Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jireenyi Keenya Isa Du’een ol Isa jiruun Gadi Ta’e ! Kadir Martuu Eessa Jira? Kutaa 3ffaa


Baqatoota Oromoo yemeen keessatti rakkachaa jiran kan ilaaleen waajirri baqatootaa kan Tokkummaa Mootummotaa ykn UNHCR deebii kenneen gareen baqatootaa mooraa immigreeshinii kan sana’aa keessa akka jiraniif gargaarsa nyaataa fi wal’ansa fayyaa kennaa jirra jedha.

mootummaan yemen irra deddebii’ee baqatonni kun yeroo barbaadanitti immigreshinii kana keessaa ba’uu akka danda’an hubachisaa jira.Baqatonni kun hidhamanii jiru inni jedhu soba kan jedhu UNHCR gadhiisaa deemaa jennaan didan jedha.

Gama kaaniin Baqatonni mooraa al Qraras keessa jiran kuma 18 kan jedhu UNHCR gama nyaataa, wal’ansa fayyaa, barnootaa fi gargaarsa hawaasummaa argataa jiru.Kunis garee baqattootaa dhiyeenya kana fedhii isaaniin gamasitti geessaman dabalata jedha.

Gama kaaniin wellisaa Kadir martuu bakka dahannaa gaafataa jiru kaartuum sudaan keessatti eessa buuteen eega dhabamee booda wajiirri UNHCR kaartuum jiru dhimmi wellisaa Kadir Martuu kutaa dhimma lammiwwan alaa ilaaluu irraa gara kutaa Tika nagaa biyyooleessaatti darbuu isaa kibxata kaleessaa hubannee jirra jedhan.

Dubbi himaan poolisii kaartuum garuu eyyama malee waan sirbeef, akeekkachisI kennameef malee gonkumaa hin hidhamne jechuun isaanii ni yaadatama.Kadir eessa buteen isaa ituu hin dhabamin dura hidhamuu qofa otoo hin taane mana murtiitti dhiyaatee adabi qarshii 300 fi akka biyyatti deebifamu irratti murtaa’ee ture jedhu baqattonni.

Nama dhimmi isaa harka Tika nagaa biyyooleessaa seene UNHCR qunnamuuf eehama hin qabu garuu kan dandeenye mara yaalla jedha UNHCR Kaartuum.

Gabaasaa Guutuu MP3 Tuquun Dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG