Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhamtoonni Siyaasaa Nyaata Lagachuun Mormii Dhageessisan


Paartiin tokkummaa dimokraasii fi haqaa hidhamtoota sammuu ti kan ittiin jedhee fi kanneen mana hidhaa qaallittii keessatti argaman nyaata lagachuun mormii isaanii geggeessaa kan jiran ta’uu ibse.

Mormii kana kan dhageesisanis miidhaa isaan irra ga’e qaamni isaaniif ilaalu dhabamuu isaaf ta’uu paartiin kun beeksisee jira jechuun Meleskachoo Amhaa gabaaseera.

Paartiin kun hidhamtoonni nageenya isaaniif kan sodaachisan yakkawwan hedduun irratti raawwataa jira jechuu dhaan ibsa barreeffamaan kaleessa baaseen himatee jira.

Galmeelee mana hidhaatiin argadhe jedhe tuquu dhaanis hidhamtoota kana irra miidhaa ga’e jedhes tarreessee jira. Kana keessaas murtiin utuu hin kennamin turuu isaa, angawootaa fi poolisoota mana hidhaa sanaan kan irratti raawwatamu gocha farra namoomaa fi dhiibbaa isaan irra kaa’an ka jedhu of keessaa qaba ibsi sun.

MP3 tuquun gbaasa guutuu dhaga'aa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG