Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Meles Zeenaawii Fooya’aniiru jedhu Angawoonni Itiyoopiyaa


Gaazexaan Reporter jedhamu maxxansa isaa har’aa irratti Itti gaafatamaa waajjira komunikeeshinii mootummaa obbo Bereket Simooniin maqaa dha’uun akka gabaasetti fayyummaa meles zenawii ilaalchisee hamee tokko tokkoof mootummaan deebii kan hin kennine beeksisuu isaanii ibsee jira.

Gaazexaan kun itti dabaluu dhaan baatii darbee qabee oduun muummichi ministeerichaa du’aniiru jedhu hafarfamaa turuu isaa tuqee keessumaa guyyaa keleessaa TVn ESAT jedhamu garee International Crisis Group jedhu wabii godhachuu dhaan muummichi ministeerichaa du’uu isaanii gabaaseeraa jedha.

Gareen International Crisis Group jedhamu garuu waa’ee fayyummaa muummicha ministerichaa hagas kan hin beekne ta’uu isaaf gaazexaan reporter marsaa internetii garee kanaa tuquun gabaaseera. Fayyummaan isaanii haala gaarii irra jira. jedhan obbo Bereket

Dhaabbata kan akka ICG wabii godhachuu dhaan hamee hafarsuun jiraachuu isaa agarree jirra. Kan odeessu ni odeessa. Mootummaan hamee wajjin waan adeemuuf sababaa tokko iyy hin qabu. Hojii isaa hojjeta.

Fayyummaan muummicha ministterichaas isa yeroo darbee irra haala gaarii irra jira. boqonnaa irra jiru jedhan Obbo Bereket

Obbo Meles dhukkubsachuun isaanii sirriitti kan mirkanaa’e Adoolessa 2-6tti Finfinneetti kan geggeessame gumii 19ffaa kan hoogganoota Afrikaa irratti ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG