Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamtoonni Presidentummaa Ameerikaa falmii Na filadhaa Itti Fufan


Kaadhimamtoota Presidantummaa Ameerikaa Barack Obama fi Mitt Romney
Kaadhimamtoota Presidantummaa Ameerikaa Barack Obama fi Mitt Romney

Falmii dorgommii presidentummaa United States Roobii darbee ilaalchisuu dhaan komishina mirga namaa mootummaa Ohio irraa Dr. Beyan Asoobaa ibsa nuuf kennanii jiru.

Kaayyoon falmii dorgomii presidentummaa kanaa maali, kaadhimamtoonni lamaan president Barack Obamaa fi bulchaan kutaa massachusetts duraanii Mitt Romney falmiin geggeessan maal irratti hundaa’e isa jedhu Dr. Beyan ibsanii jiran.

Xiinxaltoonni hagi tokko akka tilmaamanitti Mitt Romneyn erga falmii roobii darbee qabee deggersi uummataa isaan argatan kan Obama caaluu mala jedhu. Dr. Bayyaan akka jedhanitti garuu falmiin yeroo tokkoo qofti filannoo presidentummaa murteessuu hin danda’u, kanaaf falmiin itti dabalaa jira waan ta’eef yeros ilaalama jedhan.

Dinagdeen falmii isaaniif dhimma ijoo yeroo ta’u uummati hedduunis kan inni irratti fuuleffatee jiru dhimma kana irratti waan ta’eef duulli filannoo geggeessamaa jiru kaadhimamaan inni kam daran dinagdee biyyattii akka fooyessu irratti.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa mallattoo armaan gadii tuquun dhaggeeffadhaa.

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:49 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG