Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa Mallas Zeenaawwii Du’aan Boqotan


Muummcihi ministeeraa Mallas Zeenaawwii dhalatanii umurii isaanii waggaa 57tti dhibee isaan mudateen biyya alaatti wal’aansa fayyaa fudhataa erga turanii booda kaleessa du’uu isaanii ministeerri kominikeeshinii Itiyoopiyaa obbo Bereket Simoon beeksisaniiru.

Sirna awwaalcha muummicha Ministeeraa mallas kan qindeessu miseensota torba kan of keessaa qabu koreen biyyoolessaa kan dhaabate si’a ta’u alaabaan biyyattii gad butamee akka fannisamu murteessameera. Obbo Bereket Simoon har’a gaazexeessotaaf ibsa kennaniin sirni awwaalcha obbo Mallas Zeenaawwii hanga raawwatutti guutummaa biyyattii keessatti yeroo gaddaa biyyoolessaa ta’ee tura.

Akka heera biyyattiitti itti aanaa muummichi ministeeraa fi ministeerri dhimma alaa obbo Haile Maariyaam Dessaaleny biyyattii taayitaa guutuun geggeessuuf itti gaafatama fudhachuun isaanis ibsamee jira. Gumiin walii galaa kan mana marii add warraaqsa dimokraasummaa yeroo geggeeffamuttis filannoon muummicha ministeeraa kan geggeessamu si’a ta’u itti aanaa ministeeraa obbo haile Maariyaam Desaaleny itti gaafatama paartichaas mootummaa qabatanii kan itti fufan ta’uu haalli itti danda’amu jiraachuunis ibsameera.

Du’uu muummicha ministeera Mallas Zeenaawwiin wal qabatee biyyattii keessatti homtuu waanti haaraan kan hin uumamne kan ibsan Obbo Bereket sirni heeraa cimee itti fufa jedhaniiru.

Muummichi Ministeeraa mallas Zeenaawwii waltajjiiwwan addunyaa irratti lammiiwwan Itiyoopiyaa fi Afiikaa bakka bu’uu dhaan nagaa fi tasgabbii buusuuf ciminaan hojjetniiru jedhamuun biyyootii alaatt faarfamaniiru. Gareeleen mirga namaaf falman garuu sabaa himaalee dhuunfaa ukkaamsuu dabalatee dhiitamiinsa mirga namaa hedduu dhaan qeeqaniiru.

Muummichi ministeerichaa yeroo dhumaaf waltajjii irratti kan dhiyaatan xumura baatii Waxabajjii jechuunis guyyoota shantama dura si’a ta’u haalli fayyummaa isaanii fi eessa akka jiran baatilee hedduuf falmisiisaa turuun isaa ni yaadatama.

Obbo Meles IHADEG gara aangootti kan dhufe bara 1983 qabee dursanii Itiyoopiyaa Prezidaantummaa dhaan waggoota digadamaa oliif immoo muummicha ministeeraa ta’uun hooggananiiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG