Xurree ittiin seenan

Breaking News

Musliima Hedduutti imbaasii Itiyoophiyaa DC Jiru Duratti Hiriira Bahe


Warrii hiriira bahee kun akka jecha Sheek Khaliid Mohaammaditti nama,DC,VA,fi MD dhufee rakkoolee himachuuf dhufe.

Sheek Khaliid Imaama Majida First Hijira Foundataion WDC jiruuti mootummaan Musliimaa Itoophiyaa deebii kennuu diduutti hiriira isaan baase.

“Wantii dhufneef biyya Itoophiyaa keessatti shororkaa amantii Islaama irratti amma deemaa jirtu,Ah-Bash Islaama Itoophiyaa irratti fahuu,filmaatii majliisa keennaa masjida keennatti ha nuu godhamuu fi madrasaan Hawaliyaa akkuma duraa ummataa haa deebitu ka jedhu himachuuf.”

Akka Sheek Khaliiditti Koreen adoo rakkoo Musliimaatii fala barbaadanuu hidhamanileen hiikaman gaafachuu dabalee waan hedduutti gaafatame.

Jarii hiriira bahe kun akka jecha Sheek kanaatti waan baheef kanallee bareeffamaan himachuuf mootummaa Itoophiyaalleetti xalayaa kennachuullee hin fedhuu hiriiruma bahee rakkoo himatee galuu fedhe.

Hiriirii Musliimaa kun Embaasii Itoophiyaa dura saatii sadii haga jahaa ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG