Qaataar, itti aanaa pirezidaantii Tokkummaa Emireetota Arabaa fi ministeera dhimma alaa Saaudii Arabiyaa irratti hirmaatan ture.
Karoorri Masrii kun yaada Tiraamp baatii Amajjii keessa dhiyeessan kan Falasxiinota Gaazaan alatti sochoosuuf yaada dhiheessaniif kan deebii kennuu dha. Karoorri Masrii jiraattonni Gaazaa, yeroo hojiin naannicha qulqulleessuu fi dhukaatota  bakkicha irraa qulleessuun hojjetamu Gaazaa keessa naannoo addaa torba keessa qubsuma yeroof ta’u keessa turuu qabu jedha.
Masrii fi biyyoonni Arabaa hedduun karoora Tiraamp kan Gaazaaa bakka bashannanaa fi jireenyaa taasisuuf  yeroo hojiin deebisanii ijaaruu geggeessamu Falasxiinota Gaazaa keessaa baasuuf qaban irratti walii hin galan.
Walgahii kana irratti Siisiin Tiraamp Gaazaa deebisanii ijaaruuf gargaaruuf carraaqqii taasisaniif galateeffataniiru. Karoorri Masrii qaama bulchiinsaa yeroofii kan naannoo sana bulchu kan of keessatti hammate ta’uu ibsaniiru.
Masriin humni poolisii Falasxiin haaraan leenji’ee waan barbadaa’e deebisee ijaaruuf maallaqni ennaa walitti qabamu,  gareen ogeeyyii yeroo muraasaaf Gaazaa akka geggeessan yaada dhiheessitee jirti. Siisiin ji’a dhufu Masriin konfiraansii deeggarsa walitti qabuuf karoorsame akka qopheessitu eeraniiru
Kan Yunaayitid Isteetis dhaabba shororkeessummaa gochuun moggaafte Hamas , yaada kana kan deeggaru yoo ta’u, Israa’el ammoo qeeqxee jirti. Ministriin dhimma alaa Israa’el, wixineen gumicha Arabaa irratti dhiyaate
Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el yaadni yaa’ii Arabaa kun haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, bara 2023 raawwatee fi  kan waraana sana kakaase hordofee haala qabatamaa jiru “dhiyeessuu hin dandeenye” jedhee jira.
Prezidaantiin Faalisxiin yaada Masriin dhiyeessite simatanii, Tiramp karoora Faalisxiinota qe’ee isaanii irraa hin buqqaasne akka simatan waamicha dabarsaniiru.
Manni Itti-Aanaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Waraanaan Marfamuu fi Michoonni Isaanii Hedduun Hidhamuun Himame
            <description>Michoonni itti aanaa prezidaantii Sudaan Kibbaa hedduun erga hidhamanii fi gareen hidhate kan michuu isaanii ta’e maadhee waraanaa Kaaba biyyattii jiru erga weeraree booda Loltoonni Sudaan Kibbaa Roobii har’aa mana itti aanaa Pirezidaantii Riyaak Machaar kan magaalaa guddoo biyyattii keessaa marsanii jiru.
Associated Press akka gabaasetti, Kan wal mormiin siyaasaa pirezidaant Saalvaa Kiir waliin jiru yeroo darban keessa gara wal waraansaatti geesse Machaar ji’a darbe akka jedhanitti, michoota isaanii hedduu taayitaa mootummaa irraa ari’uun walii galtee nageenyaa bara 2018 Isaanii fi Kiir waliin irra ga’ameee fi wal waraansa waggoota shanii kan uummata 400,000 ol galaafate balaaf saaxila jedhan.
Kan Machariif amanamoo ta’a itti aanaa hoogganaa waraanaa Jeneraal Gabri’eel Duup Laam ennaa lola Kaaba biyyattii to’annaa jala kan oolan yoo ta’u, Michuu Machaar kan ta’an ministeerri Pertrooliyeemii Poot Kaang Chool illee Roobii har’aa waardiyyaalee fi maatii isaanii waliin to’annaa jala oolaniiru. Hidhamuu kanaaf sababaan kenname hin jiru.
Machaaris ta’e paartiin isaanii SPLM-IO waa’ee lola jiruu yaada hin kennine, garuu ministeerri dhimma bishaanii Paal Maa’ii Deeng kan dubbi himaa paartichaa ta’an akka jedhanitti, hidhamuun Laam guutummaa walii galtee nageenyaa sana balaa irra buusa.
Jiloonni warren gama dhiyaa torban darbe hoogganoonni kun muddama jiru akka gad xiqqeessan gaafataniiru.
Daayirikterri ol aanaan waalta nageenyaa fi leellistummaa kan ta’an Teer Manyaang Gaatwiich hookkarri akka hin hammaanne akkasumas dhiigi itti dabalaa dhangala’ee gara waraana guutuutti akka hin geessine ittisuuf kanneen hidhaman battala akka gad-dhiisaman gaafataniiru.
Sudaan Kibbaa hanga ammaatti waliigaltee nagaa bara 2018 guutummaatti hojiirra oolchuu kan hin dandeenye yoo ta’u, filannoon bara darbe gaggeeffamuuf ture sababa hanqina maallaqaatiin waggaa lamaaf dabarfamee jira.
 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 
            <description>Maddi oduu Asoosheetid Prees akka gabaasetti biyyoottan adda addaa irraa gara biyya Keeniyaa dhaqanii mooraa baqattootaa Kaakumaa jedhamu keessa qubatanii jiraan, sababa raashina nyaataatiin walqabate mormii kaasaniin Poolisootaa wajjin walitii bu’anii dhukaasa Poolisoonni raawwataniin namoottan Afur madaa’aniiru.
Baqatoonni Sudaan kibbaa, Ityoophiyaa, Burundii fi Koongoo irraa ballla Umamaafi walitii bu’insaa baqatanii  gara Keeniyaa dhaqan Kumaatamaan lakkawaman Wixata kaleessa mormii kan kaasan, dhaabata mootummoota gamtoomanitti sagantaan midhaan nyaata WFPn hanqina baajataa irraa kan ka’e raashinaa akka hirdhisu erga beeksisee booda akka ta’e beekameera.
  Sagantaan nyaata Aduunyaa ji’a mudee darbee keessa akka beeksisetti, biyyoottan degersa kennan gargaarsa isaanii waan hirdhisaa jiranuuf fedhii namoottan gargaramanu guutuu akka hin dandeenyee beeksisee, yeroo sana midhaan nyaataa inni of harkaa qabuu dhibeentaa 45 qofa akka ture beeksiseera.
Waggootan Afuraan darbanii kaasee akka hanqinaa baajataa qabuu kan ibsaa ture sagantaan nyaata aduunyaa, sababa  Perezidaantii Yunaayitid Isteets Doonalad Traamp gargaarsaa biyyaa alaa dhaabaniif baajata dhabuudhaan kan ka’e waajjira isaa biyyaa Afrikaa kibbaatti argamu cufuu isaa Wixata Kaleessaa beeksisee jira.
Keeniyaan yeroo ammaa mooraawwaan kaneen gargaarsaa biyyaa alaa irratti hundaa’anii jiranii  gara qubsuma qubachiisuutti  ceesisuuf hojachaa kan jirtu yoo ta’u, bakaawan wagoottan dheeraaf mooraa baqatootaa turan Kaakumaa fi Dadaabin gara bulchiinsa magaalotaatti akka geedaraman taasisuun ishee beekameera.
Karoorri Biyyoota Gaanfa Afrikaa Haala Jijjiirama Qilleensatiif Dursee Qopheessu Baasame
            <description>Yeroo haalawwan  jijjirama qileensaatin walqabataniin balaan biyyoottan irra gahu dabalaa deeme kanatti, dhaabbanni daldalaa fi walitti dhufeenyaa biyyoottan Gaanfa Afrikaa irratti hojjatu, dhaabilee dhimmaa namoomaa wajjin ta’uudhaan, karoora dursanii  tarkaanfii fudhachuu fi kan akeekkachiisa qopheessee jira. Dhimma kana irratti gabaasa Jumaa Majaangaa Naayiroobii irraa erge, Bafiqaaduu tu dhiheessa.
Keeniyaa Keessatti Iddoon Bineeyyii Bosonaa Dhiphataa Deemuu Ogeeyyiin Beeksisan  
            <description> Saboonni guyyaa lubbuu qabeeyyii bosona keessaa yeroo kabajaa jiran kanatti, turizimii bineensota bosonaa irraa galii guddaa kan argattu keniyaa keessatti, iddoowwan lubbuu qabeeyyii bosonaa jiran xiqqaachuu ogeeyyiin kunuunsaa kan biyyatti akeekkachiisaa jiru.
Waggoota kurna lamaan darban keessatti tattaaffiin kunuunsaa gosoota lubbuu qabeeyyii kanneen balaadhaaf saaxilaman hedduu akka dandamatan kan taasise yoo ta'u, bineensonni kun sababa balaa jijjiirama qilleensaa fi amala namaa balleessuu socho’uu irraa madden, bakka jireenyaa bal'aa dhabaa jiru jechuun roogeeyyiin akeekkachiisu.
Garuu carraa koridoorii bineensota bosonaa jedhamuun beekamu keessattis lafa naannoolee walqunnamsiisan sochii dhala namaatiin adda baafaman walitti fiduuf carraan akka jiru ibsan.
Gareen kunuunsaa koridoorii akkasii uumuuf yaalaa jiru tokko dhaabbata kunuunsa bineensota bosonaa “Lewa Wildlife Conservancy” jedhamu yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 260 fagaatee argama.
Dhaabbanni dhuunfaa Keeniyaa kun koridoorii dabalataa uumuuf kaayyeffate dhaabbata kunuunsa bineensota bosonaa Lewaa kan Keeniyaa kaaba keessatti hojjata.
Bineensonni bilisaan akka socho’an hayyamuu fi taateewwan waldhabdee namaa fi bineensota bosonaa gidduu hir’isuudhaan, koridooroonni akkasii guddina baay’ina bineensota bosonaa ni deeggaru.
            <category>Afrikaa</category><enclosure url="https://gdb.voanews.com/04a1cb19-101d-473f-0721-08dd4a817621_w800_h450.png" length="0" type="image/png"/>
Keeniyaa Keessatti Jijjiiramni Miidiyaa Gara Dijitaalaatti Taasisame Dorgaggootaaf Madda Odeeffannoo Filatamaa Tahee Jira
            <description>Biyya Keeniyaa keessatti namoottan hedduun kan odeeffannoo argachaa jiran karaa toora miidiyaa hawaasatiini. Jijjiramni  gara Dijitaalaatti taasifamaa jiru halaa dirree midiyaa jijjiiraa jira. Keeniyaa keessatti gareen Tuukoo jedhamuufi hojii miidiyaa hawaasaa irratti bobba’ee jiru, dargaggoota midiyaalee fayyadamaniif filannoo garii ta’ee jira. Gareen kun akkaataa itti gafatamummaa gaazexeessummaa fi fedhii bara dijitaalaa walsimachiisuudhaan hojjachaa jiru irratti gabaasa Victoria Amunga tin Nayiroobii Keniyaa irraa qophaa’e Bafiqaaduu tu dhiheessa.
Naayijeriyaa Keessatti Proojektiin “Lafarraa Horadhu,” Jedhamee Eegalame, Oomisha Qonnaan Bultootaa Alatti Ergamu Dabalaa Jira
            <description>Mootummaan Naayijeeriyaa bara 2025tti jalqabbiin yaada “Earn From the Soil" yokaan “Dhacheerraa Horadhu”  jedhee waamuun akka waaltaa daldala al-ergii omisha qonnaa biyyatii ol kaasuuf fedhu ibsaa jira. Sagantaan kun galii biyyaatti isa boba’aa irratti hirkattee jiru  hir’isuuf yaalii taasifamaa jiru keessaas tokko akka  ta’e tu himame. Gabaasaa Emeekaa Gibsen, Bafiqaaduu Morodaa tu dhiheessa.
Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu  Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira
            <description>Humni addaa Sudaan inni “RSF “ jedhamu jalqaba torbaan kanaa irratti bakkoota to’annaa isaa jala jiran keessatti abbaa taayitaa bulchiinsaan hundeessa jechuu isaa irraa yaaddoo qabaachuu miseensonni mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii himan.
Gareen humna addaa Sudaan ‘RSF’ , garee hidhattootaa biroo fi kan siyaasaa waliin ta’uun torbaan darbe Keeniyaatti walii galtee ykn Chaarteera fuula 16 qabu waliif mallatteessaniin kutaa biyyattii bakkoota gareen humna addaa kun to’atee jiru keessatti abbaa taayitaa bulchinsaaa hundeessuu kan jedhaudha. Gareen hidhattootaa kunneen Lixa Sudaan irra guddeessaan naannoo Daarfuur dabalatee to’annaa isaanii jala galchaniiru. Mana maree gola nagaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti miseensota biiyyota Afirkaa sadii Aljeeriyaa, Somaaliyaa fi Seeraliyoon bakka bu’uun ibsa kan kenne itti aanaan Ambaasaddara Aljeeriyaa Toofik Kudrii “ kun tarkaanfii balaa qabu tattaaffii Sudaan keessatti nagaa fi waliin dubbii itti fufee jiru kan daandii isaa irraa maqsu” jedhee gareen humna addaa Sudaan RSF fi michoonni isaanii hunda caalaa ilaalcha tokkummaa fi dantaa biyyaaleessaa Sudaaniif dursa kennuun tarkaanfii amma itti jiran duubaatti akka deebisan waamicha dhiyyeessaf jedheera.
Hoogganaa olaanaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guutereezh Wiixata darbe ibsa kenneen sochiin gareen humna addaa Sudaan RSF itti jiru wal waraansa Sudaan keessaa waggoota lama lakkoofsiisaa jiru dheeressuu mala jechuun akeekkachiiseera.
Qindeessaan siyaasaa Yuunaayitid Isteetisi Joon Keelii Sudaan tokkummaan ishee eegame keessatti bulchiinsi Siivilii akka uumamu ni deeggarra jedhee yaaliin amma gareen humna addaa fi michoonni isaanii bulchiinsa hundeessuuf itti jiran Sudaan keessatti nagaa buusuuf hin gargaaru jedheera.
Ambaasaddarri Biriitish Barbaraa Wuudward waraana Sudaan keessatti xumura taasiisuuf chaarteera dhaabbata mootummoota gamtoomanii Sudaan tokkummaa, abbaa biyyummaa fi daangaan ishee eegame kabajuun irra jiraatama jetteetti.
Mana marichaaf ergamaan Sudaan Al-Hariit Idriis Al- Mohaammed gareen humna Addaa Sudaan RSF fi michoonni isaa Chaartara akkanaa akka mallatteessaniif biyya ishee keessatti eeyyamuu isheef Keeniyaa komateera. Mana marichaatti Ambaasaddarri Keeniyaa Erastas Lokalee deebii kenneen Keeniyaan carraan marii fi walii galtee garee hawwaasa Sudaan walitti fidu akka jiraatu cimsitee kan mantu,waldhabdeen Sudaan keessatti uumame saffisaan akka xumuramutti waliigaltee Sudaan babal’isuuf qoqqoodinsa siyaasaa keessa darbee haala mijeessuuf waadaa galte keessattis ga’ee ishee ba’achaa turte jedheera.
Wal waraansa Sudaan keessatti hanga mmaatti deemaa jiruun namoonni miiliyoona 12 ol qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru akka gabaasa dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti.
Falmii fi Biyyoonni Dinagdeen Guddatan Wal Ga’ii G20 Kan Afriikaa Kibbaa Irraa Hafuun Tumsa Addunyaa irratti Shakkii Uume
            <description>Ministiroonni maallaqaa hedduun walgahii Garee biyyoota dinagdeen guddatan kan G20 Afrikaa Kibbaa keessatti Kibxata darbe geggeessame irraa kan hafan yoo ta’u, angawoonni olaanoo biroon ammoo walgahii dhimmoota ijoo haala qilleensaa, liqaa fi walqixxummaa dhabuu irratti waldhabdee uumameen  imala gara wal ga’ichaa dhaquu irraa hafanii jiran jechuun Rooyiters gabaaseera.
Walgahii Chaayinaa, Raashiyaa, Gamtaa Awurooppaa fi Yunaayitid Isteetis of keessaa qabuuf yeroo hunda ibsa tokko irratti waliigaluun cimaa dha. Garuu garaagarummaan yeroo kamiyyuu caalaa cimaa waan ta'eef ministiroonni maallaqaa tokko tokko siyaasa biyya keessaatiin garmalee waan qabamaniif walgahii guyyoota lamaaf Keep Taawunitti gaggeeffamuu irratti hin argamne.
Biyyoota G20 keessaa kanneen dinagdeen isaanii guddaa ta’e, Yunaayitid Isteetis, Chaayiaa, Jaappaan, Hindii fi Kanadaan sirna kana irratti hin argamne. kunis isaan fi baankota giddugaleessaa walitti fiduun qormaata dinagdee addunyaa irratti mari’achuuf kan yaadamedha. Angawaa olaanaa diinagdee Gamtaa Awurooppaas akkasuma hin argaman hafan. Argamuu dhabuun isaanii kun ibsa tokko irratti kan duraanii walii galuuf carra xiqqaa qabu daran irratti walii galuuf rakkisaa taasiseera.
Itti dabalees kan wal ga’ii sana keessummeessan prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Sirl Ramaafoosaa dhimmootii ijoo kan isaan jedhan irratti walii galuufis abdiin jiru xiqqoo dha.  
Isaan keessaa hanqina maallaqa haala qilleensaa biyyoota dureeyyii irraa argamuu, sirna faayinaansii biyyoota hiyyeeyyii miidhu jijjiiruun barbaachisaa ta’uu fi wal-caalmaan guddachaa dhufe ka jedhu dha. Haasaa baniinsaa dhageessisaniin, “Sabatiinsi addunyaa dhabamuu fi haala muddamni hammaatee jiru yeroo kanatti miseensonni biyyoota dinagdeen guddatan kan G20 waliin hojjechuun yeroo kamiinuu caalaa barbaachisaa dha” jedhan.
Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate
            <description>Xayyaarri waraanaa Sudaan naannoo maneen jireenyaa jiran kan buufata xayyara waraanaa magaalaa guddoo lammataa Omdurmaan cinatti kufee caccabuu dhaan namoonni afurtamii ja’a du’u waajjirri sabaa himaa kan Kaartuum keessaa kan beeksise yoo ta’u maddeen waraanaa akka jedhanitti kanneen du’an keessaa tokko ajajaa waraanaa gameessatu keessatti argama.
Balaan kun kan dhaqqabe Kibxata kaleessaa galgala buufata xayyaaraa Waadii Sayidnaa Omdurmaan gama kaabaatti ture. Waraanni Sudaan akka jedhetti angawoonni waraanaa hedduu fi simiilonni balaa Kanaan du’uu beeksiseera, garuu ibsa dabalataa hin kennine.
Balaan xiyyaarichaa sababa rakkoo teeknikaa irraa kan ka’e ta’uu maddeen waraanaa himaniiru. Waajjirri miidiyaa akka beeksisetti namoonni 10 madaa’anii jiran.
Namoota du’an keessaa ajajaa olaanaa Kaartuum kan ta’an Meejar Jeneraal Bahr Ahimed tokko yoo ta’u, kanaan dura ajajaa waraanaa guutuu magaalaa guddoo biyyattii ta’uun tajaajilaa ka turan ta’uu maddeen waraanaa beeksisaniiru.
            <category>Afrikaa</category><enclosure url="https://gdb.voanews.com/57701611-9d2b-460c-0286-08dd4a817621_w800_h450.jpg" length="0" type="image/jpeg"/>